02/2006 irratti hundaa`uun adabbii murteessuu
Transkript
02/2006 irratti hundaa`uun adabbii murteessuu
www.abyssinialaw.com Inistitiyuutii Leenjii Ogeessota Qaamolee Haqaa fi Qo’annoo Seeraa Oromiyaa QAJEELFAMA ADABBII ITOOPHIYAA FOOYA’EE BAHEE Lakk- 02/2006 IRRATTI HUNDAA’UUN ADABBII MURTEESSUU MOOJULII LEENJII HOJII IRRAA Qopheessitoonni: Tolasaa Damee Mul’isaa Ejjetaa Gulaaltoonni: Darajjee Ayyaanaa Nooh Taakkalaa www.abyssinialaw.com GABAAJEE 1) A.L.I- Akka Lakkoofsa Itoophiyaatiin 2) A.L.A- Akka Lakkoofsa Awurooppaatiin 3) MMO - Mana Murtii Ol’aanaa 4) MMW- Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa 5) MMA- Mana Murtii Aanaa 6) FDHI- Federaalawaa Dhaddacha Ijibbaata 7) HRDFI- Heera Ripabiliikii Dimookraatawaa Federaalawaa Itoophiyaa 8) SYRDFI-Seera Yakkaa Ripabiliikii Dimookraatawaa Federaalawaa Itoophiyaa 9) SDFY-Seera Adeemsa Falmii Yakkaa 10) L.G.M.M-Lakkoofsa Galmee Mana Murtii 11) L.G.A.A-Lakkoofsa Galmee Abbaa Alangaa republic www.abyssinialaw.com BAAFATA Mata-duree Fula Seensa Waliigalaa.....................................................................................................................1 BOQONNAA TOKKO Adabbii Akka Waliigalaatti Seensa........................................................................................................................................3 1.1 Adabbii fi Bulchiinsa Sirna Haqaa Yakkaa Itoophiyaa.......................................................3 1.2 Kaayyoo Adabbii.................................................................................................................6 1.3 Murteessa Adabbii Ilaalchisee Muuxannoo Biyyoota Adda Addaa....................................8 1.4 Murteessa Adabbii Bu’aa Qabeessa Gochuudhaaf Imaammata fi Seerooni Itoophiyaan Qabdu................................................................................................................................11 1.4.1 Heera RDFI................................................................................................................11 1.4.2 Imaammata Bulchiinsa Sirna Haqaa Yakkaa RDFI...................................................12 1.4.3 Seera Yakkaa RDFI....................................................................................................13 1.4.4 Seera Adeemsa Falmii Yakkaa...................................................................................14 1.4.5 Murtiilee Mana Murtii Waligalaa FDHI tiin Kennaman............................................15 1.4.6 Dambii Naamusaa Abbootii Seeraa...........................................................................17 1.4.7 Dambii Ittiin Bulmaata Abbootii Alangaa.................................................................17 BOQONNAA LAMA Qajeeltoowwan Adabbii Seerri Yakkaa Itoophiyaa Irrati Hundaa’e fi Qajeelfama Adabbii Itoophiyaa Seensa......................................................................................................................................20 2.1 Qajeeltowwan Murteessa Adabbii Seera Yakkaa Itoophiyaa............................................21 2.1.1 Kaayyoo fi Yaada Seerichaa Hordoofuu......................................................................21 2.1.2 Haala Dhunfaa Yakkamaa fi Ulfinafi Cimina Yakkichaa Ilaaluu................................22 2.1.3 Adabbii Baay’ee Salphaa Ta’e Irraa Eegalee Hanga Cimaatti Jiru Qorachuu.............22 2.1.4 Seera Qabeessummaa (Principle of Legality) Isaa Xiinxaluu......................................23 2.1.5 Adabbiin Murtaa’u Sirri fi Kan Wal-fakkaatu Ta’u Qaba...........................................24 www.abyssinialaw.com 2.2 Qajeelfama Adabbii Itoophiyaa..........................................................................................25 2.2.1 Qajeelfama Adabbii Itoophiyaa Lakk-1/2002 Foyyeessuudhaaf Dhimootni Akka Sababaatti Dhiyaatan.......................................................................................................26 2.2.1.1 Ulaagaalee Seerricha Keessatti Kaa’aman Alatti Fayyadamu...............................26 2.2.1.2 Itti Fayyadamaa Sababoota Adabbii Cimsan fi Salphiisan....................................27 2.2.1.3 Tilmaamaa Qabeenyaa...........................................................................................27 2.2.1.4 Sadarkaan Kan Qophaa’e Yakkoota Muraasaaf Waan Ta’eef...............................28 2.2.2 Dhimmoota Qajeelfamni Adabbii Itoophiyaa Lakk- 2/2005 Irratti Xiyyeeffate............28 2.3.2.1 Sadarkaa Yakkootaa Qopheessuu............................................................................29 2.3.2.2 Haalli Adabbii Ka’umsaa Itti Murtaa’u....................................................................30 2.3.2.3 Itti Fayadamaa Sababoota Adabbii Cimsan fi Salphiisan Walifakkeessuu..............31 2.3 Yakkoota Kanaan Dura Sadarkaa Isaaniif Qopha’ee Ilaalchiise Qajeelfama Adabbii Lakk-2/2006 Keessatti Sireeffama Taasifame.................................................32 2.3.1 Yakka Aangootti Garmalee Fayyadamuu................................................................32 2.3.2 Yakkoota Qaama Namaa Irratti Raawwataman.......................................................37 2.3.3 Yakkoota Qabeenya Irratti Raawwataman...............................................................41 2.3.4 YakkaWanbadummaa..............................................................................................44 2.3.5 Yakkoota Gowwoomsuu..........................................................................................45 BOQONNAA SADI Qajeelfama Adabbii Lakk- 02/2006 Keessatti Yakkootaa Haaraa Sadarkaa Baheef fi Hin Baaneef Ilaalchiise Akkaataa Adabbii Itti Shallagamuu Seensa......................................................................................................................................48 3.1 Yakkoota Sadarkaan Ba’eef...............................................................................................49 3.1.1Yakkoota Biyyarratti Raawwataman.........................................................................49 3.1.2 Maallaqa, Sanadoota Dirqamaa ykn Wabummaa Sobaa Hojjachuu.........................52 3.1.3Yakkootaa Lubbuu Namaa Irratti Raawwataman......................................................55 3.1.4 Lammiilee Itoophiyaa Karaa Seeraan Alaattin Hojiif Biyya Alaatti Erguu...............60 3.1.5 Yakkootaa Bilisummaa Saalquunnatiifi Qulqullummaa Ilaallatan............................61 www.abyssinialaw.com 3.2 Murteessa Adabbii Yakkoota Sadarkaan Hin Baaneef......................................................74 3.2.1 Yakkoota Adabbii Hidhaatiin Adabsiisan……………………………………….....74 3.2.2Yakkoota Adabbii Maallaqaatiin Adabsiisan……………...……………………….76 3.3 Itti Fayyadama Sababoota Adabbii Cimsan fi Salphiisan..................................................76 3.4 Duraa Duuba Murteessa Adabbii Ittiin Hogganamu Ifa Gochuu.......................................89 www.abyssinialaw.com Seensa Waliigalaa Seerrii yakkaa meeshaa dudhaalee hawaasa tokko (adda addaa) kan calaqisiisuu fi tarkaanfachiisuu dha. Yakkii yeroo kamiyyuu hawaasa keessatti uummamuu kan danda’u waan ta’eef kanaan wal-qabate adabbii yakkamtoota irratti fudhatamuun isaa waan haafu miti. Kana taanaan akkaata murtiin adabbii ittiin murtaa’u waliin wal qabatee qabxiilee ka’uu qaban keessaa kaayyoon seera yakka nageenyafi tasgabbii hawaasa eeguuf akka meeshatti kan gargaaru ta’uu isaati. Hawaasicha kan eeguus yakkii akka hin raawwatamne ittisuun yoo ta’uu, kanas karaa ittin galmaan gahu keessaa tokko adabbiidha. Raawwattoonni yakka adabamuun isaanii, yakka biraa raawwachuu irraa akka of qusatan kan isaan taasisuu yommuu ta’u, darbees namoota yakka raawwataniifis akeekkachiisa ta’a. Gama yakkoota muraasaatiin adabbiin hidhaa yookiin du’aa kan raawwatamu yoo ta’es yaadni inni duraa balleessitoonni yeroodhaaf ykn itti fufinsaan hawaasa irratti yakka akka hin raawwanne ittisuudha. Akkas yommuu ta’us, adabbii du’aa irraa kan hafe balleessitoonni adabbiin hidhaa umurii guutuu itti murta’e yoo ta’anillee adabbii isaanii otoo hin fixiin korooraan gadi lakkifamuu ni danda’u. Gama yakkoota tokko tokkootiinis murtiin adabbii otoo hin kennamiin yookiin adabbiin yoo murta’es otoo hin raawwatamiin balleessitoonni daangaadhaan gadi lakkifamu ni danda’u. Kunis balleessitoonni jireenya nagaa akka gaggeessan kan taasisu yoo ta’uu; seerrii yakkiichaa balleessitoonni badii isaaniirraa akka barataniif iddoo ol’aanaa kennuu isaa agarsiisa. Seeronni yakkaa biyyoota adda addaa adabbiilee gocha yakkaa rawwatamu hordofani dhufan kan of-keessatti kaa’an yoo ta’ellee adabbii hangam, gochafi yakkamaa akkamiitiif murtaa’u akka qabu jalamuranii hin kaa’ani. Seeronni yakka kun Abbootii Seeraatiif aangoo adabbii murtessuu bal’aa ta’ee kan kennaan waan ta’eef gochaafi yakkamaa wal-fakkaatu irratti adabbii gara garaa yeroo murtaa’u qabatamaan mul’achaa turera. Rakkoo kanarraa kan ka’ee adabbii yakkamtoota irratti kennamu sirrii fi kan wal-fakkaatu gochuudhaaf /dhimmoota walfakkaatan irratti adabbii walfakkaata karaa itti murteessan mijeessuuf/ Manni Murtii Waliigalaa Federaalaa Qajeelfama Adabbii Itoophiyaa 1/2002 baasudhaan Caamsaa Bara 2002 irraa ka’ee hojiitti galamee jira. Haata’u malee qajeelfamni kun rakkoo adda addaatiif kan saaxilamee ta’uu isaa hojii keessatti waan hubatameef gama tokkoon rakkoolee qabatamaan mul’atan kana furuudhaaf, karaa biraatiin immoo yakkoota muraasa sadarkaa fi gulantaa hin baaneef sadarkaa fi gulantaa baasuun barbaachiisaa ta’uun isaa waan itti amanameef qajeelfamni dur ture fooya’ee akka bahu taasifameera. Kaayyyoon www.abyssinialaw.com moojuuli kun qabus qajeelfama adabbii haaraa bahe kana beeksiisun hojii irraa olmaa isaatiif deegarsa barabaachisu hunda gochuudha. Caasseffamni moojulii kanaa boqonnaa Sadiitti kan qoqqoodame yoo ta’uu boqonnaa tokkoffaa keessatti waa’ee adabbii akka waliigalaatti kan ilaalamu ta’e walitti dhufeenya adabbii fi bulchiinsii sirna haqaa qaban, murtessuu adabbii bu’aa qabeessa gochuudhaaf seeroota fi imaammata biyya keenya keessatti diriiran ni ilaalamu. Kanamalees adabbii murtessuu wajjiin wal-qabatee muuxannoowwan biyyoota adda addaa maal akka fakkaatu ni ilaalamu. Boqonnaa Lamaffaa keessatti qajeeltoowwan adabbii seera yakka Itoophiyaa, rakkowwaan qajeelfama adabbii Itoophiyaa 1/2002 keessatti mul’atan fi dhimootni waligalaa qajeelfama adabbii isaa haaraa keessatti hammataman kan ilaalaman ta’a. Kanamalees yakkoota qajeelfama adabbii kanaan sadarkaa fi gulantaan baheef keessaa kanneen qajeelfama adabbii 1/2002 keessatti sadarkaan baheef qajeelfama isa haaraa keessatti akka fooyya’an taasifaman boqonnaa kana jalatti haammatamaniiru. Boqonnaa sadaffaan guutumaan guutuutti yakkoota haaraa sadarkaan isaaniif qopha’ee irratti kan xiyeefate yommuu ta’u, waa’ee sababoota adabbii cimsaniifi salphisan boqonnaa kana jalatti gadifageenyaan xiinxalameera. Kunis leenjifamtoonni yakkoota sadarkaan baheefi hin banee addaan baasuun bu’uura qajeelfamiichaatiin akkamitti gara hojiitti jijjiru akka danda’amu hubannoo guutuu ta’e akka horatan ni taasisa. Xumura leenjii moojulii kanaatti leenjifamtoonni: Yaada waliigalaa kaayyoofi qajeeltoowwan adabbii seera yakka keenya jalatti kaa’aman ilaalchiise beekumsa duraan qaban irratti ni dabalatu. Adabbiin yommuu murtaa’u imaammaata fi seeroota xiyyeefannoo barbaadan irratti hubannoo isaanii ni gabbifatu. Yakkoota kanaan dura sadarkaa isaaniif bahee, qajeelfama adabbii isaa haaraa keessatti irra deebiin sadarkaan isaani haala kamiin fooyya’ee akka bahe hubachuun hojjirra ni olchu. Yakkoota sadarkaan ba’ee fi hinbaaneef irratti hundaa’uun murtii kennuun dhimmoota qabatamoo fakkenyaan hojjatanii agarsiisuu ni danda’u. Walumaagalatti murteessa adabbii keessatti hubannoo fi ogummaa murtii adabbii haala qajeelfamichaan murteesuu isaan dandeessisu ni gabbifatu, fakkeenyanis deeggaranii agarsiisuu ni danda’u. www.abyssinialaw.com BOQONNAA TOKKO ADABBII AKKA WALIIGALAATTI Seensa Galmi Seera yakka Itoophiyaa yakkii akka hin raawwatamne ittisuu yommuu ta’u, kanas kan dhugoomsu waa’ee gochoota yakkaafi adabbii isaanii dursee akeekkachiisa kennuudhaan, yommuu akeekkachiisichi gahaa hin taanettis raawwattoonni yakkaa adabamanii yakka biraa raawwachuu irraa akka of qusataniifi kanneen birootiif barumsa akka ta’an ykn akka sirreeffaman taasisuun ykn yakkoota dabalataan akka hin raawwanneef tarkaanfiiwwan akka isaanirratti fudhatamu taasisuudhaani. 1 Yaada kana irraa kan hubbachuu dandeenyuu adabbiin yakkamtoota irratti murtaa’u bulchiinsa sirna haqa yakkaa biyya tokko keessatti iddoo ol’aanaa kan qabu ta’u isaati. Yaad-rimeen adabbii dagaagina seera yakkaa hammayyaa wajjiin kan dhufe ta’uun isaa ni hubatama. Haata’umalee, nama tokko irratti adabbii murteessuuf, manni murtii yakkamaan gocha itti himatameen balleessaa ta’uu isaa mirkaneessuun kan isa irraa eegamu dha. Boqonnaa kana jalatti walitti-dhufeenya adabbii fi bulchiinsa sirna haqa yakka, faalasama fi yaad-rimee yeroo ammaa adabbii murtaa’u duuba jiran, murteessa adabbii bu’aa qabbeessa gochuudhaaf seerootafi imaamatoota diriiran kan ilaalu ta’u. Leenjifamtoonni dhuma boqonnaa kana booda gama beekumsaa fi ogummaatiin: Gaheen ol’aanaa adabbiin sirna bulchiinsa haqa yakkaa keessatti qabu ni hubattu, Kaayyoo adabbii galmaan gahuu yoo hin dandeenye rakkoo inni hordoofsiisu danda’u huubachuun gahee isaan irraa eggamuu gumaachuuf jijjirama ilaalcha ni fidu, Kaayyoo adabbii qabu qajeelfama adabbii wajjiin walitti dhufeenya inni qabu addaan baasuun hojii irraa olmaa isaatiif ni tattaafatu. 1.1 Adabbii fi Bulchiinsa Sirna Haqa Yakka Itoophiyaa Bulchiinsii Sirna Haqa Yakka (Criminal Justice) hojiiwwan qorannoo yakkarraa kaasee dhimmoota murteessa adabbii booda jiran kan ilaalatu dha. Adabbiin hojiiwwan bulchiinsa sirna haqa yakkaa keessatti hojjataman keessaa isa tokko yommuu ta’u, kaayyoo fi galma 1 SY RDFI keewwata-1 www.abyssinialaw.com seera yakkaa akka waliigalaatti qabu waliin yommuu ilaallamu kaayyoofi galma dhiphaa ta’e kan qabu dha. Adabbiin gocha yakka lubbuu, bilisummaa, qabeenyaa, mirga namoota irratti kan xiyeefatu waan ta’eef haala barbaadamuun hojii irraa olchuun dhimma xiyeefannoo guddaa barbaadu dha. Haala walfakkaatuun bu’aan qorannoon, himanaanfi falmiin yakkaa kan calaqiisu adabbii murtaa’u irratti waan ta’eef, murteessa adabbii dhimma xiyeefannoo guddaa kennamuuf qabu dha. Oggeessii tokko dhimma leenjii qaamoolee haqaatiif kennamuu wajjiin wal-qabate yaada isa yeroo ibsu, seera yakkaa ilaalchiise mataduree adda addaatiin leenjiiwwan hedduu yeroo adda addaatti keessatti ennaa kennamuu dhimma adabbii akka waliigalaatti fi murteessa adabbii ilaalchiise sadarkaa kamiyyuu irratti leenjiinis ta’e waliigahiin yeroo gaggeefamu hin mul’atu jechuun adabbii murteessu wajjiin xiyeffannoon kanaan dura gama mootummaatiin kenname Gad-aanaa ta’uu isaa ibse ture. 2 Akka oggeessi kun kaa’etti murtiin balleessuummaa bu’aaf bahii hedduu booda itti dhaqabamu, qabatamuummaan isaa kan mirkanaa’u murtii adabbiitiin ta’uun isaa otoo beekamu dhimma kanaaf xiyeefannoo kennamu dhabuun kan nama ajaa’ibuu fi rakkoolee hedduu kan hordoofsiisu ta’uun isaa ifa akka ta’e kaa’eera. Murteessa adabbii mirgaafi faayidaa namoota murta’an qofa irratti kan xiyeefatu miti. Bu’aan adabbii hordoofsiisu yakkamaa, miidhaamtoota yakkiichaa fi hawaasa irratti kan mul’atu dha. Adabbii yommuu murtaa’u yakkamaafi hirkatoota/ maatii/ isaa bifa yaada keessa galcheen ta’uu akka qabu dhimma itti amanamu dha. Sababa adabbiin seeraan ala murtaa’uuf maatiin yakkamaa kan bittinahu yoo ta’e, adabbii kanaan miidhaamtooni sadarkaa jalqabaa yakkamaa fi hirkatooni isaa yoo ta’anilee rakkichii deebi’ee rakkoo hawaasa ta’uun isa kan hafu miti. Kanaafuu, adabbiin namoota dhunfaa irraa darbe maatii fi hawaasa kan ilaalatu waan ta’eef, Abbootiin Seeraa adabbii haala yakkamaa yaada keessa otoo hin galchiin murtaa’u rakkoo inni hordoofsiisu danda’u akka laayyootti ilaalu hin qaban. 3 Kanamalees, adabbiin murtaa’u bu’aa barbaadamu fidu kan hin dandeenye yoo ta’e, miidhaamtoota irratti rakkoo yaadqalbii hordoofsiisu ni danda’a. Yakkii faayidaa hawaasaa waliigalaa irratti balleessa raawwatamu akka ta’e yaadni waliigalaa yoo jiraates, qabatamaan wanti hubatamu nama kamiyyuu caalaa miidhaan miidhaamtoota irratti gahu ol’aanaa dha. Kanaafuu, gaheen miidhaamtooni sadarkaa qorannaa fi himanaatti qaban alatti, sadarkaa adabbiitiis miidhaamtoota hirmaachiisuun barbaachiisa dha. 2 3 Masfiin G/Hiwoot, Seera Yakkaa Itoophiyaa Keessatti Murteessa Adabbii, 1993 A.L.I,Barreeffama Leenjii F-1 Faasil Nahoom, Adabbii fi hawaasa, 1982 A.L.I Joornaalli Seera Itoophiyaa Jildii-12, Fuula 13 www.abyssinialaw.com Kanaa wajjiin wal-qabate muuxannoo Naannoolee Ameerikaa tokko tokko fudhane yoo ilaalle, naannooleen muraasa ta’an miidhaamtoota sadarkaa murteessa adabbiitti karaa abbaa alngaatiin akka hirmaatan kan taasiisan yommuu ta’u, naannooleen biroo immoo miidhaamtooni dhaddachaa irratti qaamaan dhiyaatani yaada adabbii qaban akka kennan ni hayyamu. Haata’umalee, Manni Murtii yaada adabbii miidhaamtoota irraa dhiyaatu fudhachu diduuf aangoo guutuu ta’e qabu. 4 Bulchiinsii sirna haqaa yakka biyya keenya miidhaamtoota hirmaachiisu irratti haanqinaalee mataa isa kan qabu akka ta’e ni beekamaa. Hanga ammaati rakkoo kana furuudhaaf sirni diriire kan hin jiree yoo ta’ellee, yeroo amma imaammataa yakkaa biyya keenya keessatti kallattiin kaa’ame jira. 5Imaaamataa haqa yakkaa biyya keenya dhimmoota xiyeefannoo itti kennee keessaa inni tokko mirga namoota gocha yakkaatiin miidhaaman kabachiisuu dha. Mirga miidhaamtoota haala barbaadamuun kabachiisuudhaaf miidhaamtooni sadarkaa qorannoo, himanna fi murtiiti akka hirmaatan gochuuf beekamtii seeraa akka argatu gochuu biraa darbe gorsa seera fi beenyaa akka argatan taasiisu 6 barbaachiisa akka ta’e itti amaname imaammaticha keessatti akka galu taasifamuun isaa kan namaa jajjabeessuu dha. Gocha yakkaatiin qaamni miidhaamu inni biraan uumataa ykn hawaasa iddoo yakkii itti raawwatamu keessa jiraatu dha. Yakkii raawwatamu wajjiin wal-qabate miidhaa hawaasa irraa gahu iddo lamaatti qodani ilaalu ni danda’ama. Kunis nama yakka raawwatu hunda gara mana amala sireessaatti kan ergamu yoo ta’e, gibbirri uumatni hojiiwwan misoomaa adda addaatiif akka olu kaffalu, hojii misooma irratti oluun isaa hafe ijaarsa mana amala sirreessaa gaggeessuuf akkasumas sirreeffamtootaaf tajaajila hawaasummaa adda addaa dhiiheesuuf kan olu ta’a. Kanaafuu yakkoota hundaaf adabbii hidhaa qofa fudhachuun murteessuun hawaasa keenyaf kan fayyadu miti. Haalli mirgafi faayida hawaasa itti miidhaamu danda’u inni biraan yakkamtoota irratti adabbii gocha raawwatame waliin madaalawwaa ta’e kan hin kennamne yoo ta’e dha. SY keewwata-1 jalatti kaayyoon seera yakkaa, faayidaa waliigalaattiif jecha nageenya, tasgabbii, sirna, mirgaafi faayidaa ummata eegu jedhame kan ibsame yommuu ta’u, yaadni kun hojii irratti kan hin mul’ane yoo ta’e, amanamummaa bulchiinsa sirna haqa yakkaa biyya keenya gaaffii keessa kan galchuu ta’a. 4 The role of victims in sentencing (www.justice.gov.nz) date of accees 13/09/2013 A.L.A Imaammataa Bulchiinsa Sirna Haqaa yakkaa Itoophiyaa keewwata-6.2.1 Fuula-50, Gurraan dhalaa 2003 A.L.I 6 Akkuma Lakk-5 Fuula-13 5 www.abyssinialaw.com 1.2. Kaayyoo Adabbii Adabbiin murtaa’u nagaa fi tasgabbii eeguu fi mirkaneessuu kan danda’u hubannoo fi dandeettii qaamoleen haqaa kaayyoo adabbii murteessuu fi raawwachiisuu irratti qabaniin kan daangeffamu dha. Kana jechuunis qaamni seera hiikuu yookiin raawwachiisu tokko adabbiilee fi tarkaanfiiwaan eeggannoo kaayyoon adabbii tokko maal galmaan gahuudhaaf yaade seerichaan kan tumame akka ta’e dursee hubachuun qaamni himannaa dhiyeessu keewwata gocha yakkaa raawwatame waliin rogummaa qabuun himachuu akka qabu fi adabbii Mana Murtiidhaan kennamuus qixa seeraa fi ragaa dhiyaateen ta’uu akka qabu kan akeeku dha. Gaaffiin adabbiin kaayyoo maaliif murta’a? duuba isaa yaada maaltu jira? isa jedhu hayyoota yeroo gara garaa turaniin kaayyoo adabbii bakka afuritti kan qoodu. Isaanis: A) Haaloo Bahuu (Retribution or Payback) Haloo bahuun akka kaayyoo adabbii ta’e madduu kan danda’e adabbii ilaalchiise amantaa fi ilaalcha dur ture “nama ija balleesse ija balleessuu, nama ilkaan cabse ammoo ilkaan cabsuu” kan jedhu irraa kan madde fakkaata. Kaayyoon adabbii inni guuddaan yakkamaa irratti haloo bahuu yoo ta’uu baatees fedhii hawaasaa hanga ta’e guutuun sirna haqaa yakkaa biyya tokkoo keessatti dhimma xiyyeeffannoo argachuu qabu dha. Sababni isaas hawaasni yakkaan miidhaame tokko akka ofii miidhaametti yakkamaanis miidhaamee arguuf fedhii guddaa qaba. Fedhii hawaasni gama kanaan qabu guutamu kan danda’u yakka salphaa ta’eef adabbii salphaa yakka cimaa ta’eef ammoo adabbii cimaa seera yakka keessatti tumuudhaani. Kun ta’uu baannaan amantaa uummatni sirna haqaa yakkaa biyya tokkorra qabu irratti dhiibbaa ni qabaata jechuun ibsu. 7 B) Akeekkachiisaa Dabarsuu ykn Jilchiisuu (Deterrence Effect) Hayyoonni seeraa waa’ee kaayyoo adabbii akeekkachiisa dabarsuu yommuu dubbatan yakkamaan yakka raawwachuu irraa kan of qusatu gocha inni raawwachuu yaadeef durfame seeraan nama kan gaafachisu ta’uun isaa ifatti seeraan yoo tumame qofa akka ta’e fi akkasummas namoota yakka raawwatanii adabaman hawaasatti agarsiisuudhaan namni kamiyyuu yommuu yakka raawwatee argamu mirga isaa kan dhabu ta’uu isaa akeekachisaa dabarsuun akka ta’e ni dubbatu. 8Akka kaayyoo adabbii kanaatti yakkii yeroo kamiyyuu ni raawwatama amantaa jedhu kan qabu yommuu ta’uu, namoonni yakka raawwachuu irraa kan 7 8 Legal Punishment and its Justification, available at Stanford Encyclopedia of Philosophy, 7th ed. 2004 A.L.A Muller and Laufer, Criminal Justice, p. 347-348 www.abyssinialaw.com ofqusatan adabbii akka sodaatan taasiisuun akka ta’e ni himama. Kaayyoon adabbii kun ergaa lama kan of keessatti qabate yommuu ta’uu isaanis: Akeekkachisaa waliigalaa fi dhunfaa dha. Akeekkachiisaa waliigalaan akkuma waliigalaatti hawaasa keessatti kaayyoo yakka ittisuu kan ilaallatu yommuu ta’u akeekkachiisa dhunfaa ammoo yakkamaan gocha yakkaa tokkoon yommuu adabamu gocha raawwaterraa barumsa argachuun akkasumas waan itti adabameef gara fuulduraatti yakka biraa raawwachuu irraa akka of qusatu ni taassisa. 9 Haata’umalee murtiin yakkamtoota irratti kennamu karaa hundaan yeroo gabaaba keessatti haala bu’a qabeessaa ta’een kan hin raawwatamne yoo ta’ee adabbiin murtaa’u kaayyoo dhaabbateef galmaan gahuu hin danda’u. 10 C) Dandeettii Dhabsiisuu (Incapacitation or Protection) Namoonni tokko tokko amalaan hammeenyummaa guddaa qabaachuu fi baay’ee rakkisoo ta’uu ni danda’u. Kanamalees namoonni hawaasa keessatti yakkaa irra deddeebiin raawwatanis hammeenyummaan isaanii ol’aanaa ta’uu ni danda’a. Yeroo yakkamtootni akkanaa kun quunnaman yakka biraa raawwachuudhaaf carraa akka hin arganne akkasumas nagaa fi tasgabbii hawaasichaatiif sodaa akka hin taane taasiisuun barbaachisaa dha. 11 Kaayyoon adabbii kun kan maddu yakkamtootni rakkisoon tokko tokko gara fuulduraattii yakka biroo raawwachuu irraa duubatti hin deebi’an yaaddoo jedhu irraati. Haata’u malee, amala fi hammeenyummaa isaanii sababa godhachuun yakkamtoota yeroo dheeraaf mana sireessaa keessa tursiisuun adeemsa seeraa sirrii ta’e (due process of law) kan hin hordofne dha jechuun ni qeeqama. Deggertoonni yookiin leellistoonni yaada kanaa falmii isaanii deggeruuf sababni dhiyeessan, yakkamtoonni akkasii yeroo dheeraaf to’annoo jala akka turan kan taasifamu gocha yakkaa amma raawwataniif otoo hin ta’iin, kan gara fuulduraatti raawwachuu danda’an irraa eeguuf jedhamee waan ta’eef kaayyichi bu’ura seeraa hin qabu jechuun falmu. Kanamalees, yakkamtoonni yeroo dheeraaf mana sirreessaa keessa akka turan kan taasifamu yoo ta’e, baasii mootummaan yookiiin hawaasichi mana sirreessaaf baasuu akka dabalu ni taasisa jechuun qeequ. 9 Jenny E., What are the Objectives of Punishment? Available at,http://www.ehow.com/info_8714170_objective s-punishment.html, accessed on 09/08/2012). 10 Beccaria, Argument on crimes and Punishment,www.crimetheory.com, p. 5 11 Ali Mohammad Ali, Problems Related with the Use of Compulsary Labour under Ethiopian Criminal Justice System, a conference paper prepapred for the Justice of Organs of the Country, (1996 E.C), p. 9 www.abyssinialaw.com D) Sirreessuu fi Barsiisuu (Reformation or Rehabilitation) Kaayyoon adabbii kun ilaalchaa fi amala badaa yakkamaan qabu sirreessuu fi barsiisuudhaan jijjiirama amalaa akka fiduuf kan hojjetu dha. Ilaalcha (amala) yakkamaan qabu sirreessuudhaan yakkamaan lammii gaarii gocha yakka jibbu, gara Fuula duraatti yakka biroo raawwachuu irraa kan of qusatuu fi oomisha adda addaa keessatti hirmaachuun gumaachaa barbaachisu akka taasiisuu gochuu irratti kan xiyyeeffatu dha. Akka kaayyoo kanaatti yakkamaan yakka biraa raawwachuu irraa kan of qusatu gocha yakka raawwate irraa fayyadamaa waan hin taaneef yookiin yakka biraa yoon raawwadhe nan adabama sodaa jedhu irraa otoo hin taane kanaan dura gocha yakkaa kan raawwatan dogongora irraa kan ka’e akka ta’e waan hubataniifi. 12 1.3 Murteessa Adabbii Ilaalchiise Muuxannoo Biyyoota Adda Addaa Biyyooni sirna seera (Legal System) isaan hordoofan garaagaraa yoo ta’ellee dhimma adabbii murtessu hunda isaani haala wal-fakkaatuun kan isaan yaadeessu dha. Adabbiin yakkamtoota irratti murtaa’u madaalawwafi haqaa qabeessa ta’u akka qabu biyyooni hunduu sadarkaa qajeeltooti kan irratti waliigalanidha. Haata’umalee biyyooni qajeeltowwan kanaaf hiikaa isaan kennanfi haalli itti raawwachiisan irratti garaagarumma ni qabu. Kunis Biyyooni falaasamaa seera isaan hordofan, haala dinagdee, hawaasumaa fi siyaasa isaan qaban irraa kan ka’e garaagarummaan kan mul’atu yoo ta’ellee, dagaaginaa teeknoolojjii wal-qabate addunyaa gara qa’ee tokkoti (globalization) waan dhufteef biyyii tokko isa kaan irraa haalli muuxannoo itti fudhatu salphate jira. Biyyooni sirna seera koomanloow jedhamu hordofan qajeelfama adabbiitiin fayyadamu ilaalchiise muuxannoo gaarii akka qaban qo’annoowwan gama kanaan taasifaman ni mul’isu. Mataduree kana jalatti muuxannoo biyyoota muraasa kasuudhaan sababoota qajeelfama adabbii akka qopheessan isaan dirqsiisan, haalli qajeefamni isaani itti diriire fi qabiyyeen isaa akkasumas qabatamaan haala qajeelfama isaanii raawwachiisan fakkeenyadhaan deegaramne kan ilaallu ta’a. 1.3.1 Muuxannoo Biyya Ameerikaa 13 Qajeelfama adabbii hojii irraa olchu kan jalqabame biyya kana keessatti dha. A.L.A bara 1970 dura sirna murteessa adabbii biyya kana keessaa ture “Indetrminate” jedhame kan 12 Benn and Peters, “The Utilitarian Case for Deterrence,” p. 417 Qajeelfama adabbii Biyya Ameerikaa fi Ingiliizii caalamaati hubachuudhaaf kitaaba isiin gargaaaru kan danda’u “Sentencing Guidelines around the World” jedhamu 2010 A.L.A tiin barreeffamee ilaalu barbaachiisadha. 13 www.abyssinialaw.com beekamu ture. Bu’uura sirna adabbii kanaatiin Abbootiin Seeraa adabbii yakkamaan adabamu qabu daanga ol’aanaa fi Gad-aanaa ni ka’u (fkn. Adabbii waggaa 5-20 jechuun ni murteessu). Kana booda sireefamuu yakkamaa ilaaludhaan adabamaa akka gadidhifamuu kan murteessu qaamni “Parol Commission” jedhame beekamu dha. Murtii adabbii kennamu irratti carraan ol’iyyachu dhiphaa ta’u isaa bira darbe, Abbootiin Seeraa murtii adabbii isaan kennan ilaalchiise itti-gaafatamummaa hin qabani. Kanarraa kan ka’e adabbii murtaa’u haqumaa hin qabu jedhame qaqeemaa ture. Kanamalees sirna haqaa biyya sana amanta uumataa dhabuu jalqabe. Rakkoolee kana furuuf sadarkaa Mootummaa Federaalatti qajeelfama adabbii “United States Sentencing Guideline” jedhame beekamu hojii irraa akka olu taasifameera. Qajeelfamni kun kan qoophaa’e Komishinni Adabbii Mootummaa Ameerikaa jedhame beekamuni. Qajeelfamichii garagaditti sadarkaa yakkaa 43 (Offense Level) fi garadalgaati immoo seena yakka yakkamaa (Criminal History Catagories) irratti hundaa’un tokko ol akka qabaatu godhame hojjatameera. Sadarkaalee yakka Zonni A,B,Cfi D jedhamani kan qoqqodaman yommuu ta’u, gochii yakkamaan balleessa ittin jedhame Zonni A-C jalatti kan kufuu yoo ta’e, Abbootiin Seeraa adabbilee adabbii hidhaa ala ta’a kanneen akka adabbii hojii humna ykn tajaajila tolaa hawaasa kennuu fi k.k.f murteessuuf aangoo guutuu qabu. Hataa’u malee gochii yakkamaan balleessa ittin jedhame Zonni D jalatti kan kufuu yoo ta’e Abbootiin Seeraa yoo xiqqaate reenjii adabbii kaa’ame keessatti adabbii hidhaa isa gad aanaa murteessuuf dirqama qabu. Kanaafuu Abbootiin Seeraa tokkoon tokkoon yakkootaaf sadarkaa bahefi seena yakkaa yakkamaa qorachuun gara qajeelfama adabbiitti fiduun sadarkaa isa kamii irratti adabbii murteessu akka qaban ni hubatu jechu dha. Adeemsa adabbii itti murtaa’u yommuu ilaalu jalqaba irratti yakka raawwatame ulaagaalee qajeelfamichaan kaa’aman irratti hundaa’un sadarkaan isaa adda ni baha. Itti-ansee sababoota adabbii cimsanii fi salphiisan irratti hundaa’un akkuma barbaachiisummaa isaatti gulantaan isa ol siiqa ykn gadi ni bu’a. Kanabooda, seena yakkamaa irratti hundaa’udhaan garadalgaatti sadarkaan irratti kufuu ni murta’a. Dhumaa irratti iddoo sadarkaa yakka fi seenaan yakkamaa walitti dhufanitti adabbiin kan murtaa’u ta’a. FKN: Yakka Hanna fudhane yoo ilaale Faayidaan hannaan argame hanga $ 5000 yoo ta’e sadarkaan yakkiichaa gulantaa 6ffaa ta’a (baatii 0- 6). www.abyssinialaw.com Faayidaan hannaan argame hanga $ 5000- 10000 yoo ta’e sadarkaan yakkiichaa gulantaa 8ffaa ta’a (baatii 0-8). Faayidaan hannaan argame hanga $ 10,000- 30, 0000 yoo ta’e sadarkaan yakkiichaa gulantaa 12ffaa ta’a (baatii6-12). Kanabooda seena yakkamaa irratti hundaa’udhaan garadalgaati sadarkaan irratti kufuu addaan baasu, Waggaa tokko ol kan adabame ture yoo ta’e riikoordi inni qabu hundaaf tokko tokko isaaniif qabxii Sadii ni dabalama. Guyyaa 60 ol kan adabame ture yoo ta’e riikoordi inni qabu hundaaf tokko tokko isaaniif qabxii lama ni dabalama. Haala kanaan gulantaan gara dalagaati jiru ni beekamaa. Dhumaa irratti iddoo sadarkaa yakkaafi seenaan yakkamaa walitti dhufanitti adabbiin kan murtaa’u ta’a jechuudha. 1.3.2 Muuxannoo Biyya Ingiliizii Ingiliizii keessattis kanaan dura Abbootiin Seeraa adabbii murteessu keesssati aangoo bal’aa ta’e kan qaban waan ta’eef, adabbiin murtaa’u rakkoodhaaf kan saaxilame ture. Qajeelfamni adabbii biyya kana Magistrate court Sentencing Guideline jedhame beekamaa. Qajeelfamni kun bara 2008 A.L.A irraa kaase hojii irraa kan ole yommuu ta’u, qajeelfama adabbii bara 2004 bahe kan bakka bu’e dha. Haalli qajeelfamiichii itti qophaa’e yommuu ilaalu yakkoota hundaaf iddoo tokkoti kan hojjatameef otoo hin ta’in yakka tokko fudhachuun ulfaatina (seriousness) inni qabu irratti hundaa’un sadarkaa yakkiichaa bakka bu’uu dandanda’u qophaahe jira. Adabbiin murtaa’u daangaa keessatti murtaa’u akka qabu taasifame kan qophaa’e yoo ta’uu, adabbiin ka’umsaa qajeelfamiicha keessatti kaa’ame adabbii kutaa adda seericha keessatti kaa’ame irraa walakkaa fudhachuudhaani. 14 Sana booda sababoota qajeelfamichaa keessatti akka adabbii cimsuuf ykn salphiisuuf kaa’aman irratti hundaa’un adabbii ka’umsa qajeelfamichaa irratti kaa’ame ol guddisu ykn hirdhisun adabbiin inni dhuma kan murtaa’u ta’a. 14 Qajeelfamni adabbii biyya Ingiliizii yakkamtoota balleessumaa isaani amanan irratti hin hojjatu. www.abyssinialaw.com 1.4 Murteessa Adabbii Bu’aa Qabeessa Gochuudhaaf Imaammata fi Seerotaa Itoophiyaan Qabdu 1.4.1 Heera Federaalaa Adabbiin murtaa’u kallatidhaan heera mootummaa wajjiin kan wal qabatu yoo ta’uu baatelee, yeroo murtaa’u bifa qajeetoowwan heera mootummaa keessatti kaa’aman yaada keessa galcheen ta’u qaba. Kanaafuu, Abbootiin Seeraa adabbii ilaalchiise qajeeltoowwan heera mootummaa irratti kaa’aman off-eggannoon ilaalanii bu’uura qajeeltowwan kanaan hojjachuuf dirqama ni qabu. Qajeeltoowwan murteessa adabbii bu’aa qabeessa gochuudhaaf heera mootummaa keessatti kaa’aman kunis: Iftoomina, Itti gaafatamummaa, Walqixummaa, Gochaa tokkon yeroo tokko qofa gaafatamu, kabaja ilma namaa eeguu dha. Mootummaan guyyaa guyyaan hojjiilee adda addaa kan raawwatu imaana uumataarraa itti kenname fixaan baasuudhaafi. 15 Mootummaan ittigaafatamuuma isa irratti gatamee kana fixaan baasuu isa akkataa itti mirkanneessu danda’amu keessaa inni tokko hojiin mootummaadhaan raawwatamu iftoomina kan qabu yoo ta’eedha. Qajeeltoo kana ilaalchiise manni murtii murtee adabbii yeroo kennu gosaa fi hanga adabbii yakkamaa irratti murta’e sababa gahaa ta’een deegaramuun murteessu kan isaan irraa egamu yommuu ta’u, sababa kanaas haala ifa ta’een ibsu qaba. Akkasumas, sababoota adabbiin yakkamaa irratti akka cimuu yookiin salphatu taasisan maal fa’a akka ta’an kan ibsu qaban garee falmiitootaaf qofa otoo hin ta’iin murtii isaa dhaddachaa ifa ta’e irratti hawaasaaf ibsu qabu. Kanamalees hojii Abbaan Seeraa gaggeessu hundaaf itti gaafatamummaa kan qabu akka ta’e hubatamu qaba. Akkuma beekamu adabbiin kan murtaa’u mirga bilisumaa fi qabeeya yakkamaa irratti waan ta’eef, yeroo adabbiin murtaa’u bu’uurrisaa seeraaf seera qofa ta’u qaba. Dabalataan, namni kamiyyuu seera fulduraati wal-qixummaa kan qaban waan ta’eef, adabbiin yeroo murtaa’u sababoota garaagarummaa akka uuman seerichaan hayyamaman alatti fayyadamuun dhorkaa dha. Adabbii murtaa’u namoota gidduutti sadarkaa jireenya hawaasummaatiin, sanyiidhaan, sabaan, sablammmiidhaan, bifan, saalaan, afaaniin, amantiidhaan, ilaalcha siyaasaa yookiin kan birootiin, qabeenyaan, dhalootaan yookiin ejjennoo kan biraatiin garaagarummaa otoo hin uumiin hunda irratti wal qixxummaan raawwatamuu qaba. Dhimmi kun namni kamiyyuu 15 HMFRDFI keewwata-12 www.abyssinialaw.com bulchiinsa sirna haqa yakkaa biyya keenya keessatti haala wal-fakkaatuun akka keessumeefamu bu’uura kan kaa’e dha. 16 Kanamalees adabbiin Mana Murtiin murtaa’u kamiyyuu; akkasumas, raawwiin isaa haala gara jabeenyummaan guutameen yookiin bifa mirga namooma tuquun yookiin kabaja ilma namaa mulquun17 ta’uu akka hin qabne hubachuun hojiirra olchuun barbaachiisadha.Namni kamiyyuu qabiinsa yookiin adaba hammeenyummaan guutame kan farra namuummaa ta’e yookiin ulfina namuumma isaa salphisu irraa eeggamuuf mirga akka qabu SY kew-87, HMRDFI fi waliigalteewwaan addunyaa irratti tumamaniiru. 18 Namni tokko gocha inni raawwateen yeroo tokko qofa gaafatamu akka qabu ni beekamaa. Kanaafuu, namni kamiyyuu bu’uura seeraatiin murtii isa dhumaa ta’een yakka kanaan dura ittiin adabameen, tarkaanfiin seeraa biroo irratti fudhatameen ykn bilisaan gadi lakkifameen irra deebi’ee hin himatamu ykn hin adabamu jechuudhaan wabbii gaha ta’e heeriichaa keessatti tumameera. 1.4.2. Imaammata Bulchiinsa Sirna Haqa Yakkaa MRDFI Imaammatni Bulchiinsa Sirna Haqa yakkaa biyya keenya adabbii ilaalchiise dhimmoota ijoo Sadii ta’aniif xiyyeefannaa kenneera: Sadrkaa jalqabaatti dhimmi xiyeefannaa argate barbaachisummaa qajeelfama adabbiitti. Dhimmi kun seera yakkaa keessatti kan kaa’ame waan ta’eef haaraa yoo ta’uubatelee, imaammatichaa keessatti barbaachisummaan isaa irradeebiin ibsamuun isaa mootummaan yeroo kamiyyuu caalaa qajeelfama adabbii hojii irraa olchuuf xiyyeefannaa guddaa kan kennee ta’u kan agarsiisu dha. Xiyeefannaan imaammaticha inni biroon qajeelfamni qophaa’u qabiyyeen isaa maal fakkaachuu akka qabu kallatti kan agarsiisudha. Haalumaa kanaan, qajeelfamichi kaayyoo adabbii irratti hubannoo uummanni qabu cimsuudhaan gochoota yakkaa raawwatamaniif adabbiiwwan hangamii ykn akkamii akka darbuu ni beeksiisa. Dabalataan, kaayyoon qajeelfama adabbii inni biraa qaamolee adabbiiwwan dabarsuuf aangoo qaban, yeroo adabbiin itti kennamu, ragaalee adabbii murteessuuf gargaaran fi qajeelfamoota yeroo adabbiin kennamu kabajamuu qaban ilaalchiise kalatti ka’u akka qabu ibsameera. Kanamalees murteen adabbii yeroo kennamu sababoota adabbii cimsan fi salphiisan bifa yaada keessa galcheen ta’u akka qabufi sababoota adabbii cimsan ykn salphiisan danda’an haala ifa ta’een qajeelfamicha keessatti kaa’amuu akka qaban ni akeekka. Walumaagalatti qabiyyeen qajeelfamicha qajeeltoowwan fi ulaagaalee 16 HMRDFI keewwata-25 HMRDFI keewwata-18 18 ICCPR Art.7, CATCIDTP Art.5 & ECHR Art-3 fi HMRDFI kew-20 ilaalu ni danda’ama 17 www.abyssinialaw.com adabbii irratti hundaa’u kan qabu, haqummaa, iftoominaafi tilmaamamummaa adabbii mirkanneessuf kan gargaaru danda’u ta’u akka qabu kaa’amera. Qajeelfamni adabbii murteessuuf bahu dhimmoota amala yakkamaa, gocha yakkaa raawwatamee irratti hundaa’uun gosa murtii fi faayidaa adabbiin darbu qabu kan teechisuu ta’uu qaba. Keessattuu qajeelfamichi dhimmoota armaan gadii giddu-galeessa gochuudhaan bahuun irraa eegama: A. Gochoota yakkaa fi namoota gochoota yakkaa raawwatan balaaleffachuudhaaf bifa gargaaruun, B. Yakkamtootni adabamanii gocha yakkaa biraa akka hin raawwatne gochuu fi namoota biroof barnoota akka ta’uu gochuu dandesiisuun /Deterrence/, C. Barbaachisaa yoo ta’e, namoota gocha yakkaa raawwatan hidhuun uummata irraa akka fagaatan gochuu /Incapacitation/, D. Amaloota gocha yakkaa balaaleeffachuudhaan, yakkamtootni akka of haaromsan gochuudhaanii fi barsiisuun gochoota yakkaa gara fula duratti raawwataniif itti gaafatamummaa akka qaban agarsiisuu, fi /Reformation & Rehabilitation/ E. Namoota gocha yakkaatiin miidhaan irra ga’eef beenyaan akka kaffalamuu ykn tajaajilli hawaasaaf akka kennamu gochuu / Restorative Justice/ kan jedhamani dha. Qabxiin inni sadaffaafi isa xumuran qajeelfamichii yeroo qophaa’u hirmaanaan qaamolee haqaa maal ta’u akka qabu kan agarsiisuu dha. Qajeelfamicha qopheessuuf dirqamni seera Mana Murtii Waliigalaa Federaalattiif kan kennamee yoo ta’elee, Manni Murtii kun qajeelfama adabbii yommuu qopheessuu qaamoolee gahee qaban mari’achiisuu kan isaarra egamu akka ta’e imaammatichaa keessatti eerameera. Kuniis, raawwatamiinsa qajeelfamiicha keessatti hirmaana qaamoolee adda addaa kan jiru waan ta’eef, bu’aa qabeessummaa qajeelfmiichaa milkeessuuf hojii qajeelfamichaa wixinneessuurra kaasee qaamoleen haqaa adda adda hirmachiisuun waliin hojjachuun barbaachiisa akka ta’e kan mul’isu dha. 1.4.3. Seera Yakkaa MRDFI Seerrii adaba yakkaa Itoophiyaa duraanni akka fooya’uu sababoota taasiisan keessa inni tokko murteessa adabbii wajjiin wal-qabate rakkoolee hojii keessatti mul’atan jiraachu isaani qo’annoodhaan kan biraa gahame waan ta’eef akka ta’e seensa waliigalaa (preamble) seera yakka irratti kaa’amera. Akkuma beekamuu seerrii yakkaa biyya keenya sadarkaa jalqabaatti xiyeefannaa kan kennee adabbiif otoo hin ta’iin yakkii akka hin raawwatamne ittissufi dha. www.abyssinialaw.com Garuu kun milkaa’u otoo hin danda’in hafe yakkii raawwatame yoo argame adabbiin murtaa’u karaa tokkoon yakkamaa irratti akka malee akka hin cimne, karaa biraatiin immoo yakkamaa adabbii isaaf salphaachu hin qabneef adabbiin salphate nageenya, tasgabbii, sirna, mirgaafi faayidaa mootummaa, ummataa fi jiraattoota biyyattii eeguufi mirkaneessuudhaaf hojiin hojjatamu rakkoo keessa akka hin senne eegumsaa taasiisun barbaachiisa dha. Manneen Murtii dhimmoota walfakkaatan irratti adabbii walfakkaata ta’e karaa itti murteessan mijeessuun barbaachisaa akka ta’e seera baasaan waan amanameef, tuumaaleen seera yakkaa kutaa waliigalaa fi addaa seerichaa keessatti kenninsa murtii adabbii walxaxaa fi rakkisaa godhani jiru jedhamani kan itti amanaman akka fooyyaa’an taasifamaniiru. 19 Yaada kanarraa kan hubatamuu jalqaba irratti murteessa adabbii ilaalchiise rakkoon jiraachu isaa seera baasaadhaan kan itti amaname ta’u isaati. Rakkoon jiraachuu hubachuun qofa isaa furmaata gaha waan hin taaneef, seerichaa irratti jijjiiramni gurguddaan tokko tokko taasifamu isaa ni mul’isa. Kanamalees, akkaata sirrummaa murtii adabbii fi walfakkaatummaa isaa mirkaneeessuufis ta’e to’achuuf kan dandeessisu qajeelfamni adabbii akka bahu seera baasaadhaan muraa’erraa. 20 Kanaafuu seerrii yakkaa fooyaa’e bahe kun jiraachu qajeelfamichaatiif akka dhakaa bu’uuratti kan ilaalamu qabu dha. 1.4.4. Seera Deemsa Falmii Yakkaa Kaayyoon ol’aanaa seera deemsa falmii yakkaa hojiiwwan qorannoo yakkaa irraa hanga murteessa adabbiiti hojjataman haala itti qajeelfaman fi sirna raawwii adabbii dirirrsuun adabbiin murtaa’u bifa kaayyoofi galama seera yakka milkeessu danda’un akka raawwatamu taasiisuudha. Akkuma SDFY keessatti ibsameen gareen falmiitooni yaada adabbii dhiyeessuudhaaf mirga ni qabu. Gareen falmitooni waa’ee sababoota adabbii cimsan fi salphiisa yaada adabbii erga dhiyeessan booda adabbiin ni murta’a. Adabbii murtaa’u irratti ol’iyyannoo dhiyaachuu kan danda’u waan ta’eef, adabbiin yommuu murtaa’u keewwata seera bu’uura irratti godhate haala ifa ta’een kaa’amu qaba. 19 Seensa waliigalaa SY RDFI Fuula-6, Fkn, seera adaba yakka keessatti gocha daddabalamaa qabatamaa hin taaneef (keewwata-192), yakkoota irra dedeebi ta’an (keewwata-82(1B) fi k.k.f haalli adabbiin itti murtaa’u walxaxaa, rakkisaa fi adabbiinis hanga barbaadamuun kaayyoo adabbii galmaan gahuuf kan gargaaru hin ture. 20 SY RDFI keewwata 88(4) www.abyssinialaw.com 1.4.5. Murtiilee Mana Murtii Waligalaa Federaalaa Dhaddacha Ijibbaataatiin Kennaman Murtii dhaddacha ijibbaataatiin kennamu dirqisiisaa akka ta’an kan barbaachiiseef, namni kamiyyuu tajaajila sirna haqaa wal-fakkaatu akka argatu taasiisudhaaf. Adabbii ilaalchiise dhimmota dhaddacha ijibbaataatti dhiyaatani murtee argatan baay’ee yoo ta’uu baataniis, murtiilee kunniin murteessa adabbii biyya keenya kan walfakkaatu fi sirrii akka ta’uu gochuudhaaf gumaacha mata isaani ni qabu. Dhimmoota hanga ammaatti adabbii murteessuu ilaalchiise dhaddacha ijibbaataatti dhiyaatani murta’an keessa isaan muraasa haa ilaallu: A) Sababoota Adabbii Cimsan fi Salphiisan Ilaalchiise: Seera yakka keewwata-82(1A) jalatti sababoonni adabbii salphiisan hedduun tareeffamani jiru. Sababoota kana wajjiin walqabate falmiin ka’u keewwatoota xixiqqaa keessatti tarreeffaman walqabsiistu “fi” jedhamuun kan wal-qabatan yoo ta’e sababoota kaa’aman keessa inni tokko argame inni kan biraa yoo dhabame akka sababaatti fudhanee adabbii salphisuu ni dandeenya moo hin dandeenyu jedhamee falmiin ka’u dha. FKN: Gaaleen “amalli yakkamaa yeroo hundaa gaarii yoo ta’eefi......” jedhu kopha isaa ofdandaa’ee kan ilaalamuu danda’u dha moo, miti? kan jedhu akka ijoo falmiitti dhiyaate hiikkoon dirqisiisaa ta’e irratti kennamee jira. Dhimma 1ffaa Dhimmi kun ol’iyyatoota Fisahaa Abbaay faa N-2 fi Abbaa Alangaa Waajjira Galiiwwanfi Gumuruuka Federaalaa gidduu ture dha. 21 Dhaddachii ijibbaata ijoo falmii bitaaf mirgarraa dhiyaate kana erga qorate booda murtii kenneen “Adabbiin murtaa’uu kan qabu, hanga balaafamummaa amala dhuunfaa raawwataa yakkiichaa, seenaa jireenyasaa darbee, ... madaaluun akka ta’e SY keewwata-88(2) jalatti kaa’amera. Kanaafuu, amalli yakkamaa yeroo hundaa gaarii ta’un isaa hanga mirknaa’etti sababni kun of-danda’e adabbii salphiisu irraa wanta isaa daangeessu hin jiru jechuudhaan murtii kenneera. Murtii dhaddachaa ijibbaataatiin kenname kun yoo xiqqaate sababoota keewwata- xiqqaa tokko jalatti akkata kamiin hojiirra olchu akka qabnu kallatti kan kaa’u dha. Qabxiin biroo dhaddacha ijibbaataan murtee itti kennee kutaa addaa seerichaa keessatti tumaa addaatiin haalawwan yookiin sababootni adabbii salphiisan yakkiicha hundeessuuf yommuu 21 Obbo Fisahaa Abbaay faa N-2 fi Abbaa Alangaa Waajjira Galiiwwanfi Gumuruuka Federaalaa, Jildii 10ffaa Lakk-galmee-53612, Haala wal-fakkaatuun Obbo Isayaas Abarraa faa N-5 fi Abbaa Alangaa Naannoo Oromiyaa, Jildii 12ffaa Lakk- galmee 45595 ilaalu ni danda’ama www.abyssinialaw.com tumamanitti manni murtichaa sababootuma kana adabbii salphisuuf irra deebi’uun itti fayyadamuu ni danda’a moo, hin danda’u? kan jedhu dha. Dhimma kanarratti falmii turefi murtii kenname haa ilaallu: Dhimma 2ffaa Dhimmi kun ol’iyyata Abbaa Alangaa Federaalaafi Biraanuu Fiqaaduu giddu ture dha. 22 Manni Murtiichaa komii dhiyaate seeraa waliin erga qorate booda haalawwan SY keewwata82(1) jalatti kaa’aman tumaa addaatiin yakkiichaa hundeessuuf yommuu tumamanitti manni murtichaa sababootuma kanaan adabbii salphisuuf irraa deebi’uun itti fayyadamuu akka hin dandeenye ibse, manni murtii jalaa firii dubbii keewwata himatamaan itti himatame jalatti yakkiichaa hundeessuuf kaa’ame irraa deebiin adabbii salphiisudhaaf itti fayyadame adabbii Gad-aanaa seerichaan kaa’ame gadi bu’uun adabbii salphiisun isaa dogonggora jedhe, adabbii hidhaa cimaa waggaa Sadii murta’e gara waggaa kudhantti fooyeessuun murtesseera. Murtii kennameerrati akkuma kaa’ameen sababoota adabbii cimsuus ta’e salphiisu irraa deebiin fayyadamuun adabbiin akkamalee akka salphatu ykn cimuu gochuun kaayyoo fi galma seera yakka irratti dhibba mata isaa kan qabu waan ta’eef murtiin kennamuu bu’uura kanaan murtaa’u akka qabu kan agarsiisu dha. B) Yaada Garee Falmiitoni Falmii Keessatti Hin Kaasneen Fayyadamu: manni murtii ol’iyyannoo ilaalu gaaffii falmii garee falmiitootatiin hin dhiyaanne irratti hundaa’un adabbii salphiisu ykn cimsu ni danda’a? gaaffiin jedhu qabxii falmisiisa dha. Dhimma 3ffaa Dhimmi kun falmii ol’iyyataa Tasfaayee Addalaa fi Abbaa Alangaa gidduu ture dha. 23 Ol’iyyataan seera yakkaa keewwata-555(B) bira darbuun himatame balleessa ta’uun isaa waan mirkanaa’eef adabbii hidhaa waggaa lamaatiin ykn qarshii dhibba shaniitiin akka adabamu murteesserra. Abbaa Alangaan murtee Mana Murtii aanaatiin kenname kana keewwata- yakkamaan balleessaa itti jedhame adabbii hidhaa fi qarshii filannoon otoo hin ka’iin manni murtii sadarkaa jalqaba haala kanaan murteessuun isa dogongoora dha jedhe ol’iyyateera. Manni murtii ol’aanaan immoo falmii ol’iyyaannoo isaaf dhiyaate erga dhagahe booda murtii Mana Murtii sadarkaa jalaqabaatiin kenname sirrii miti jedhe ol’iyyata kana adabbii hidhaa waggaa shaniin akka adabamu murteessera. Manni murtii waliigalaas murtii Mana Murtii ol’aanaatiin kenname sirrii dha jedhe cimsee jira. 22 23 Abbaa Alangaa Federaalaa fi Barihuun Fiqaadu, Jildii 12ffaa, Lakk-galmee-59356 Tasfaayee Addalaa fi Abbaa Alangaa, Jildii 10, Lakk-galmee 48617 www.abyssinialaw.com Manni Murtii Dhaddacha Ijibbaata Fedraalaa falmii bitaaf mirga irraa dhiyaate erga dhagahe booda, Mana Murtii jalatti deebii kennaan ammaa falmiin inni dhiyeesse keewwata- seera yakkamaan balleessaa itti jedhame adabbii hidhaa fi qarshii filannoon otoo hin ka’iin manni murtii sadarkaa jalqaba haala kanaan murteessuun isa dogongoora dha kan jedhu ta’ee otoo jiru, manni murtii ol’aanaa dhimma akka falmiitti isaaf hin dhiyaannee ilaaluun adabbii hidhaa waggaa lama gara waggaa shantti ol’guddisuun murtii inni kenne dogongora bu’uura seera kan qabu dha jedhe murtesseera. Walumaagalatti dhimmoota armaan olitti kaa’aman irraa kan nuti hubannu Mureen Mana Murtii waliigalaa dhaddachaa Ijibbaata Federaalaatiin kennamu sirrummaa akkaata murtii adabbiifi wal fakkaattummaa isaa mirkaneessuuf gahe guddaa kan qabu akka ta’e dha. 1.4.6. Koodii Naamusa Abbootii Seeraa Gumiin Bulchiinsa Abbootii Seeraa Naannoo Oromiyaa naamusa Abbootii Seeraa Naannoo Oromiyaa Bara 2001 A.L.I keessatti dambii naamusa Lakk-2/2001 kan baasee yommuu ta’u, dambiin kun duudhaalee naamusa Abbootii Seeraa adda addaa of-keessatti akka hamatu taasifameera. Duudhaalee naamusa kunis murteessa adabbii yakkaa naannoo keenya bu’a qabeessaa gochuudhaaf gaheen isaan qaban akka laayooti kan ilaallamu miti. Abbootii Seeraa kamiyyuu ajajafi murtii adabbii inni kennuu seeroota sadarkaa biyya keenyafi naannootti jiran kan yaada keessaa galche ta’u qaba. Dabalataan garee falmiitoota Mana Murtiitti dhiyaatan ija tokkon ilaalufi mirgi isaani kabajuufi kabachiisuu kan isaan irraa eegamudha. Akkuma beekamu gareen falmiitooni sadarkaa yaada isaani Mana Murtiif dhiyeessuu itti barbaadan keessa inni tokko adabbii yeroo murtaa’udha. Yaada adabbii dhiyeessuun mirga garee falmiitoota ta’uun alatti, manni murtii adabbii haqaa qabeessa ta’e akka murteessu kan isaa gargaarudha. Kanaafuu, Abbootiin Seeraa yaada garee falmiitootarraa dhiyaatu obsaan dhagahuuf naamusa isaan irraa eegamu keessa isa tokkodha. 1.4.7. Danbii Ittin Bulmaata Abbootii Alangaa Hojiin A/Alangumaa haala loogii irraa bilisa ta’ee fi al-loogummaa hanbiseen, fi haala walfakkaatummaa qabuun (tokko kan ta’e), bilisaa fi loogiimaleesa ta’e fi loogiimaleesa haala jechisisuu danda’un gaggeefamu akka qabu ni kaa’a. 24 Abbootiin alangaa ogummaa isaatiif amanamummaa fi gara kuteenyaan dhaabachu; mirgoota namoomaa akka aduunyaatti 24 Standerds of professional responsibility and statement of essential duties and rights of prosecuters adopted by the international asscosation of puplic prosecutors on april 23/1999 page 12 www.abyssinialaw.com fudhatama argatan kabajuu fi kabachiisuuf tattaafi hunda taasisuu; seera fi seera qofa irratti hundaa’uun hojjachuu akka qaban ni beekamaa. Wanta kamiyyuu caalaa gaheen hojiin Abbootii Alangaa ol’aantummaa seera akka mirkanaa’u hojjachu dha. Bu’uura kanaan namoota yakkaa raawwatan, kan hin raawwanne irraa addaa baasuun seeraatti dhiyeessuun adabbii gochaa yakkaa isaan raawwatan wajjiin wal-gituu akka argatan taasiisuuf gahe isaan irara egamu gumaachuuf gara kuteenyaan hojjachu qabu. Kanamalees, haala seerichaa keessatti kaa’ameen adabbiin cimee ykn salphate murtaa’u waan danda’u, dhimmota qabatmoo irratti hunda’uun adabbiin cimee akka murtaa’u qofa otoo hin tanne bakka adabbiin murtaa’u salphachuun isaa barbaachiisa ta’etti hanga dhumaatti falmii gaha ta’e gaggeessuun akka salphate murtaa’u taasiisu qabu. 25 Ol’aantumaan seeraa kan mirkanaa’u namoota himataman hunda adabsiisuun qofa otoo hin ta’iin furmaata biroo seerichaan kaa’aman hojiirra olchuunis akka ta’e hubachuun barbaachiisadha. Kanaafuu Abbootiin Alangaa yaada adabbii yeroo dhiyeessan filannoowwan adabbii bakka bu’uu danda’an seerichaan kaa’aman yoo jiraatan Mana Murtiichaaf yaada dhiyeessuuf kaayyoon seeerichaa akka milkaa’u gumaacha isaan irraa eegamu taasiisu qabu. Gaaffii Marii 1. Murtii balleessumaa keennisiisuuf ykn bilisaa gochuuf xiyeefannoo Mana Murtiifi garee falmiitootaatiin kennamu, yeroo murtii adabbii kennamu baayy’inaan hin mul’atu. Rakkoon kun maal irraa kan madde akka ta’e bal’inaan irratti mar’idha. 2. Naamootni tokko tokko qajeelfamni adabbii Itoophiyaa Lakk-1/2002 adabbii ni cimsaa yeroo jedhan, namoonni biroo immoo qajeelfamichii adabbii ni salphiisa jedhu. Isiin yaadoota lamaan irraa isa kamtu sirriidha jetu, maaliif? 3. Adabbiin yeroo murtaa’u kaayyoo adabbii bifa yaada keessa galcheen ta’u akka qabu ni beekama. Gotoota adabbii seera yakka Itoophiyaa keessatti kaa’aman ilaaluudhaan adabbii tokko gosaa kaayyoo akkamiitiif murtaa’u akka qabu seerota keenya irraa hubachuun ni danda’amaa? Baldhinaan irratti mari’adhaa. 4. Murtiilee dhaddacha Ijibbaataatiin kennamanfi qajeelfama garaagarummaan kan uumame yoo ta’e kamtu fudhatamumaa qaba? 25 SDFY Itoophiyaa keewwata- 149(3) adabbii gidduuti www.abyssinialaw.com Dhimmaa 4ffaa Dhimmi kun falmii himataa Abbaa Alangaa Aanaa Yaabeelloo Fi himatamaa Machawaa Huuqaa gidduu ture yommuu ta’u himatamaan seera yakkaa kew-620(1) bira darbuun yakka dirqisiisanii gudeeduu raawwatee waan argameef himanna dhiyaatee dha.Manni murtii Aanaa Yaabeelloo dhimmichaa Lakk- Galmee 05722 ta’e irratti erga ilaalee booda himatamaa kewwatummaa itti himatamee jalatti baalleessaa dha jechuun yakkamaa adabbii qarshii 3000 (kuma Sadii)tiin akka adabamu murteessee, kana keessa qarshii 2000 (kuma lama) miidhaamtuu dhuunfaaf beenyaan akka kaffalamuu fi qarshiin 1000 (kuma tokko) ammoo mootummaadhaaf galii akka ta’uu jechuun murteesseera. 1, Adabbii kenname kun kaayyoo adabbii seerrii yakka keenya qabu wajjiin akkamitti ilaaltu? Adabbiin Mana Murtiidhaan kenname kun kaayyoolee seera yakkaa keenya jalatti kaa’aman keessaa isaa kam milkeessuu danda’a jettani yaaddu? www.abyssinialaw.com BOQONNAA LAMA QAJEELTOOWWAN ADABBII SEERRII YAKKAA ITOOPHIYAA IRRATTI HUNDAA’E FI QAJEELFAMA ADABBII ITOOPHIYAA Seensa Seera yakkaa keessatti qabxiilee xiyeefannaa argatani sadarkaa jalqaba irratti hamatamu danda’an keessa dhimmi ijoon kaayyoo fi galama seerichaatti. Seera tokko keessatti kallatidhaanis ta’e al-kallati kaayyooleefi galamaawwan ibsaman adda addaa akka waliigalaatti sababa dhaabataniif akkasumas bu’aa barbaadamu kan agarsiisani dha. Haaluma kanaan Seerrii Yakka Itoophiyaaniis qajeeltoowwan bu’uura kaayyoo fi galma inni dhabbateef fiixaa baasiisuuf ni gargaaruu jedhamani itti amanaman akka of-keessatti hamatu taasifameera. Sirna rammaddi adabbii wajjiin wal-qabate Abbootiin Seeraatiif daangaa adabbii itti murteessan /discretion/ kennuun mata isaatiin rakkoo miti. Dhimmoota hundaaf adabbii murta’a ta’e kaa’uun aangoo abbootti seera daangessuun kaayyoofi galama seera yakka akkasumas yaada seera baastoota waliin kan hin deemne akka ta’e seena darbe irraa hubachu ni danda’ama. Kanaafuu, Abbootiin Seeraa bitaaf mirga ilaalani akka murteessan aangeessuun hojiimaata yeroo amma kana barbaadamu dha. Walumaa galatti boqonnaa kana jalatti wa’ee qajeeltoowwan bu’uuraa seera yakka Itiyoophiyaa, qajeelfama adabbii 2/2006 yeroo qopha’uu dhimmoota irratti xiyyefateefi yakkoota kanaan dura sadarkaan qopha’eef ilaalchiise qajeelfama adabbii kana keessattii haala kamiin akka fooyya’e kan ilaallu ta’a. Leenjifamtoonni dhuma boqonnaa kana irraatti: Qajeeltowwan murteessa adabbii seera yakka Itoophiyaa keessatti kaa’aman ni hubatu Qajeeltowwan kana bifa qajeelfama adabbii waliin wal-simateen hojjitti olchuuf dandeetti isaan barbaachiisu ni gonfatu, Qajeelfama adabbii erga bahe kaase murteessa adabbii wajjiin wal-qabate jijjiramni dhufee fi rakkoolee muudatan addan ni baasu, Sababoota qajeelfamni akka fooyaa’uu taasiisan hubbachuun hojii irraa olma qajeelfama adabbii haaraatiif ni carraaqu. www.abyssinialaw.com 2.1. Qajeeltowwan Murteessa Adabbii Seera Yakkaa Itoophiyaa Seera yakkaa Itoophiyaa keessatti qajeeltowwan murteessa adabbii adda addaa kaa’amani jiru. Mataduree kana jalatti qajeeltowwan kun maalfaa akka ta’ani fi ababiilee qajeeltowwan kana yaada keessa otoo hin galchiin murta’e kaayyoofi galma seera yakka irratti dhibaan inni fidu kan ilaallu ta’a. 2.1.1. Kaayyoo fi Yaada Seerichaa Hordoofu Seerrii yakka meesha dudhaalee hawaasa tokko/adda addaa/ ittin calaqiifamu fi tarkaanfachiisu akka ta’e boqonnaa tokkoffaa keessatti ilaaluun keenya ni yaadatama. Dudhaalee /sonawwan/ kunis dudha safuu, dinagdee, ykn siyaasaa ta’u ni danda’a. Yakkii taate hawaasummaa waan ta’eef yeroo kamiyyuu namootni dhorkaa seeraan kaa’ame biraadarbuun gocha yakka raawwachu ni danda’u. Yakkii kan raawwatamu yoo ta’e immoo adabbiin wanta hafuu miti. Yaada kanarra kan hubatamuu seera yakka keessatti adabbii jiraachuun isa mataisaatiin galma otoo hin ta’iin yakka akka hin raawwatamne galama kaa’ame milkeesuuf tooftaalee seerichaan kaa’aman keessa isaa tokko akka ta’e kan agarsiisuu dha. Seerrii yakka nageenya fi tasgabbii uumataa eeguufi mirkaneessuu alatti meesha jijjiramaa yeroo yerootti dhufu akkuma haala isaatti fudhachuudhaan itti fuufsiisuuf kan tajaajiluu dha. Biyya keenya keessatti seeroota yeroo adda addaatiin bahan yoo ilaalle, seerrii inni tokko isaa kan biraatiin bakka buusuuf dhimmotni akka sababatti dhiyaatan dudhaalee safuu, dinagdee, ykn siyaasaa waliin kan wal-qabatan akka ta’an hubbachu ni danda’ama. Seerrii adaba yakka bara 1949 A.L.I bahe hojii irraa ooluu erga jalqabee gara jaarraa walakkaatti kan siqee ta’u isaafi yeroo kana gidduutti jijjiiramni bu’uuraa kan siyaasaa, dinagdeefi hawaasummaa Itoophiyaa keessatti kan taasifaman waan ta’eef jijjiirama kana hunda booda raawwiin seera adaba yakkaa bara 1949 A.L.I akka itti fufu taasisuun fudhatamummaa kan hin qabne akka ta’e ibsameera. 26 Jijjiiramni dhufee kana waajjiin dhimmootni seera adaba yakka keessatti akka yakkaatti hin fudhatamne, seera yakka keessatti akka gochoota yakkaati fudhatamani jiru, dhimmootni seera adaba yakka keessatti akka yakkaatti kaa’aman tokko tokko immoo haalli itti haqaman ni jira. Walumaagalatti, adabbiilee fi tarkaanfileen eeggannoo seera 26 Akkuma Lakk-19 Fuula-4 www.abyssinialaw.com kanaan tumaman kaayyoo seerichi bira gahuuf yaade mirkaneessuuf haala itti danda’amun bu’uura yaada seerichaatiin raawwatamuu ni qaba. 27 2.1.2. Haala Dhunfaa Yakkamaa, Ulfinaafi Ciimina Yakkiichaa ilaalluu Qajeelto kana wajjiin wal-qabate oggeessotni seera yaadoota adda addaa ni tarkaanfachiisu. Keessattuu adabbii murtaa’u keessatti ulfina yakkiichaa haala dhunfaa yakkamaa bakka tokkotti madaaluun murta’a moo, adabbiin kan murtaa’u ulfina yakkiicha of-danda’e madaalameeti gaaffiin jedhu dhimma deebii barbaadu dha. Gaaffii kanaaf deebiin kennamu kaayyoo adabbii seera yakkaa biyya tokko maal akka ta’e kallatti kan ka’u dha. Adabbiin kan murtaa’u ulfinaa yakkiichaa (Offense Seriousness) qofa irratti hudaa’un ta’u qaba yaada jedhu yoo ilaalu dhimmota kan akka seenaa jireenya darbee yakkamaa, sababoota yakka akka raawwatu isa kakaasaniifi kaayyoo yaada isaa, haala jireenya dhunfaa isaa, sadarkaa barumsa isaa fi k.k.f gatii dhabsiisa. Adabbiin dhimmoota kana yaada keessa otoo hin galchiin murtaa’u immoo, “Haloo bahu” ta’uun alati faayida biraa hin qabu. Kanaafuu, Adabbiin murtaa’uu kan qabu, hanga balaafamummaa amala dhuunfaa raawwataa yakkiichaa, seenaa jireenyasaa darbee, sababoota yakka akka raawwatu isa kakaasanii fi kaayyoo yaada isaa, haala jireenya dhunfaa isaa, sadarkaa barumsa isaa, akkasumas, ciimina yakkiichaa fi haalawwan raawwii isaa madaaluun ta’u qaba. 28 Yakkii raawwatame cimaa ta’u fi dhisu isaa kan addaan baasnu keewwata seeraa yakkamaan balleessa itti jedhame ilaaluudhaan. 29 2.1.3. Adabbii Baay’ee Salphaa Ta’e Irraa Eegalee Hanga Cimaatti Jiru Qorachu Gotoota adabbii seera yakka keenya keessatti kaa’aman yommuu ilaalu, haalli seera baasaan gochaa yakkaa tokkoof adabbii ka’umsa fi baaxii itti kaa’e ni jira. Tuumaaleen kutaa addaa seerriichaa keessatti argaman akkuma eegamanitti ta’ee manni murtichaa adabbii baay’ee salphaa ta’e irraa eegalee hanga adabbii cimaatti kan jiru of eeggannoon qorachuun tokkoon tokkoon dhimmichaatiif adabbii barbaachisaa ta’e murteessu akka qabu tumameera. 30 Kewwatni kun Abbootiin Seeraa hanga danda’ameti yakkamtoota adabbii hidhaa murtessuudhaan mana amala sirreessa keessatti sireefamtoota baayy’isurraa gocha yakka raawwatameef seerriichaa keessatti filannoowwan adabbii kan biraa jiraachu isaani 27 SY RDFI keewwata-87 SY RDFI keewwata-88(2) 29 Moojulii Qajeelfama Adabbii Itoophiyaa, Wiirtuu Leenjii Abbootii Seeraa fi Abbootii Alangaatiin Kan Qophaa’e; Desaaleeny Damaqaa, Almaawwu Walee fi Takiliit Yimsal; Bara 2005 Fuula 48 30 SY RDFI keewwata-88(3) 28 www.abyssinialaw.com qulqulleessu akka qaban kan agarsiisu akka ta’e seerii kun yeroo bahu marii seera baastooni godhan irraa hubbachu ni danda’ama. 31 2.1.4. Seera Qabeessummaa (Principle of Legality) Isaa Xiinxaluu Akkaata qajeeltoo kanaan namni tokko gocha yakkaa seeraan hin tumamneen kan hin gaafatamne ta’u isaa kan agarsiisu yommuu ta’u, dabalataan namni kamiyyuu bu’uura seeraatiin murtii isa dhumaa ta’een yakka kanaan dura ittiin adabameen (tarkaanfiin seeraa biroo irratti fudhatameen) yookiin bilisaan gadi lakkifameen irra deebi’ee himatamu yookiin adabamu akka hin qabne heera mootummaa keenya dabalate, seera yakka fi waliigalteewwan idilaa adduyaa biyya keenyan malateefaman irratti ibsamera. 32 Qajeeltoon kun oggeessoota seera kan ta’an Abbootii Seeraa fi Abbootii Alangaaf haaraa yoo ta’uu baatees, qabatamaan Manneen Murtii keessatti hojmaanni jiru yaada seerichaa kan hordofee miti. Kanamalees qajeeltoon kun namni tokkoo adabbii gocha yakka inni raawwateef seerichaan hin kaa’amneen adabamuu akka hin qabnee kan akeekkachiisu dha. Dhimma 5ffaa Dhimmi kun falmii Abbaa Alangaa Naannoo Tigraay fi Hagoos W/Mika’eel giddu kan ture dha. 33 Yakkamaan seera yakkaa keewwata-556(2A) biradarbuun himatame balleessa ta’uun isaa waan mirkanaa’eef adabbii qarshii dhibba shantiin adabameera. Miidhaamaan turtii booda kan du’an yommuu ta’u ka’umsii du’a isaan miidhaan yakkamaan kun isaan irratti geessee akka ta’e ragaan barruu waan dhiyaateef abbaa alangaa himana 2ffaa keewwata-540 jalatti yakkamaa irratti yommuu banu, manni murtii jalaa falmii bitaaf mirga irraa dhiyaate erga dhagahe booda himatamaa keewwata- itti himatame jalatti balleessa qaba jechuun adabbii hidhaa cimaa waggaa kudhanittin akka adabamu murteesseera. Manneen Murtii dhaddacha ijibbaata Naannoo Tigraay fi Federaalaa dhimmichi ol’iyyannoon isaatti dhiyaate murtiin Mana Murtii jalaatiin kenname heera mootummaa keewwata-23 fi seera yakka keewwata-2(5) wajjiin kan walitti bu’u waan ta’eef dogngora bu’uura seera qaba jechuun yakkamaa bilisaan akka gadidhifamu murteessani jiru. Murtee dhaddachaa ijibbaataatiin kenname kun sirrii akka ta’e kan namaa wal-falmisiisu miti. Dhimma kana irratti gama abbaa alangaatiinis ta’e Mana Murtiittin dogongoorri bu’uura seeraa ta’e raawwatameera. 31 Akkuma Lakk-29 Fuula-48 SY RDFI Keewwata-2 33 Abbaa Alangaa Naannoo Tigraay fi Haqoos W/Mika’eel, Jilddi 13 Lakk-galmee 72304 32 www.abyssinialaw.com Gaafii Marii # Dhimma kana ilaalchiise M/Murtii jalaa keewwata 556(2A) jalatti yakkamaan adabbii qarshii 500(dhibba shan) adabuun isaa sirriidha? Maaliif? 2.1.5. Adabbiin Murtaa’u Sirri fi Kan Wal-fakkaatu Ta’u Qaba Adabbiin murtaa’u tokko sirrii fi kan wal-fakkaatu ta’u isaa kan mirkanaa’u adabbiin sun madaalawwaa, sababa gaha malee kan hin jijjiiramne, Nama hunda qixxeetti kan ilaalu fi iftoomina kan qabu, akkasumas itti gaafatamummaa kan hordoofsiisu yoo ta’e dha. Madaalamummaa /Proportinality/: Adabbiin murtaa’u tokko madaalamummaa qaba kan jedhamu yakkaa himatamaan balleessa ittin jedhame qofa ilaaluun otoo hin ta’in, hanga balaafamummaa amala dhuunfaa raawwataa yakkiichaa, seenaa jireenyasaa darbee, sababoota yakka akka raawwatu isa kakaasaniifi kaayyoo yaada isaa, haala jireenya dhunfaa isaa, sadarkaa barumsa isaa, akkasumas, haalawwan raawwii yakkiichaa madaaluun ta’u akka qabu yaada akeeku dha. Wal fakkinaa /Consistency or Uniformity/: Yakkii hundu ka’umsa mataassa kan qabu waan ta’eef sababni yakka isaa tokko, kan biraatiif haalli itti darbu hin jiru. Kana jechuun garuu, garaagarummaa yakkoota gidduuti jiru Akkuma jirutti ta’e dhimma wal-fakkaata ta’an irratti adabbii walitti dhiyaatu murteessu hin danda’amu jechu miti. Qajeeltoon kun Manneen Murtii adabbii akka fedha isaanitti murteessuurra of-qusatani adabbii garaagarummaa bal’aa hin qabne akka murteessan kan isaan dirqisiisu dha. Nama Hunda Qixxeetti Ilaalu: Adabbiin yeroo murtaa’u sababoota garaagarummaa uumuuf seerichaan hayyamaman alatti fayyadamuun dhorkaa dha. Adabbii murtaa’u namoota gidduutti sadarkaa jireenya hawaasummaatiin, sanyiidhaan, sabaan, sablammmiidhaan, bifan, saalaan, afaaniin, amantiidhaan, ilaalcha siyaasaa yookiin kan birootiin, qabeenyaan, dhalootaan yookiin ejjennoo kan biraatiin garaagarummaa otoo hin uumiin hunda irratti wal qixxummaan raawwatamaa qaba. Iftoominafi Itti Gaafatamummaa: Iftoominafi Itti gaafatamummaan qajeeltowwan waliin deemani dha. Abbootiin Seeraa murtee adabbii isaani sababa gaha ta’een deegarani haala ifa ta’een dhiyeessu qabu. Murteen kennamuu sababa gaha ta’een deegarame haala ifa ta’een www.abyssinialaw.com akka dhiyaatu gochuun tilmaamamummaa adabbii mirkanneessu bira darbe, itti gaafatamummaa kan mirkanneessuu dha. 2.2. Qajeelfama Adabbii Itoophiyaa Abbootiin Seeraa bitaaf mirga ilaalanii daanga adabbii seerichaan kaa’ame keessatti akka murteessan /discretion/ aangeessuun hojiimaata yeroo amma kanaan barbaadamu yoo ta’ellee, hojiimaatni kun rakkoo kamiyyuurra qulqullu dha jechu miti. Keessattuu daanga adabbii Gad-aanaa fi ol’aanaa (baaxii) seerichaan kaa’ame gidduutti adabbiin haala kamiin murtaa’u akka qabu kallatti kan qabsiisuu hojiimaata ifa ta’e yoo hin jiraanne dhimmoota wal-fakkaatan gidduutti garaagarummaa hin barbaadamne waan hordoofsiisuuf amanamuummaa sirna haqaa yakka biyya tokko gaaffii keessaa kan galuu ta’a. Yeroo amma kana hanqinaalee gama adabbii sirrifi wal-fakkaatu murteessuu wajjiin walqabate mul’atuuf qajeelfama adabbii dirirsuun hojiirra olchuun akka furmaata tokkotti baratmaa dhufeera. Biyya keenya keessattis sirrummaa akkaata murtii adabbii fi wal fakkaattummaa isaa mirkaneessuuf Manni Murtii Waaliigalaa Federaalaa qajeelfamani adabbii baasuu akka qabu seera baasaan murteessera. 34 Manni Maree Bakka Bu’oota Uumatoota Itoophiyaa barbaachiisummaa qajeelfama adabbii ilaalchiise marii gaggeesseen adabbiin abbootti seeraatiin murtaa’u tokko ta’u kan hin qabne yoo ta’ellee sirrummaa adabbiifi wal fakkaattummaa isaa mirkanneessuuf Manni Murtii Waliigalaa Federaalaa SY keessatti adabbii ka’umsaa fi baaxii kan kaa’ame ta’u isa fi filannoowwan adabbii adda addaa jiraachu isaani bifa yaada keessa galcheen qajeelfama adabbii baasuu akka qabu akeekeera. Marii Manni Maree bakka bu’oota Uummataa gaggeesse kana irraa kan hubatamuu qajeelfamni adabbii dhimmoota wal-fakkaatanfi walitti-dhiyaatan irratti hanga danda’ametti adabbii walitti-dhiyaatu murteessuudhaaf kan gargaaru ta’u akka qabu. Qajeelfama adabbii hojiirra olee rakkoowwan gama aangoo Abbootii Seeraatiin ka’a turan furuudhaaf kan gargaaruu yoo ta’eelee ammas akka yaadamee kanaatti hojjachuun qofti kaayyoo qajeelfamiichaan yaadame galama gaha jechuun rakkisaadha. Sababni isaas Abbootiin Seeraa sababa waliigalaa adabbii salphiisu ykn cimsu gahaa ta’e kan biraa seeraan ifatti hin tumamne yoo argatan madaaluun adabbii murteessuudhaaf itti fayyadamu akka danda’an SY keewwata-86 jalatti kan ibsame jiru waan ta’eef kun immoo Abbootii Seeraa 34 SY RDFI Keewwata-88(4) www.abyssinialaw.com gidduutti gargaagarummaa adabbii murteessu uumuu waan danda’uuf yeroo hunda adabbii wal-fakkaatu ni murta’a jedhani yaaduun hin danda’amu. 2.2.1. Qajeelfama Adabbii Itoophiyaa 1/2002 Fooyyeessuudhaaf Dhimootni Akka Sababaati Dhiyaatan Akkuma beekamu qajeelfamni adabbii Itoophiyaa 1/2002 hojii irraa erga olee umrii waggaa Sadii lakkoofsiiseera. Waggaa Sadii kana keessatti dhimmoota murta’an wajjiin wal-qabatee qajeelfamnchii rakkoo tokko tokko kan qabu akka ta’e hubatameera. Mataduree kana jalatti dhimmoota qajeelfama adabbii fooyyeessuuf akka sababaatti eeraman keessa isaan muraasa gabaabina kan ilaallu ta’a. 2.2.1.1. Sadarkaa Yakkoota Qopheessuuf Ulaagaalee Seerricha Keessatti Kaa’aman Alatti Fayyadamuu Yakkoota tokko tokkoof bu’uura ulaagaalee/ firii dubbii/ seericha keessatti kaa’ameen sadarkaan kan qophaa’e yoo ta’ellee, yakkoota biroof immoo firii dubbii keewwaticha jalatti hin kaa’amane fayyadamuun haalli sadarkaa yakkoota qopheessuuf itti hojatame ni jira. Yakkaa hanna ilaalchiise hangi faayidaa argamee hanga qarshii 100tti yoo ta’e danbii darbuutiin kan ilaalamu waan ta’eef sadarkaa yakkiichaaf qophaa’e keessa hin galfamne. Yaadani qajeelfamicha irratti kaa’ame kun yaada SY keessatti kaa’ame waliin yommuu ilaalamu rakkoo kan qabu akka ta’e hubbatameera. Kunis yaadni keewwata-665 jalatti kaa’ame badhaadhina hin malle argachuuf yookiin nama biroof argamsiisuuf yaaduun qabeenyaa nama biroo kan ta’e.... kan jedhu irratti xiyeefataa malee hanga qarshii faayidaa argameeratti miti. Dabalataan yakkii tokko raawwatamuu qofa otoo hin ta’iin sadarkaa yaalittis haalli nama gaafachiisu ni jira. Kanaafuu yakka hanna qarshii dhibba tokko gadi ta’e danbii darbuudhaan nama gaafachiisa jedhame sadarkaan otoo isaaf hin qopha’iin hafuun isaa yaada deegarsa seera hin qabne dha. Kanamalees, yakka miidhaa qaamaa cimaa wajjiin walqabate miidhaan gahe kan fayyuu danda’u/hin dandeenye jedhame akka ulaagaati kaa’ame qaamni nama yeroo tokko erga miidhaame booda yoo fayyelee tajaajilli inni kennuu akka uumamaan tureti hin ta’u falmii jedhu waan kaasiiseef ulaagaan kun akka haqamu taasifameera. Yakka malaammatummaa ilaalchiise yakkamaan kan himatamee SY keewwata- 407(1) ykn (2) jalatti yoo ta’ellee murtiin adabbii yeroo murtaa’u kaayyoo yakkiichi itti raawwatame cimaa ol yommuu ta’u SY keewwata- 407(1) keessatti kan kufu ture keewwata 407(2) jalatti www.abyssinialaw.com kufa, kan keewwata-407(2) jalatti himatame keewwata- 407(3) jalatti akka adabamu sadarkaan bahe qopaa’uun isaa qajeeltoo seera kan hin hordoofne dha. Aangoo yakkamtoota ilaalchiise kanaan dura akka bu’uurati kan fudhatame ala labsii koomishinni farraa malaamaltummaa naannoolee hundeessuuf bahanfi seeroota biroo keessatti hiikaan “Abbootii Taayitaaf” kenname akkuma jirutti akka fudhatamu taasifameera. 2.2.1.2. Itti Fayyadamaa Sababoota Adabbii Cimsa fi Salphiisan Sadarkaan yakkiichaa erga addaan bahe boodafi adabbii ka’umsa erga murta’e booda gareen falmiitoon sababoota adabbii cimsuu fi salphiisu akka dhiyeessan ni taasifama. Sababootni kun seerichaa keessatti yeroo kaa’aman adabbii cimsuu fi salphiisuuf faayida /value/ isaani garaaggarummaa akka qabu wanta kaa’ame hin jiru. Haata’umalee haalli qajeelfamni adabbii itti qophaa’e yeroo ilaalu sababootni adabbii salphiisan ciiminaa adabbii gocha yakka yakkamaan raawwate balleessa ittin jedhame irratti hundaa’u akka guudatu kan taasifame yommuu ta’u, sababootni adabbii cimsan garuu gattii wal-fakkaatu akka qabaatan taasifameera. Kanarra kan ka’e adabbii murtaa’u kaayyoo seerichaa galmaan gahu irratti dhiiba akka uumu godhe jira. Kanaafuu, qajeelfama adabbii isa haaraa keessatti ciiminaa adabbii gocha yakka yakkamaan raawwate garaagarummaa yoo qabaatees sababa adabbii cimsuu ykn salphiisu tokkotiin fayadamuun guulataan manni murtii dabalu ykn hir’su tokko akka ta’uu taasifameera. 2.2.1.3. Tilmaamaa Qabeenyaa Tilmaama qabeenyaan wal-qabatee qajeelfama 1/2002 keewwata-22(1,2) irratti Yakkichii qarshii biyya alaa irratti kan raawwatame yoo ta’e, jijjiraan yeroo adabbii murtaa’u akka herragamee adabbii akka murtaa’u ka’ee jira. Kun immoo jijjiramaa dandeetti bitu qarshii yeroo yerooti mul’atu wajjiin wal-qabate adabbii madaalawwaa yakkamaa irratti akka hin murtoofne taasiisu ni danda’a. Kanarraa kan ka’e qajeelfama 2/2006 keessatti Yakkichii qarhii biyya alaa irratti kan raawwatame yoo ta’e, jijjiraan yeroo Yakkichii raawwatameetti jirun herragamee akka murtaa’u godhameera. Dabalataan tilmaama qabeenyaa ilaalchiise gama himatamaatiin mormii yoo ka’uu baateelee, manni murtii tilmaamni gama abbaa alangaatiin dhiyaate irraa kan ka’e haqani ni jalataa jedhe kan amanu yoo ta’e, tilmaamni qabeenyiicha akkuma barbaachisummaa isaatti akka qulqula’u ajaju ni danda’a. Kanamalees amala addaa qabeenyichii qaburraa kan ka’e abbaan alangaa himanna isaa keessatti qabeenyaa sanaaf tilmaama qarshii baasuu kan hin dandenyee www.abyssinialaw.com yoo ta’e, manni murtii kallatii mataa isaatiin sirrii dha jedhe haala itti amaneen murtii kennuu ni danda’a. 2.2.1.4. Sadarkaan Kan Qophaa’e Yakkoota Muraasaaf Waan Ta’eef Seerrii yakka biyya keenya gochoota yakkaa baay’ee kan of-keessatti qabu yoo ta’ellee qajeelfamni adabbii yakkaa 1/2002 yakkoota muraasa qofadhaafi sadarkaa kan qopheesse. Manni murtii Waliigalaa Federaalaa qajeelfamiicha yeroo baasuu kallattin inni hordoofe yakkoota hundaaf yeroo tokkoti sadarkaa baasuu otoo hin ta’iin, yakkoota murta’aniif sadarkaa baasuun yakkoota hafaniif immoo akka waliigalaatti toofta sadrkaan isaani itti hojjatamu ka’uun adeemsaan yakkoota hafanifiis sadarkaa qopheessu (Progressive Approach) isa jedhamu dha. Haalumaa kanaan yakkooni muraasa kanaan dura sadarkaa hin baaneef sadarkaa qopheessuun barbaachiisa akka ta’e hubatameera. Sababootni armaan olitti kaa’aman akkuma jirantti ta’e, qajeelfama adabbii Lakk-1/2002 kutaa adda seerichaa keessatti adabbii hidhaa cimaafi salphaa filannoodhaan yeroo kaa’aman maal irratti hundaa’udhaan lamaan keessa tokko filachu akka qabnu wanta ifatti kaa’ame hin jiru. Adabbii qarshii ilaalchiise haalli gulantaan adabbii isaa itti qophaa’e adabbiilee seeroota adda addaa keessatti kaa’aman yaada keessa kan hin galchiinee ture. Haaluma kanaan rakkooleen kun qajeelfama adabbii Lakk-2/2006 keessatti deebii gaha ta’e akka argatan taasifameera. 2.2.2. Dhimmoota Qajeelfamni Adabbii Itoophiyaa Lakk-2/2006 Irratti Xiyyeeffate Qajeelfamni Adabbii Itoophiyaa Lakk-2/2006 kutaa 6tti kan qoqqodame yommuu ta’u, kutaan inni jalqabaa tuumaalee waliigalaa kan off-keessatti hamate dha. Hiikkoo jechoota ilaalchiise qajeelfama adabbii 1/2002 irratti jecha “Mana Murtii” jedhuuf kenname keessattuu Mana Murtii dhimma yakka ilaaluudhaaf seeraan angeefaman kanneen akka Mana Murtii loltuu kan of-keessatti hin hamanne dha yaada jedhuun qeeqaamaa waan tureef, jecha kanaaf hiikkoo “dhimmoota yakka ilaaluudhaaf qaamni seeraan angeefame” jedhu kennuun akka siraa’u taasifameera. Kaayyoo qajeelfamiicha ilaalchiise isa kanaan duraa bifa waliigalaattiin kan kaa’ame waan ta’eef, yaadichaa caalmaati ifa gochuudhaaf carraaqiin taasifameera. Kunis: kaayyoon qajeelfamicha adabbiin haala iftoomina qabufi itti gaafatamummaa hordoofsiisun akka murtaa’ufi akkasumas sirna bu’aa qabeessuummaafi tilmaamamuummaa adabbii cimsuu akka ta’e ifatti kaa’amera. www.abyssinialaw.com Adabbii ka’umsaa gulantaa inni kufee keessatti haala kamiin murteessuu danda’ama yaadni jedhu kanaan dura qabxii baay’ee falmiisiisa ture dha. Fkn: adabbiin ka’umsaa hidha gulantaa 29ffaa jalatti kan kufuu yoo ta’e gulantaa kun hidhaa cimaa waggaa 10 hanga 12 kan nama adabsiisuu waan ta’eef kana gidduutti waggaa 10 fi baatii 3 hanga waggaa 11 ykn… murtessuuf, maal irratti hundaa’u qabna? Sababoota adaabbii cimsanii fi salphiisaniin yoo fayyadamne rakkoo kan fidu akka ta’e ifa dha. Kanaafuu sababoota SY keewwata-88(2) jalatti tarreeffaman keessaa sababoota adabbii cimsuuf ykn salphiisuuf SY keewwata 84 fi 82 jalatti hin kaa’amne irratti hunda’uun (amala yakkiicha xiinxaluun) adabbii ka’umsaa ni murtessuu. 35 Tumaan kun rakkoo kanaan dura gama kanaan ture guutuumaan guutuutti furuu ni dandesiisa yoo jedhamu baatees, rakkichaa salphiisuuf ni gargaara yaada jedhu gama koree qopheesiitoota qajeelfamichaatiin ni jira. Kanamalees, yakkoota hawaasa irratti balaa cimaa geesiisa jiran kanneen akka yakka hanna, miidhaa qaamaa cimaafi maallaqa baasuu otoo hin qabaatiin cheekii irratti ajaju fi k.k.f irratti adabbii ka’umsaa gad aanaa kutaa adda seerichaa keessatti kaa’ame hamma ta’een ol buutuun akka qopha’uu taasifameera. Qajeelfamichaa keessatti gabatee adabbii hidhaafi qarshii kan kaa’aman yommuu ta’u, kayyoon isaaniis wal fakkaattummaa adabbii mirkaneessudha. Gabatee adabbii hidhaa gulantaa 39 kan of-keessa qabu yoo ta’uu, gulantaa 1 hanga 15 garaagarumaan isaani baatii jaha taasifameera. Gabatee adabbii qarshii ilaalchiise gulantaa 23 kan qabu yoo ta’uu, adabbii qarshii seeroota adda addaa bifa yaada keessa galcheen hanga qarshii miliyoonaa lama oliin qophaa’era. 2.2.2.1. Sadarkaa Yakkootaa Qopheessuu Bu’uura qajeelfama adabbii Itoophiyaa Lakk-2/2006tiin sadarkaa yakka jechuun haala raawwii yakkiichaafi ulfina isaarra kan ka’e yakkoota wal-fakkaatan sadarkaa wal-fakkaatu irratti akka kaa’aman ulaagaa yakkiichaa kan of-keessatti qabu dha. 36 Akkuma beekamu seera baasaan gocha yakka tokkof adabbii ka’umsafi baaxii gidduutti daangaa bal’aa ta’e kan kaa’ame namoota keewwata- seera wal fakkaatu jalatti balleessa jedhaman gidduutti adabbiin murtaa’u garaagarummaa akka qabaachuu danda’u kan agarsiisu dha. Kanaafuu keewwata seeraa tokko keessatti sadarkaan adda addaa jiraachu ni danda’a. FKN: Seera yakka keewwata-407(2) jalatti adabbii hidhaa kaa’ame yoo ilaale, nama keewwata- kana jalatti balleessa jedhame tokko adabbii cimaa waggaa 7-15 adabamu akka 35 36 Qajeelfama Adabbii Itoophiyaa Lakk-2/2006 Keewwata-4(1) Akkuma Lakk-35, Keewwata-2(2) www.abyssinialaw.com danda’u seerichaan tumameera. Seera baasaan adabbii ka’umsaa fi baaxii gidduutti daangaa bal’aa ta’e ka’uun isaa Abbootiin Seeraa ijoo dubbii yakkiichaa hundeessudhaaf seerichaan kaa’aman madaaluun sadarkaa yakkiichaa baasuun adabbii akka murteessani dha. Kanaafuu, qajeelfamni adabbii hojiirra oolchuun yaada haaraa burqisiisani hojiirra olchuun adabbii akka murtaa’u gochu otoo hin ta’iin, Abbootii Seeraa giddutti haalawwan raawwii yakka tokkoof tilmaamni isaan kennan garaagarummaa qabaachu waan danda’uuf garaagarummaa uumamu kana dhiphisuudhaaf yaadame kan tumame akka ta’e dhimma hubatamu qabu dha. Keewwata- 407(2) jalatti firiilee dubbii kaa’aman yeroo ilaallu: kaayyoon itti gaafatamummaan ykn dirqamni kun akka cabu barbaadameef, hammi faayidaa argamee/ miidhaa qaqqabe, sadarkaa aangoo yookiin itti gaafatamummaa balleessichaa akka ulaagaati kaa’amani jiru. Ulaagaalee kunniin cimaa ta’ufi dhabu isaani mirkanneessuun adabbii ka’umsaa akka ol’guddatu ykn gadi bu’uu ni taasiisa. Tokkoon tokkoon yakkootaaf sadarkaa qopheessuun rakkoolee adabbii wajjiin wal-qabate mul’atu guutuumaan guutuutti kan dhabamsiisu yoo ta’uu baatees, rakkoolee kana hir’isuudhaaf kan dandeesiisu akka ta’e afaan guutuudhaan dubachu ni danda’ama. 2.2.2.2. Haala Adabbiin Ka’umsaa Itti Murtaa’u Sirrummaan murtii adabbiifi wal fakkaattummaa isaa mirkaneessuuf dhimmoota gargaaran keessa tokko ka’umsii adabbii akka walitti dhiyaatu gochuu dha. Bu’uura qajeelfama adabbii Itoophiyaa Lakk-2/2006 keewwata 2(3)tti adabbii ka’umsaa jechuun manni murtii sababoota adabbii cimsanii fisalphiisan kan waliigalaafi addaa otoo yaada keessa hin galchiin gulantaa adabbii bu’uura godhachuun adabbii murtaa’u dha. Kanawajjiin wal-qabatee gaaffiin ka’u adabbii ka’umsaa kutaa adda seerichaa keessatti kaa’ameen alatti haalli adabbii ka’umsaa itti murteessuu dandeenyu ni jira moo? miti? kan jedhudha. Yakka tokkorratti sababoonni adabbii cimsaniifi salphisan yommuu walirraa bu’an, manni murticha dursee sababoota adabbii cimsan tilmaama keessa galchuun adabbicha cimsee, itti aansuun sababoota adabbii salphisan bu’uura godhachuun adabbicha hir’isuu akka qabu SY irratti tumameera. 37 Tuma kanarraa kan hubatamuu adabbii cimsuudhaafis ta’e salphiisuudhaaf dursinne ka’umsaa adabbii qabaachu akka qabnu kan agarsiisu dha. Qajeelfamni adabbii otoo hojiirra hin oliin duura Manneen Murtii keessatti duraa duubaan adabbii murteessu ilaalchiise hojiimaatni qajeeloo ta’e hin ture. Adeemsa kanaan dura ture 37 SY RDFI Keewwata-189(1) www.abyssinialaw.com yommuu ilaalu, Abbootiin Seeraa adabbii ka’umsaa otoo hin murteessiin yaada adabbii bitaaf mirga irraa dhiyaatu fudhachuun adabbii murteessa turanirru. Kanaarra kan ka’e adabbiin maal irraa ka’ee akka cimee ykn salphate hubbachuuf ulfaata ta’urraa darbe rakkoo sirrumma murtii adabbiifi wal fakkaattummaa isaa mirkaneessu hin danda’amne ture. Abbootiin Seeraa tokko tokko immoo sababoota adabbii cimsanii fi salphisan fudhachuun dura barbaachiisummaa ka’umsaa adabbii ka’uu kan itti amanan fi itti hojjachaa turaniiru. Haata’umalee ka’umsaa adabbii walakaa adabbii kutaa adda seerichaa keessatti kaa’ame ta’u qaba jedhani haalli itti kaasan ni jira. Tooftaan kun gaarrii kan fakkaatu yoo ta’elee, gadifageenyaan yeroo qoratamu hir’ina matassaa kan qabu dha. Seera yakkaa keewwata 88(3) jalatti manni murtichaa adabbii baay’ee salphaa ta’e irraa eegalee hanga adabbii cimaatti kan jiru of eeggannoon qorachuun tokkoon tokkoon dhimmichaatiif adabbii barbaachisaa ta’e murteessu akka qabu tumameera. Keewwatni seera kun kallattidhaan waa’ee adabbii ka’uumsa kan duubatu yoo ta’uu baatees, yeroo kamiyyuu taannaan adabbiin ka’umsaa adabbii kutaa adda seerichaa keessatti kaa’amera ka’uun Akkuma barbaachisuuma isaatiin kan ol’guddachaa deemu akka ta’e kallatti kan ka’u dha. Kanaafuu, Abbootiin Seeraa adabbii ka’umsaa yeroo kaa’an yaada amansiisafi sababadhaan deegarame kan isaan irraa eegamu ta’a. Kun yoo ta’e immoo adeemsii kun adeemsaan cimaa fi ifa ta’a deemaa jechuu dha. 2.2.2.3. Itti Fayadamaa Sababoota Adabbii Cimsanii fi Salphiisan Wal-fakkeessuu Sadarkaa yakkiichaafi adabbiin ka’umsaa erga beekame booda garee falmiitootarra yaada adabbii akka dhiyaatu ni taasifama. Sababootni adabbii cimsanii fisalphiisan kun adabbii akka adabbii ka’umsaati fudhatame ol-guddisuun ykn gadi-buusuun adabbii isa dhuma akka murtaa’u taasiisa. Jiraachu fi dhabamu sababoota adabbii cimsanii fi salphiisan yakkamtoota keewwata seera tokko jalatti balleessa jedhaman adabbii isaani akka walitti dhiyaatuu ykn garaagarummaa akka qabaatu ni taasiisu. Galmi sababoota kun qaban adabbiin madaalawwaa yakkamtoota irratti akka murtaa’u taasiisu yommuu ta’u, bu’aan isaanis naanna’ee naanna’ee kaayyoo fi galama seera yakka milkeessu dha. “If sentencing factors are not conceptually and systematically applied, the public image of sentencing will suffer. Poorly understood sentencing factors can be source of much public and media criticism”. 38 38 Julian v. Robert (ed),Mitigation and Aggravetion at Sentencing, Cambrige University Press, 2011, p-253 www.abyssinialaw.com Yaada kana gara Afaan Oromooti hiikuun yommuu ilaallu sababoota adabbii cimsanii fi salphiisan haalaan hubatanii hojiirra oolchuu kan hin danda’amne yoo ta’e hawaasni sirna murteessa adabbii irraa amanta dhaba yaada jedhu qaba. Adabbiin nama irratti cimuu hin qabnerraatti yoo cimee ykn faala kanaan yoo salphaate rakkichii yakkamaa ykn miidhaamtoota qofa irratti daanga’ee kan haafu otoo hin ta’iin hawaasa irrattis kalatti adda addaatiin kan calaqiisu ta’a. Kanawajjiin wal-qabate gosaa adabbii yakkaman adabamuufi hanga ka’umsaa adabbii kutaa addaa seerichaa keessatti kaa’aman irratti hundaa’uun haalli adabbiin akka salphatu ittin taasifamaa ture rakkoo armaan olitti kaasne kan fidu akka ta’e waan hubatameef, rakkoo kana furuuf sababoota adabbii cimsanii fisalphiisan ulfaatina wal-fakkaatu akka qabaatan qajeelfama kanaan taasifameera. 2.3. Yakkoota Kanaan Dura Sadarkaa Isaaniif Qopha’ee Ilaalchiise Qajeelfama Adabbii 2/2006 Keessatti Sireeffama Taassifamme Qajeelfama adabbii Lakk-1/2002 keessatti yakkoota shan ta’aniif sadarkaan kan qophaa’ee yommuu ta’u, sababoota armaan olitti kaasneen yakkoota kanaaf qajeelfama adabbii 2/2006 keessatti irraa deebiin sadarkaan isaani akka qophaa’u taasifameera. Tokkoon tokkoon yakkootaaf jijjiramni taasifamee maal maal irratti kan xiyeefate akka ta’e akka armaan gaditti kan ilaalu ta’a. 2.3.1. Seeraan Ala Aangootti Fayyadamuu (SY Keewwata- 407) Yakkoota hojii mootummaa iratti raawwataman keessaa sadarkaa fi gulantaan kan ba’eef keewwata-407 yoo ta’uu qajeelfama adabbii kanaan duraa keesattis sadarkaan kan ba’eef yoo ta’uu rakkoo tokko tokko ni qaba jedhame waan amanameef akka fooya’uu taasifameera. Rakkoolee keewwata- kun qaba jedhame boqonnaa 2ffaa keessatti waan kaa’amef asitti irra deebi’uun barbaachiisa miti. Yakka seeraan ala aangootti fayyadamuuf sadarkaan yommuu ba’uu firiin dubbii hojii irraa akka olan taasifaman keewwata-407(2) jalatti kan jiran yommuu ta’an, isaaniis sadarkaa aangoo/taayitaa, fayidaa argame ykn argamuuf yaadame yookiin miidhaa dhaqabe yookiin dhaqabuuf yaadamee fi kaayyoo Yakkichii raawwatameef ilaalcha keessa galchuun dha. Keewwata kana keessatti firiiwwaan dubbii kun mata isaanitiin hiikkoo kan barbaadan yoo ta’uu, SY fi labsiilee adda addaa xiinxaluuudhaan kaayyoo qajeelfama kanaatiif angoo/taayitaan kan jedhuu iddoo 3 tti qooqodamee ilaallameerra. Isaanis: www.abyssinialaw.com Aangoo/taayitaa Ol’aanaa, Giddu galessa fi Gad-aanaa jedhamu. Aangoot/taayitaa ol’anaan kan jedhaman aangoowwan labsii komishinii farra malaamaltummaa Federaalaa hundeessuuf bahee Lakk- 433/1997 keewwata 2(5) jalatti kan ibsameedha. Keewwatichii akkas kan jedhuu dha. 39 "Public Official" “means members of the Houseof People's Representatives and of the House of the Federation, officials of the Federal Government above ministerial rank, ministers, state ministers, vice ministers, commissioners, vice commissioners, judges of the Federal Supreme Court, members of Regional State Councils, officials of the Regional State above the Regional State bureau heads, Regional State Bureau heads, judges of the Regional State Supreme Court, Council members of the Addis Ababa City Administration and the Dire Dawa Administrative Council, officials of the Administration above Bureau heads, Bureau heads and such other officials of the Federal, Regional, Addis Ababa City Administration and Dire Dawa Administrative Council of equivalent rank.” Aangoo/ Taayitaa/ Gidduu-galeessa kan jedhuu ammoo Aangoo Ol’aanaa kessatti kan hin ibsamne ta’e garuu itti gaafatamtoota murtee murteessuu danda’an,jechuun Itti gaafatamtoota Qajeelchaa, Abbootii Hdeemsa hojii, Hojjatoota itti waamamnii isaanii itti gaafatamoo ol’aanoo mana hojiif ta’an, Itti gaafatamtoota Godinaa, Itti gaafatamtoota Aanallee fi Aanollee fi Godinaaleetti itti gaafatamtoota qajeelchaa fi isaan kanaan kan walfakkina qaban kan dabalatu dha. Taayitaa Gad aanaan ammoo aangoo jiddu galleessaa keessatti kan hin kufne ta’ee, hojjatoota mootummaa gulantaa gadi’aanaa irattii hojjatan kan ta’anii dha. Qajeelfama adabbii kana keewwata 11(3) jalatti hiikaan taayitaaf kenname akkuma jirutti ta’e labsiilee Koomishinii Farra Malaammaltummaa Naannolee hundeessuuf bahanii fi Seerota biroon roggummaa qabaniin hiikkoo kenname kan dabalatuu dha. 40 Hiikkoon kun qajeelfama duraanii keessattii kan hin haamatamneefi qajeelfama fooyya’ee kanaan garuu sirna Federalizimii kabajuuf haamachiisamuuf kan yaadamee ta’u hubatamuu qaba. Fkn Labsii koomishinii naamusaa fi farra malaammaltumaa mootummaa naannoo Oromiyaa hundeessuuf bahe Lakk-71/1995 seera dhimmichaaf rogummaa qabu keessaa tokko yoo ta’uu keewwata 2(6) jalatti: “Abbaa Tayitaa” “jechuun nama kamiyyuu mana hojii mootummaa yookiin dhaabbata misooma mootummaa keessatti itt-gaafatamummaan akka tajaajjilu kan 39 40 Akkuma Lakk-35 Keewwata 11(3)(B) Akkuma Lakk-35 Keewwata 11(3)(D) www.abyssinialaw.com muudame, kan ramadame, qacarame, ykn uummataan kan filatame jechuudha” jedhe hiikaa kennee jira. Akka hiikaa kanaattii abbaa taayitaa /puplic officials/ kan jedhaman mana hojii mootummaa keessattii nama itti gaafatamummaan akka hojjatuu muudamee,qacarame, ramadame yookaan ammoo ummataan filatamee kamuu kan dabalatuu waan ta’eef fkn bulchaan gandaa magaalaa Oromiyaa keessaa jiru tokko abbaa taayitaa jedhamu akka danda’u kan ibsu dha. Kana jechuun ammoo abbaa taayitaa jedhamanii labsii Lakk-433/97 keewwata 2(5) keessatti warreen yaamaman taayitaa ol’aanaa akka qabanittii qajeelfama adabbii keewwata 11(3) (A)n hanga ramadamanittii kan naannoos bu’uura qajeelfamichaan abbootii taayitaa warren jedhaman angoo/taayitaa ol’aanaa warren qabanii dha jechuun ni danda’ama. 41Kun ammoo sadarkaa mootummaa Federaalatti namnii Angoo/taayitaa gad aanaatti ramadamuu tokkoo sadarkaa mootummaa Naannoottii ammoo Taayitaa ol’aanaatti ramadamuu ni danda’a. Dhimmi kun ammoo hangam haqummaa qaba falmii jedhuu kaasisuu kan danda’u akka ta’e hubatamu qaba. Yakka kanaaf sadarkaa baasuuf firiin dubbii bu’uura ta’ee inni 2ffaan ammoo Faayidaa argame yookaan argamuuf yaadamee yookaan miidhaa dhaqabee yookaan yaadamee irratti kan xiyeefatu dha. Raawwii qajeelfama kanaatiif faayidaa argame ykn argamuuf yaadamee ykn miidhaa dhaqabee ykn yaadamee iddoo 5 ttii kan qoqodame yommuu ta’u, Isaanis, Faayidaa/miidhaa baay’ee Ol’aanaa hanga maallaqa qarshii 500,000 ol yoo ta’ee, Miidhaa/faayidaa Ol’aanaan qarshii 100,001 hanga 500,000, Giddu galeessii qarshii 25,001 hanga100,000 Gad aanaan qarshii 1001 hanga 25,000 fi Baay’ee gadi’aanaa ammoo hanga maallaqa 1000 kan ga’uu dha. Faayidaan argamee ykn miidhaan dhaqabee maallaqan tilmaamanii ka’uun kan hin danda’amnee yoo ta’ee mannii murtii sababa isaa ka’uun sadarkaa isaa kan murteessu ta’a 42. Qabxiin inni dhumaa ammoo kaayyoo yakkichii raawwatameef kan ilaallatu dha. “Kaayyoo Cimaa”tiif hiikaan kennameef labsii komishinii farra malaamaltummaa Federaalawwaa hundeessuuf fooyya’ee ba’e Lakk-433/1997 keewwata 2(9) (A,C) jalatti hiikkoo kennameen 41 42 Akkuma Lakk-35 Keewwata 11(3)(D) Akkuma Lakk-35 Keewwata 11(6) www.abyssinialaw.com yakka raawwatame yoo ta’e dha. 43 Hiikkoo keewwata kana jalatti kenname yoo ilaallee yakka malaammaltummaa cimaa (Serious Corruption Offence) tiif kenname kallattiin kaayyoo cimaaf akka raawwatameetti fudhatamee sadarkaa yakkiicha baasuuf hojiirra akka olu taasifameera. Keewatichaa yommuu ilaaluu: Article 2(9) "Serious Corruption Offence" means a) Corruption offences involving huge amount of money committed in highly strategic Public Office and Public Enterprise; or c) Corruption offences which cause or capable of causing a grave danger to the national sovereignty, economy, security or social life. Keewwata kana keewwata xiqqaa “A” irraa kan hubannuu yakkii malammaltummaa raawwatamee sun maallaqa guddaatii kan tilmaamamuu yoo ta’ee fi waajjira mootummaa fi dhabbata misoomaa mootummaa faayidaa tarsiimawaa (strategy) ol’aanaa qabaniirratti yakkoota raawwataman akka ta’e ni hubachiisa. Kaayyoon cimaa sadarkaa seera yakkaa keewwata 407(2fi 3) baasuuf qofa kan hojiirra oolee yoo ta’uu keewwata 407(1) keessattii faayidaa/miidhaa dhaqabee ykn ni dhaqaba jedhamee yaadamuufi angoo/taayitaa qoftii hojii irra akka oolee sadarkaa yakkiichaaf ba’ee ilaaluun beekuu kan danda’amuu dha. Kanaafuu bu’uura kanaan SY keewwata 407(1) sadarkaan 5, SY keewwata 407(2) sadarkaan 4 akkasumas keewwata 407(3) ammoo sadarkaaleen Sadii qopha’eera. Dhumarratti wantii dagatamuu hin qabnee yakkii aangoon garmalee fayyadamuu kan raawwatamuu faayidaa ofiif yookiin nama sadaffaaf argamsiisuuf akka ta’e beekamaa ta’ulleen yakkamtichii yerootokko tokkoo fayidaan argatee ykn argamsiisefi miidhaan dhaqabee kan walcaalu ta’uu ni danda’a. Yeroo kana lamaan keessaa isa caaluu fudhachuun itti fayadamuu ykn sadarkaa isaa addaan baasuu akka qabnu qajeelfamichii ni dirqisiisa. FKN: Itti gaafatamaan Biiroo Fayyaa Oromiyaa kan ta’an obbo Roorrisaan magaalaa Adaamaa keessaa nama mana qoricha qabu tokkorraa qarshii 24,000 fudhachuun aangoo isaattii fayyadamee mana qorichaa maddii nama qarshiicha kennee qabeenyummaan isaa kan Addee Qorichee ta’ee sababa sirrii hin taaneen akka saamsamu ajaje, manni qorichaa sun baatii tokkoof sababa saamsameef qorichii achi keessattii ture tilmaamni isaa qarshii 80,000 ta’u tortoree faayidaan ala akka ta’uu waan godheef himatamee balleessaa jedhameera (SY keewwata- 407(2)). Sadarkaa fi gulantaan adabbii isaan irratti kennamuu: 43 Akkuma Lakk-35 Keewwata 11(5) www.abyssinialaw.com Taayitaan- itti gaafatamaa Biiroo – Ol’aanaa Faayidaan argame-qarshii 24,000 yoo ta’uu- Gadiaanaa Miidhaan dhaqabe qarshii 80,000 Giddu galeessa Kaayyoo raawwatameef baasuun otoo hin barbaachifnee sadarkaa baasuu waan dandeenyuuf yeroo kana angoo/taayitaa ol’aanaa fi fayidaa gadaanaa yoo ilaalle sadarkaa 2 gulantaa adabbii 26 yoo ta’uu taayitaa ol’aanaa fi faayidaa argame otoo hin taanee miidhaan dhaqabee yoo illalle giddu galeessa yoo ta’ee ammoo sadarkaa 3 fi gulantaa adabbii 27 ta’a jechuu dha. Kanaafuu, sababa adabbii cimsu ykn salphisuu hin jiru jennee otoo yaadnee adabbiin obbo Roorrisaa irratti kennamuu gulantaa 27 jalatti malee 26ffaa jalatti ta’uu akka hin qabnee qajeelfamichii ni dirqisiisa jechuu dha. Qabxiin asitti ka’uu kan biraa keewwata 407(1) f sadarkaa fi gulantaan kan ba’ee adabbii hidhaa fi maallaqa wal-cinaa yoo ta’uu haala kanaan hidhaa fi maallaqan adabuf ammoo gosa adabbii keewwaticha jala taa’an (hidhaa salphaa yookiin cimaa) keessaa hidhaa cimaan yoo filatame qofa dha. Seera yakkaa keessattii adabbiin maallaqa hidhaa salphaa wajjin haallii itti kennamuu danda’u tarii haala SY keewwata 91 jala ta’een yoo ta’ee malee haala biraan haala kanaan tumamee hin jiru. Kanamalees hidhaa salphaan yeroo salphatuu maallaqattii kan jijjiramuu ta’uu isaa SY keewwata 179(F) jalatti tumamuun isaa kanuma kan dhugoomsu dha. Gaaffii Marii 1. Yakkaa aangootti akkamalee fayyadamuu ilaalchiise namnii hojjataa mootummaa hin taane bu’uura seera yakkaa keewwata 33 tiin ballessaa kan raawwate ta’uu yoo mirkanaa’ee, Aangoo/ Taayitaa isaa adda baasuufi sadarkaa, akkasumas gulantaa isaa hubachuuf haaluma hojjataa mootummichaa waliin yakkicha raawwateen akka ta’e qajeelfamicha Kwt-11(8) jalatti tumameera. Haata’umalee namni kun hojjataa mootummaa aangoo Gad-aanaa, Gidduu-galeessa fi Ol’aanaa qabaatan wajjin yakka tokko waliigalanuun yoo hojjate aangoo ibsame kana keessaa kamtu fudhatamee adabbiin kan shallagamuuf ta’a? 2. Qajeelfamichi yakkaa angootti akkamalee fayyadamuu ilaalchiise Aangoo/Taayitaa ilaalchisee Labsii komishinii farraa Malaamaltummaa Naannoolee hundeessuuf bahee ykn seera biroon waa’ee angoo ilaalchisee kan tumamee fudhatama akka qabu qajeelfama adabbii keewwata-11(3d) jalatti tumameera. Haata’uumalee sadarkaa aangoo ilaalchisee www.abyssinialaw.com kan seeronni Naannoo kun tumanii fi kan qajeelfamichii tumu ykn kan labsiin 433/1997 kwt 2/5 tumu yoo walitti bu’ee (fkn qajelfamicha 11(3b) itti gaafatamtoota Godinaalee fi Aanaalee Aangoo/Taayitaa Gidduu-galeessa akka qaban tumeera. Labsiin K/F/M/N/ Oromiyaa hundeessuuf bahee Lakk-71/1997 kwt-2(6) Ittigaafatamtoota aanaas ta’ee Godinaa Abbaataayitaa jedhee waan hiikeef aangoo ol’aanaa keessatti kan kufu dha). Kanaaf kamtu fudhatama argachuu qabaa? Maaliif? 3. Qajeelfamichii hiikaa “Kaayyoo cimaaf” yoo kennuu yakkoota haala labsii 433/1997 keewwata 2(9 Afi C) yoo raawwatame akka ta’ee ibsameera. Haaluma kanaan ulaagaa kanarratti hunda’uun seera yakkaa Kwt-407(2) (3) sadarkaa baheeraaf. Haata’umalee keewwata labsichaa yoo ilaalamee yakkichii faayidaa/miidhaa hordofsiise maallaqaa tilmaama guddaa qabuuf akka ta’ee tumamee osoo jiruu kwt-407(2) sadarkaaleen 1, 2, 3, kaayyoo cimaa fi faayidaa/miidhaa salphaa fi Gidduu-galeessaa waliin hojjatamuun isaa sirrii dhaa? 2.3.2 Yakkoota Qaamaa Namaa Irratti Raawwataman (SY keewwata-555-560) Tuumaaleen kun harka darbuu, rukutuu, madeessuu, qaamaa hir’isuu, miidhaawwan yookiin balleessaawwan qaamaarratti raawwataman kamiiniyyuu, akkasumas miidhaawwan fayyummaa qaamaa yookiin sammuu namaarratti raawwataman hunda ni dabalata. Manni murtichaa keewwata kana ilaalchiise amala miidhaa qaamaa tokko, bu’aa inni hordofsiisu yookiin ciimina isaarratti wanti shakkisiisu yoo mudate dhimmicha murteessuuf gochoota dhimma yakkaarratti raawwataman qorannoo yaalattiin ogeessi beeku akka isa gargaaru gaafachuu ni danda’a. 44 A) Miidhaa Qaamaa Cimaa Ittiyaadamee Raawwatamu (SY keewwata-555) Yakka kanaaf kana dura qajeelfama adabbii Lakk-1/2002 sadarkaan kan baheef yoo ta’uu, akkuma boqonnaa 2ffaa keesattii ibsameen firiin dubbii irratti hundaa’amee sadarkkan baheef ture kan keewwaticha jala hin jirre ta’uun (fakkeenyyaf dirqama ogummaa kan qabu yoo ta’ee jedhamee kan ba’ee ta’uu), Kanamalees sadarkaa 1ffaan gulantaa 7 irratti sababa jalqabuuf namoota SY keewwata 555 jalatti ballessaa ta’an irratti adabbii xiqqaatee kennamaa komiin jedhu ka’aa waan tureef komii kana hambisuuf fooyessuun akka barbaachiise ni ibsama. 45Kanaafuu, qajeelfama isa haaraa kanaan keewwata kanaaf firii dubbii keewwaticha jalatti haammatamee qofa irratti hundaa’uun sadarkaan 6 kan isaaf 44 45 SY RDFI Keewwata-554 Akkuma Lakk-29 Fuula-80 www.abyssinialaw.com qophaa’e yommuu ta’u, ka’umsii adabbii sadarkaa isa jalqabaa gulantaa 16ffaarraa akka eegaluu taasifameera. Gulantaan kun ammoo adabbii hidhaa waggaa 3-3.7 kan adabsiisuu waan ta’eef komii kana dura adabbiin akka xiqqaatu godhameera jedhamaa ture akka hambisuuf yaadamee kan ta’ee ta’us ka’umsa adabbii sadarkaa jalqabaaf kennamu qabu kan seera baastuun keewwata seerichaa jalatti kaa’een adda gochuun seera yakkiichaa qajeelfama adabbiitiin fooyyessuu hin ta’uu gaaffii jedhuus kaasisuu akka danda’u hubatamuu qaba. Haala qajeelfamichatiin adabbiin sadarkaa tokkoffaaf hojjatamee kanaan adabbii ka’umsaa SY keewwata 555 jalatti hidhaa cimaa kan filatamee otoo ta’ee hidhaa cimaa waggaa 1 bira ga’uuf qabxii adabbii salphisan kan waliigalaa 5 illee otoo argamee gulantaa 11 irraa waan bu’uuf ka’umsii reenjii gulantaa kanaaf ta’ee ammoo hidhaa waggaa 1 fi baatii sadeetii waan ta’uuf ka’umsa bira hin gahamnee jechuu dha. Ka’umsa keewwaticha jalatti ta’ee bira gahuuf sababa walii gala adabbii salphisan bu’uura keewwata 86 kan argamuu yoo ta’ee malee hin danda’amuu jechuu dha. Sababa ka’umsii sadarkaa gadi’aanaaf kenname gulantaa 16 irraa eegaleen baaxiin adabbii sadarkaa dhumaa (6ffaa) ammoo akka olka’u taa’eera. Inniis gulantaa 31ffaarratti kan kufuu yoo ta’uu ka’umsii adabbii reenjii kanaf ta’e hidhaa waggaa 12-14 fi baatii 5 waan ta’eef otoo qabxii adabbii cimsan waliigalaa hin argamiin adabbii baaxii keewwatichan ta’ee waggaa 15 bira waan gahuuf dhimmichaa falmisiisaa kan taasisuu dha. Seera qabeessummaa adeemsa kanaa ilaalchiise ejjenoo tokko otoo hin qabatiin dura muuxannoo biyyoota biroo ilaaluunis barbaachisaa akka ta’e barressitoonni moojulii kanaa ni amanu. Dhimma kanaan walqabatee qabxiin ilaalamuu qabu kan biroo SY keewwata 555 jalatti ballessaa namnii jedhamuu akkuma haala dhimmichaatii hidhaa salphaa waggaa 1 gadi hin taneen adabamuu akka danda’an seerichaan tumamee jira. Haata’umalee akkaata amma qajelfama kanaan sadarkaa fi gulantaan ba’eefiin yoo ilaallee sadarkaan jalqabaa kan ta’eef adabbiin kan qabamuu gulantaa 16 ffaa keessattii waan ta’uuf adabbiin isaa ammoo waggaa 3 hanga waggaa 3 fi baatii torbaa waan ta’uuf haala kanaan seerichaaf sadarkaa fi gulantaan yeroo hojjatamuu yaadni kun ilaalcha keessa waan gale hin fakkaatu. Tarii reenjiin adabbii gulantaa kanaaf ta’ee waggaa 3 waan eegaluuf hidhaa salphaas haala aguuguu danda’un hojjatamuu isaa ni agarsiisa falmiin jedhu yoo kan ka’us ta’ee, jalqabuma falasamnii ittiin qajeelfamnii adabbii hojjatamee adabbii baaxii adabuf yoo xiqqaatee qabxiin adabbii cimsu www.abyssinialaw.com kan waliigalaa argamuu qaba kan jedhuu waliin waan hin deemneef baaxii hidhaa salphaa kan ta’ee fudhachuun rakkisaa taasisa. 46 Seerrii yakkaa keewwata 555, yaada balleessichaan ol miidhaa gahe (SY keewwata- 558) fi miidhaa qaamaa dagannooon raawwataman (SY keewwata-559(2)) ilaalchiise gostiifi hangi miidhaan dhaqabee walfakkaata dha. Keewwatoota kan gargar kan godhuu kutaa sammuu (mental state) yakkiichi ittin raawwatamee akka ta’e hubachuun salphaa dha. Haata’umalee keewwata 559(2) kessatii miidhaan dhaqabee miidhaa salphaa nama dirqama ogummaa yookiin kan biroo qabuun yeroo ta’uu miidhaan dhaqabe salphaas ta’uu akka danda’amuu hubatamuu qaba. Kanaafuu, sadarkaa SY keewwata-558 baasuudhaaf firii dubbii keewwata 555 baasuuf gargaramamee irratti hunda’uun sadarkaa 6(jaha) kan ba’eef yoo ta’uu garaagarumaan 555 waliin qaban gulantaa adabbii isaa qofa dha. Sababbiin isaa keewwata 558 itti yaaduun miidhaa qaamaa salphaa geessisuuf yaadee dagannoon miidhaa qaamaa cimaa nama geessiseef kan rogummaa qabu waan ta’eef adabbii isaa kan keewwata-555 tiif baherraa salphate waan tumameef dha. Kunis balaafamummaan yaada sammuu abbaa ballessaa kanaa kan keewwata 555 jalatti kaa’ameera gadii waan ta’eef seerichii haaluma kanaan adabbii tumee waan argameef dha. SY Keewwata 559(2) ilaalchiise miidhaan salphaan kan gahee nama dirqama ogummaa yookiin kan biroo qabuun yoo ta’ee sadarkaa ka’umsaa taasisuun, sadarkaa 2-7 tti sadarkaan kan ba’eef firii dubbii keewwata 555 gargaaramnee ta’ee ammas gulantaa adabbii qofa adda godhuun akka ta’e hubatameera. SY keewwata 559(1)f sadarkaan tokkoo kan bahef yoo ta’uu sadarkaan kunadabbii hidhaa gulantaa 4 yookiin adabbii maallaqa gulantaa 4 kan baheef dha. Haata’umalee keewwata 559(1) adabbiin seerichii tumee hidhaa baatii 6 hin caallee yookii adabbii maallaqa qarshii 1000 hin colleen kan adabsiisuu yoo ta’uu gulantaan adabbii maallaqa 4ffaan garuu hanga qarshii 5,000.00(kuma shan) kan adabsiisu waan ta’eef gulantaan kun dogongoraan kan ta’e dha jechuun ni danda’ama.Qarshiin 1,000.00 ammoo gulantaa 1ffaa jala waan jiruf haala sanaan hubachuun barbaachisaa dha. 46 Hidhaan salphaa jedhame yoo caqasamee hidhaa guyyaa 10 hanga waggaa Sadii akka ta’e SY keewwata 106(1) ni ibsa. Baaxiin hidhaa salphaa waggaa 5 gahuu kan danda’u seera addaa keessatii ifan kan tumamee yoo ta’ee yookiin hidhaa salphaan gocha adabsiisuun yakka dadabalamaan yoo raawwatamee yookiin yakkii irra deddeebii yoo raawwatamee akka ta’e ifattii tumameera. Haata’umalee keewwata 555 ilaalchiise adabbiin tumamee hidhaa salphaa waggaa 1 gadi hin taaneen jechuu malee ifattii hanga waggaa 5 gahuu akka danda’u waan hin tumneef baaxiin isaa waggaa 5 jechuun hin danda’amuu. Haala kanaan kan hojiirraa ooluu tarii yakkoota daddabalamaa yookiin irrra dedeebii qofan yoo rawwatamee ta’uu ni danda’a jechuun falmuuu ni danda’ama ta’a. www.abyssinialaw.com Yakkii kun haala keewwata 557 jalatti ibsameen haala adabbii salphisaniin raawwatamuu akka danda’an tumaa seera yakka iraa hubachuun ni danda’ama. Keewwatin 557 kan ibsuu miidhaan dhaqabee akka 555 jalatti tumameen ykn miidhaa qaamaa cimaas ta’uu kan danda’u ta’ee garuu sababoota adabbii salphisan keewwata 557 jalatti tartiibaman yeroo argamuus kan raawwatiinsa qabu waan ta’eef keewwata 555 fi 557 waliitii hidhuun sadarkaan 7 hojjatameera. Yeroo sadarkaan kana keewwata- 555 qofa isaatii kanuma hojjatamee waaraabamee gara keewwata 557 dhufee yoo ta’uu garaagarumaan isaa gulantaan adabbii kenname qofa akka ta’e hubatamuu qaba. SY keewwata 555 fi 557 waliin kan hojjatamee adabbiin filannoo maallaqas waan qabuuf yoo M/Murtii adabbii maallaqa filates hanga ta’uu qabuu gulantaan maallaqa kan hojjatameef jira. B) Miidhaa Qaamaa Salphaa Itti Yaadamee Raawwatamu (SY Keewwata-556) Miidhaan qaamaa salphaan sadarkaan baheef SY 556(1) sadarkaan tokko kan hojjatameef yoo ta’uu keewwata 556(2) ammoo firii dubbii keewwaticha jala jiru irratti hunda’uun sadarkaan 4 kan qopha’eef yoo ta’uu, ijoo /firiin dubbii/ sadarkaa qopheessuuf sababa ta’an ifa waan ta’aniif ibsa baldhaan kan barbaachisu miti. Asirratti waan hubatamu oggeessooni seera tokko tokko garagarummaan keewwata-xiqqaa tokkooffaa fi lamaffaa gidduu jiru ciimina miidhaa dhaqabeerraa kan raraa’udha jedhani haalli itti yaadanii fi qabatamaan ittiin hojjatan ni jira. Haata’umalee keewwata kana gadi-fageenyaan yeroo ilaalu keewwatoota lachuu jalatti miidhaan dhaqabee miidhaa qaamaa salphaa yommuu ta’u, garaagarummaan yakka miidhaa qaamaa keewwata-556/1/ ykn 556/2/ jalatti kufuu ciimina ykn salphina miidhaa gahee otoo hin taane, yakkamaan gochii miidhaa qaamaa salpha kan raawwate summiidhaan, meeshaa ajjeesuun, meeshaa biroo miidhaa qaamaa geessisuu danda’u kamiiniyyuu fayyadamuun yoo ta’e, ykn dirqama ogummaa yookiin kan biroo qabaachu yakkamaa ykn miidhaamtichi dadhabaa, dhukkubsataa, ofirraa ittisuu kan hin dandeenye yoo ta’e dha. Miidhaa qaamaa salphaaf sadarkaan yeroo qopha’uus sababoota adabbii haala kanaan akka cimu taasisan meeshaa yookiin tooftaa miidhaa gessisuun ta’uu isaa, yakkamaan dirqama ogummaa ykn kan biroo kan qabu ta’uufi dhiisuu isaa, miidhaamaan nama saaxilbahaa ta’uu isaa ilaalcha keessa galchuun kan hojjatamee ta’uu hubatamuu qaba. Asittiis SY 556(2) haala adabbii salphisuun bu’uura 557 tiin yoo raawwatamee haala ittii adabbiin kennamuu qabu sadarkaan kan hojjatameef yommuu ta’u, garaagarummaan keewwata 556(2) irraa qabus gulantaa adabbii qofa dha.ijoowwan dubbii kanuma keewwata 556(2) jala jiran ta’ee www.abyssinialaw.com sababoota adabbii salphisan kan keewwata 557 jala jiran yeroo argaman adabbiin salphatee murtaa’uu waan qabuuf gulantaan adabbii xiqqaatee kan ba’ee dha. SY keewwata-560 yakka harka darbuu wajjiin wal-qabate gochii kun miidhaa qaamaa yookiin hir’ina fayyaa otoo hin geessisiin gocha raawwatamu yoo ta’eelee, Haala qabatamaa hojii amma jirun ogeessota seeraa naannoo keenya biratti SY keewwata’n 556 fi 560 wal jala fuudhuun darbee darbee ni mul’ata. Gochooni yakkaa keewwata kana jalatti raawwataman dirmammuuwwan, mallattooleen kulkula dhiigaa ykn dhukkubni ykn gidiraan dafee darbu yommuu ta’an miidhaawwan kun akka miidhaa qaamaatti yookiin hir’ina fayyaatti hin lakkaa’aman. Namni keewwata kana jalatti balleessaa jedhamu adabbii maallaqaa dhibba Sadii hin caalleen yookiin dubbichi ulfaataa yoo ta’e, hidhaa salphaa ji’a Sadii hin caalleen kan adabamu waan ta’eef sadarkaan tokko qofa qopha’eef jira. 2.3.3 Qabeenyaa Irratti Yakkoota Raawwataman (SY Keewwata -665fi 669) A) Hanna (SY Keewwata- 665) Yakkoota bal’inaan hawaasa keessatti raawwataman keessaa yakkii hanna isa tokko akka ta’e dhimmoota Manneen Murtiitti dhiyaataan irraa hubachuun ulfaataa miti. Sababa kanaaf yakka hannaaf qajeelfamnii adabbii Lakk- 1/2002 yoo ba’uu sadarkaa fi gulantaan kan baheef yoo ta’uu, raawwii isa keessatti garuu rakkooleen yeroo sadarkaan bahuuf hin hubatamnee muudate akka ture hubatameera. Rakkoolee sana keessaa tokko yakka hannaaf sadarkaan kan bahee hanga maallaqa ykn tilmaama qabeenyaa hatamee qofarratti hunda’uun rakkoo tokko ture. Qajeelfama 1/2002 keessattii maallaqaa ykn tilmaamni qabeenyaa qarshii 100 kan hin guunne yoo ta’ee akka yakka danbii darbuuttii kan raawwatameeti fudhatameera. 47Kanaaf kana fooyyessuuf jecha hanga qarshii 1000(dhibba tokkoo) kan jiraniif sadarkaan tokko qopha’eera. 48 Kanamalees yakkichii kutaa yaada himatamaa kan adabu danda’u miti sababa jedhuuf tilmaama qabeenyaa ykn maallaqa irratti hunda’uu qoftii gahaa miti jedhe manni murtii yoo amane sababa isaa ibsuun gulantaa adabbii 2 dabaluun adabu akka danda’u tumameera. 49 Rakkoon biroo turee sadarkaa fi gulantaan yakkiichaa wayita hojjatamu baay’ee gadibu’eera komiin jedhuu ka’aa waan tureef sadarkaa jalaqabaa kan qajeelfama adabbii duraanii 47 Qajeelfama Adabbii Itoophiyaa Lakk-1/2002 Keewwata 10(3) Akkuma Lakk-35 Keewwata 16 49 Akkuma Lakk-35 Keewwata 16(3A) 48 www.abyssinialaw.com keessattii gulantaan adabbii 2 kan ture yoo ta’uu 50 amma garuu qajeelfama haaraa kanaan sadarkaa 6ffaa irraa kan eegaluu taa’eera. 51 Kan biroo ammoo sirreeffamnii taasifamee hanga tilmaama qabeenyaa ykn maallaqa ilaalchiise adabbiin sadarkaaleef yoo kennamuu sadarkaan jalqabaa baaxiin isaa fi sadarkaaleen itti aanaan ka’umsii isaanii kan walfakkaatu waan ta’eef isa kana furuuf qajeelfama haaraa kanaan akka sirrattuu taa’eera. Kanaafuu qajeelfama haaraan kunis rakkoo kana dura turan furuuf yaalus ammas sadarkaan kan qophaa’e tilmaama maallaqa ykn qabeenyaa argamee ykn argamuuf yaadamee irratti hundaa’uun sadarkaa xiqqaa hanga guddaattii sadarkaan 8 qopha’eera. Sadarkaan isaa kan qajeelfama isa haqamee caala sadarkaa lama kan dabale yoo ta’uu baaxiin mallaqichaas qarshii 100,000.00 gara 1,000,000.00 fi sanaa olitti daangaa malee guddateera. Gulantaan adabbii inni guddaan 20 yoo ta’uu adabbiin isaaf kaawwamee hidhaa waggaa 4 fi baatii 5 hanga waggaa 5 fi baatii 4 dha. Kun ammoo otoo sababa adabbii cimsu walii gala hin argamnee baaxii adabbii irra kan gahee yoo ta’uu haala sadarkaan yeroo qopha’uu ilaalcha kessa galamee kanaaf kan hin hojjanne ta’uu mul’isa. Haalli kun gumgummii haawasa keessaa yakka hannaa ilaalchiise qajeelfamni adabbii Lakk-1/2002 adabbiin ni xiqqeessaa jedhu irraa kaa’ame kan raawwatamee ta’u ni hubatama. Akkasumas ka’umsii isaa gulantaa 6ffaa hidhaa baatii 8 irraa kan eegaluu ta’uun isaa yaadumma kana kanuma kan bu’uureffate fakkaata. Qabxiin inni biroon qajeelfama isa haqame keessattiis ifattii tumamee kan ture ammas haaluma qajeelfama isa haaraa keessattii namnni ykn dhabbanni qabeenyi jalaa hatamee sababa hanna kanaan jireenyi guyyaa guyyaa ykn hojii dhabbatichaa balarratti kan kufe yoo ta’e, dabalataan gulantaa lama kan dabalu ta’uun isaa keewwata 16(3)(b), qabeenyaa hatamee sun kan dhodho’u ykn kan gubatan (ibidda qabsiisuu danda’an) yoo ta’ee tilmaama hanga maallaqa qabeenyaa hatamee irratti hunda’amee kan hojjatameeratti dabalataan gulantaa 2 dabaluun kan hojjatamuu yoo ta’uu, hallan ibsaman kun yoo iddoo tokkotti argaman ammoo hanga tokkon tokkon isaanii gulantaa dabalsiisan dabaluun hanga baaxii adabbii keewwata addaa seericha keessatti tumameetti dabaluun ni danda’ama (keewwata 16(3c fi d)). 50 51 Akkuma Lakk-47 Maxxantuu 3ffaa Fuula 33 Akkuma Lakk-35 Maxxantuu 3ffaa Fuula 93 www.abyssinialaw.com B) Hanna Cimaa(SY Keewwata -669) Hanna cimaaf sadarkaa baasuuf ulaagaan bu’uuraa kaawwamee hanna cimaa fi salphaa kan gargarbaasuu yakkiichaa haala ciimina qabuun raawwatamuu isaati. Yakkii raawwatamee tokko yakka cimaadha jedhamuuf ulaagaa keewwata 669 jalatti tumamee haala Sadiin ta’uu danda’u guutuu qaba. Isaanis: Gosa qabeenyaa hatamee(669(1), Eenyummaa nama qabeenyaa hate 669(2) fi Haala raawwii hannichaa 669(3) jalatti tumamanii jiran irratti hunda’uu dhaani dha. Kanaafuu raawwii qajeelfama kanaaf jecha sababoota adabbii cimsan kan jennu keewwata 669(1-3) kan jiran akka sababooa adabbii cimsan Sadiitti kan fudhatamanii dha. Sababoota kana keessaa keewwata-xiqqaa 1 jala jiran tokkos ta’ee tokkoo ol-yoo argaman akka sababa adabbii cimsuu tokko argameetti kan fudhatamuudha. 52 Kanaafuu baayyina sababoota adabbii cimsanii fi tilmaama qabeenyaa/maallaqa argamee ykn argamuuf yaadammee haaluma dabalaa deemuun dabaluun sadarkaafi gulantaan kan hojjatamee dha. Kanumaan yakka hanna cimaaf sadarkaan sagal (9) qopha’eerra. Fakkeenya; Bara 1997 baatii waxabajjii keessa sababa filannoon walqabateen dhabbanni “Qindoomina” jedhamuu filannoon waliin dhahameera jechuun jeequmsi akka ka’uu godheen sababeefachuun namichi Ayichilum Yitaagasuu jedhamuu hiriyoota isaa namoota 4 dabalatee “poolii mukaa Afelamaa” korporeeshinni humna ibsaa Itiyoophiyaa sarara ibsaa ittiin diriirsuuf godina Sh/ki/lixaa Aanaa Sooddoo Daaccii Magaalaa Tarree keessa daandii iraatti kuusee jiru keessaa bayyinni isaa 100 ta’u fi gatiin waliigalaa isaa qarshii 50,000.00 kan ta’uu hatuudhaan gara Magaalaa Finfinnee fiduun gurgurataniiru. Mana Murtiitti himanni irratti banamee SY keewwata 669(1B) fi 3(B) jalatti ballessaa jedhamaniiru. Kanaafuu sadarkaa fi guulanta yakkiicha baasuuf dhimmichi akka armaan gaditti kan xiinxalamu ta’a: Mallaqni argamee qarshii 50,000.00 Sababoota adabbii cimsan keewwata 669(1)(b) qabeenyaa human ibsaa eegumsa hin qabne ta’uu fi Bu’uura keewwata 669(3)(b)tiin gareen raawwatamuu fi yeroo jeequmsi uummataa jirutti raawwatamuuisaa. Keewwata kana jalatti sababbiin lama argamuun isaa akkuma sababoota tokko argametti kan fudhatamu dha. Kanaafuu maallaqa 50,000.00 fi sababoota adabbii cimsan lama waan argamaniif sadarkaa 6ffaa gulantaa 24ffaa jalatti kan kufuudha. Gulantaan 24 ammoo hidhaa waggaa 6fi baatii 6 52 Akkuma Lakk-35 Keewwata 16(5) www.abyssinialaw.com hanga waggaa7fi baatii 8 gahuun kan adabsiisu waan ta’eef adabbiin ka’umsaa reenjii kana keessatti fudhatamee sababoota waliigalaa adabbii cimsan yoo jiraatee gulantaa tokko irraa kaasuun dabaluun, sababoota adabbii salphiisan yoo jiraatee ammo haala wal-fakkaatuun gulantaa 1 eegalee salphisuun gulantaa jalatti kufe keessatti adabbiin dhumaa kan kennamu ta’a jechuu dha. Dhumarratti yakkoota qabeenyaarratti raawwatama kana (Hanna cimaa fi salphaa) ilaachiise tilmaamnii qabeenyaa hatamee tilmamuuf rakkisaa yoo ta’ee yookaan kan hin tilmaamamnee yoo ta’ee manni murtii dhimmichii dhiyaateef sababa isaa ibsuun sadarkaafi gulantaa adabbii adda baasuun murtii dhumaa akka kennu kan tumameedha. 53 2.3.4. Yakka Wanbadummaa (SY Keewwata- 670fi 671) A) Wanbadummaa (SY Keewwata- 670) Yakkii saamichaa salphaas ta’ee cimaan raawwatamee ballessummaan namoota kanaa M/Murtiin yoo mirkana’uu haala armaan gadiin adabbiin kan kennamu ta’a jechuu dha. Yakkii saamichaa akkuma yakka hannaafi goyyoomsuu faayidaa hin mallee argachuuf kan raawwatamuu dha. Saamicha kan adda isa godhuu fayyidaan argamee yookaan yaaddamee kan argamuu gocha humnaan dabalamee waan ta’eef dha. Kanaafuu ulaagaan yakkoota kanaaf sadarkaan ittiin bahee fayyidaa argamee/argamuuf yaadameefi haala itti fayyadama humnaa ilaalcha keessa galchuudhaan ta’eerraa. Humnaan fayyadamuuu ilaalchiise ammoo meeshaa malee, meeshaa qabachuun, meeshaa waraanaa qabachuun raawwatamuun isaa walduraa duubaan sadarkaa isaa dabalaa akka deemu ta’ee kan qopha’ee dha. Bu’uuruma kanaan keewwata 670tiif sadarkaan 9 qopha’eera. Fkn himatamaan ulee miidhaa gessisuu danda’u qabatee namoota hoolota Mandara keessa nannauun hoolota bitanii gabaa nannoo isaanii dhiyoo jirutti geessuun gurguruun daldalanii bulan, bosona keessattii eeggatee uleedhaan reebee qarshii 12,000.00 yoo saame ta’eefi SY 670 jalatti ballessaa ta’ee, sadarkaa isaa baasuuf Fayyidaan maallaqaa argamee qarshii 12,000.00 Meeshaa miidhaa geessisu, ulee qabachuun Kanaafuu ulaagaan kun lameen iddoo tokkottii kan qabatee jiru sadarkaa 4ffaa gulantaa 17 jalatti reenjii kaawwamee hidhaa waggaa 3fi baatii 3hangga waggaa 3fi baatii 11 keessattii hidhaa ka’umsaa qabama jechuu dha. Fakkeenya armaan olii kun meeshaa miidhaa gessissuu danda’an otoo hin qabannee ta’ee hanga mallaqichaa sanuma ta’ee sadarkaan isaa gara 53 Akkuma Lakk-35 Keewwata 16(7) www.abyssinialaw.com sadarkaa 3ffattii kan gad-hiiqu ta’a jechuu dha. Gulantaan adabbii isaa 15ffaa yoo ta’uu hidhaa waggaa 2fi baatii 9hanga waggaa3baatii 3 kan adabsiisu waan ta’eef kana keessaa ka’umsa adabbii qabata jechuu dha. B) Wanbadummaa Cimaa (SY Keewwata- 671) Yakka wanbadummaa/saamicha cimaa kan raawwatamuu faayidaaf ta’uu isaa, meeshaa ykn meeshaa malee fayyadamuu fi gareen ta’uufi dhiisuu irratti kan hunda’ee akka ta’e hubachuun ni danda’ama. Kanaafuu ulaagalee faayidaa argame, meeshaa fayyadamuu fi gareen ta’uu jedhuu sadan irratti hundaa’uun keewwata 671(1)f sadarkaan 9 hojjatameera. Keewwata 671(2) ammoo adabbiin tumamee jiru lama qofa waan ta’eef buufata jalqabaaf sadarkaan 1ffaan kan kenname yoo ta’uu buufata2ffaa ammoo gochichi du’a kan hordofsiise yoo ta’ee sadarkaa 2ffaan hojjatameeraaf. 2.3.5. Yakkoota Gowwoomsuu (SYKeewwata- 692fi 693) Yakkoota M/Murtii keessatti irra dedeebi’ani dhiyaatan keessaa tokko yakkaa gowwomsuu dha. Adabbiin yakka kanaaf tumamee jiru yakka hannaa wajjin hidhaan isaa kan walfakkaatu yoo ta’uu dabalataan adabbii maallaqa kan of-irraa qabuu dha. Kanamalees yakkii gowwomsuuf faayidaa argachuuf ykn argamsiisuuf kan raawwatamuu waan ta’eef yakka hannaa wajjin kan walfakkatu dha. Kanaafuu sadarkaan yakka gowwomsuuf kan ba’ee haala yakka hannan walfakkatuun dha. Bu’uuruma kanaan hanga maallaqa irratti hunda’uun sadarkaan 10 kan ba’eef yoota’uu qajeelfama adabbii isa kanaan duraa irraa fooyyeen inni kun qabuu ka’umsii adabbii sadarkaa tokkoffaa gulantaa 2ffaa kan ture gara gulantaa 5ffatti kan guddate yoo ta’uu qajeelfama haqameerratti sadarkaan 7 kan turee amma gara sadarkaa 10 ol-guddateera. Kanamalees qajeelfama isa durii keessatti hanga qarshii 100tti danbii darbuun kan gaafachiisu jedhamee kan kaa’ame qajeelfama kanaan haqameera. Kanaaf kana dura maallaqa xiqoorraa kaasee hanga maallaqa guddaa kan gowwomse gosa adabbii tokko qofa kan adabsiisuu yoo ta’uu amma kun adda ba’eera.Yakka kanaafis akkuma yakka hannaa sababa adda addaan adabbiin maallaqa akka dabalaa deemuu danda’u kan tumamee dha. Fkn: Manni Murtii haala sadarkaa bahe qofarratti hundaa’uun adabbiin yoo kenname yaadaa yakkamaa adabuuf gaha miti jedhamee yoo amanamee sababa isaa ibsuun gulantaa 2 dabaluun adabu ni danda’a. Haaluma kanaan sababoonni keewwata 18(3) (A-E) jala jiran wayita argaman gulantichii dabalaa kan deemu ta’a. www.abyssinialaw.com Maallaqa irratti ajaju otoo hin qabaatiin cheekii baasuu ilaalchiise akkuma yakka gowwomsuutti hanga maallaqa irratti hunda’uun SY keewwata-693(1) tiif sadarkaan 11 kan ba’eef yommuu ta’uu qajeelfama adabbii isa kanaan duraa irraa fooyya’iinsa inni qabu, ka’umsii adabbii sadarkaa 1ffaa gulantaa 2ffaa kan ture gara gulantaa 5ffatti kan guddate yoo ta’uu, qajeelfama haqame irratti sadarkaa 7ffaa kan ture amma gara sadarkaa 11tti olguddateera. Kanamalees qajeelfama isa durii keessattii hanga qarshii 100tti danbii darbuudha jedhamee kan kaa’ame haqameera. Gaaffii Marii 1. Adabbiin yeroo murtaa’u haala yakkamaa ykn yakka raawwatame qofa xiinxaluuudhaan kan murtaa’u yoo ta’e rakkoon inni hordoofsiisu ni jira laata, maaliif? Adabbiin yeroo murtaa’u yaadoota bu’uura inni godhatu qabu maalfaa dha. 2. Qajeelfama adabbii Itoophiyaa 1/2002 akkataa adabbii itti cimuufi salphatu wajjiin wal-qabate sababoota adabbii salphiisuufi cimsuu gidduuti garaaggarumman akka jiraatu taasiifamuun isaa adabbii wajjiin wal-qabate rakkoon inni hordoofsiisee jira? Qajeelfama adabbii isa haaraa hoo akkamitti ilaaltu? 3. Yaada adabbii bitaaf mirga irraa dhiyaatan soba ta’e yoo argaman bu’aan isaan hordoofsiisan jira, Yaadni adabbii salphiisu gama yakkamaatiin dhiyaate soba ta’e yoo argame yakkamaa irratti adabbii cimsuu ni danda’a? 4. Adabbiin gad aanaa kutaa addaa seerichaa keessatti kaa’aman adabbii ka’umsaa dha jenne fudhachu ni dandeenya? maaliif? 5. Yakka malaamaltummaa wajjiin wal-qabate qajeelfamicha keewwata-11(3)(d)ttii hiikkan aangoof kennamee fi kan labsii naannoo tiin kenname yoo walitti bu’ee sadarkaa baasuuf isa kamtu fudhatamuu qabaa? 6. Bu’uura labsii 433/97 keewwata 2(9) (a)(c)tiin yakkoonii raawwataman “ kaayyoo cimaaf” akka raawwatamanitti fudhatamuu akka qabamuu qajeelfamichi keewwata 11(5) ni tuma. Haata’umalee yakkoonii haala kanaan raawwataman jechuuf maallaqa ol’aanaafi miidhaa cimaa kan geessisan yoo ta’ee akka ta’e tumameera. SY keewwata 407(2)f sadarkaan yoo ba’uu ammoo keessumaa sadarkaa 2 fi 3 faayidaa /miidhaa Gad-aanaa fi giddu galeessaa waliin kaayoo cimaaf ba’uun isaa hangam fudhatam qaba jettu? www.abyssinialaw.com 7. Kaayyoo cimaa ilaalchiise hiiknii labsii armaan olitti caqasamee keessa jiru keessumaa keewwata xiqqaa (A) jala kan jiru waajjira mootumma yookiin dhabbata misoomaa mootummaa irratti yakkichii yoo raawwatamee dha. Mana hojii mootummaa ammoo yookiin dhabbata misoomaa mootummaa ammoo hiikkoon labsichaan kenname Federaala kan ilaallatuu akka ta’e labsicha keewwata 2(3fi 4) ni hubachiisa. Kanafuu yakkii qabeenyaa mootummaa Naannoo irratti raawwatamee midhaa cimaa gessisuu waan danda’uuf “kayyoo cimaa” jechuuf hiikkoon kun nu deemsisaa? 8. Seerrii yakkaa keewwata-557 haala tumeen qabxiin adabbii salphisan yoo argaman seera yakkaa keewwata 556f rawwii qabaachuun isaa sirrii dhaa jettu? Keewwata557(2) jalatti adabbii tumamee hanga hidhaa salphaa waggaa 4 ga’uun isaa, baxii adabbii keewwata 556f ta’e waliin akkamitti ilaalamaa? 9. SY keewwata 556(1) fi 557 walitti sadarkaan hin baaneef maaliif isinitti fakkaata? Haala kanan sadarkaa baasuufiin ni danda’amaa? www.abyssinialaw.com BOQONNAA SADII QAJEELFAMA ADABBII LAKK- 2/2006 KEESSATTI YAKKOOTA HAARAA SADARKAAN BA’EEF FI HIN-BAANEEF AKKAATA ADABBIIN ITTI SHALLAGAMU Seensa Boqonnaa darbee keessattii yaadoota waliigalaa qajeelfamnii adabbii Lakk-2/2006 irratti xiyyeeffate tokkoon tokkoon ilaalleerra. Kanamalees, yakkoota kanaan dura qajeelfama adabbii 1/2002 keessatti warra sadarkaan isaaniif qopha’ee, qajeelfama isaa haaraa keessatti haala kamiin sadarkaan isaani akka qopha’ee bal’inaan ilaalleera. Boqonnaa kana keessatti ammoo yakkoota kanaan dura sadarkaa hin qophofneefi qajeelfama haaraa keessatti sadarkaan ba’eef kam kam akka ta’an tokko tokkoon kan illallu yoo ta’uu, yakkooni kunniinis firiin dubbii bu’uureffatamee sadarkaan ba’eef maal maal akka ta’an akkasumas walqunnamtii firiiwwan dubbii kunniin keewwata seerichi sadarkaan ba’eef waliin qaban ni xiinxalama. Walqunnamtii sadarkaan yakkootaf kennamee fi gulantaan adabbii qabuus iddoo barbaachisaa ta’eetti kan xiinxalamu ta’a, akkuma haala isaatti iddoo barbachisaa ta’ee mul’ateettii qabatama hojii jiru dhimmootaa qabatamaa waliin xiinxalamanii ni ilaalamu. Kanamalee yakkoota sadarkaan hin baaneef hanga sadarkaan ba’uuffitti adeemsaa itti hojjatamuu maluu fi dhimmoota itti xiyyeeffatamee sadarkaan ba’uu qabus bal’inaan ni ilaalama. Leenjifamtoonni dhuma boqonnaa kana irraatti: Yakkoota haaraa sadarkaan ba’eef firii dubbii irratti bu’uureeffatamee sadarkaan ba’ee adda ni baafatuu, tartiibaanis ni ibsu. Yakkoota sadarkaan ba’eef irratti hundaa’uun murtii kennuu ni danda’u, fakkeenyaanis hojjatanii ni agarsiisu. Adabbiin ka’umsaa sadarkaa yakkootaaf haala itti qophaa’ee hubannoo waliigalaa ni argatu. Yakkoota sadarkaan hin baaneef haala itti sadarkaa baasuun hojjatan ni hubatuu, fakkeenyaanis hojjatanii agarsiisuu ni danda’u. www.abyssinialaw.com 3.1 . Yakkoota Sadarkaan Ba’eef Qajeelfama adabbii Lakk-2/2006 keessatti yakkoota kanaan dura sadarkaa hin qophoofneenf gosoota yakkaa 5 ta’an keewwatoota 23 jalatti argamaniif sadarkaan akka qophaa’u kan taasifamee yommuu ta’u, yakkoota kanaaf yakkoota biroo irraa kan irratti xiyeefatame sadarkaan akka qophaa’uu kan taassifamee yakkoonni kun qabatamaan Manneen Murtii keessatti baay’inaan waan mul’ataniif murtii adabbii keewwatoota kana irratti kennamu hama danda’ame kan wal-fakkaatufi sirrummaa isaa kan eeggate gochuudhaaf yaadameeti. 3.1.1 Yakkoota Biyya Irratti Raawwataman A) Yakka Tokkummaa Siyyasaafi Dangaa Biyyatti Tuquun Raawwatamu (Kwt- 241) Yakkii kun kan argamuu mata duree “Yakkoota Biyya Irratti Raawwataman” jedhu jalatti kan argamuu dha. Yakkonni kun ammoo SY keewwata- 238 hanga 260 jalatti tumamaniiru. Yakkoota kanneen hundaaf sadarkaan kan hin baanee yoo ta’uu keewwatni 241 kan filatamee yeroo ammaa kutaa kana jalatti yakkoota qabatamaan Manneen Murtii Federaalaatti dhiyaatan keessaa yakkii kun bayyinaan kan dhiyaatu ta’uun isaa waan hubatameef dha. 54Yakka Tokkummaa Siyyasaafi Dangaa Biyyatti Tuquun Raawwatamu sadarkaan kan ba’eef ulaagaawwan 4 bu’uura godhateeti dha. Isaanis: miseensa garee ta’uu fi ta’uu dhabuu, miidhaa dhaqabe, abbaa taayitaa ta’u yakkamaa fi bu’aa argame dha. Ijoo kana irratti gaaffiin ka’uu malu tokko ijoowwan kun SY keewwata 241 dubbisuun kan argamuu danda’anii ykn firiin dubbii kun keewwaticha irraa ni hubatamuu? gaaffii jedhu dha. Keewwaticha yoo ilaalle “Namni kamiyyuu humnaan yookiin karaa heera mootummaatn walfaalleessu biroo kamiiniyyuu” kanaaf yakkiichi kun kan raawwatamuu humnaan yookaan karaa biroo kamiinuu jechuun humna otoo hin fayyadamnee yakka raawwatamuu danda’u ta’uu hubachuun barbaachisaa dha. Kana yoo ta’ee ammo “humnaan” inni jedhuu mataan isaa hubachuuf keewwatoota boqonnaa sana jala jiran kan biroo waliin walbira qabuun ilaaluun barbaachisaa dha. Fkn, meeshaa waraanaa fayyadamuu keewwata 256 (b), 258 (b), (c) fi (d), namoota gareen hundeessuun keewwata 256 (a) 257 /b/ fi /c/, 258/b/) ilaaluun ijoowwan dubbii kun keewwata 241 hojjachuu akka danda’u hubachuun ni danda’ama. Akkuma haala isaattii keewwata 256259 tti kan jiru waliin ilaaluun barbaachissa dha. Kanaafuu firiiwwan dubbii sadarkaan ittiin bahe kun keewwatichaaf rogummaa kan qabanii dha jechuun ni danda’ama. 54 Akkuma Lakk-29 Fuula 73 www.abyssinialaw.com Miidhaa tokko dhaqabsiisuuf meesha waraanaan fayyadamuun (SY keewwata-256(B), 258(B, C, D)) ykn gurma’uun (SY 256(A), 257(B), 258(B)) ta’u akka danda’u tuumaalee kana dubisuun beekuu ni danda’ama. Kanaafuu yaadooni kun haala raawwii keewwata- 241 keewwatoota kana wajjiin kan walitti dhiyaatu waan ta’eef miseensa garee ta’uu ykn ta’uu dhabuu inni jedhu yaadoota kanarra kan fudhatame dha. Qabxillee abbaa taayita ta’u yakkamaa fi bu’aa argame jedhaman ilaalchiise qabxiileen kun SY keewwata-259 jalatti adabbii keewwata-241cimsuuf kan kaa’ame waan ta’eef sadarkaa yakkaa keewwata-241/259 waliin sadarkaa qopheessuuf hojiirra olanirruu. Miidhaan dhaqabe kan jedhamee, miidhaa qabeenyaa ykn nama irratti dhaqqabe ta’uu danda’a. Miidhaan kuns miidhaa salphaa hanga qarshii 25,000 ykn miidhaa qaamaa salphaa, jiddu galeessa qabeenyaa irratti qarshii 25,001-50,000 ykn miidhaa qaamaa cimaa, cimaan ammoo miidhaa maallaqa qarshii 50,000 ol ykn du’a kan hordofsiise yoo ta’ee dha. 55 Miidhaan qabeenyaa irra gahee fi kan qaamaa ykn lubbuu namaa irra dhaqabe sadarkaan jalatti argaman gargar yoo ta’ee manni murtichaa sadarkaa isa adabbii caalu hordofsiisu fudhachuun adabbii dabarsa. 56 Fkn Yakkiichi kan raawwatamee miseensa gareetiin ta’ee miidhaan qabeenyaarra dhaqabe qarshii 20,000 ta’ee miidhaan qaamaa dhaqabee miidhaa cabinsa miilaa ykn harkaa yoo ta’ee, miidhaa qabeenyaarra ga’ee midhaa salphaa yoo ta’uu, miidhaan qaamaa dhaqabee ammo jiddu galeessa waan ta’eef kun ammo lamaan isaa sadarkaa tokko jalatti argachuun rakkisaa waan ta’uuf isa adabbii caalu hordofsiisu fudhanna jechuu dha. Bu’uura kanaan Yakkichii miidhaa qabeenyaa irra ga’ee yoo fudhanne sadarkaa 2ffaa gulantaa 30 kan ta’uu maluu bu’uura qajelfamichaa keewwata 8(4) adabbiin ka’umsaa kan fudhatamuu sadarkaa 4ffaa gulantaa 33ffaa jalatti ta’a jechuu dha. Ijoon kan biraa SY keewwata 241 maallaqan waan hin adabsiifneef gulantaan maallaqa sadarkaa 7ffaa irraa eegalee maaliif galee kan jedhuuf keewwata 259 waliin walitti kan hojjatamee yoo ta’uu keewwata 259 jalatti ulaagaan jiran yoo guuttamanii argaman himatamaan keewwata 241 jalatti balleessaa ta’ee adabbii hidhaa yookaan umurii guutuu irratti kennameettii dabalataan maallaqa hanga qarshii 100,000 ga’uun adabamuu akka danda’u waan tumameef iddoo tokkotti hojjatameera. 55 56 Akkuma Lakk-35 Keewwata 8 (3) Akkuma Lakk-35 Keewwata 8(4) www.abyssinialaw.com Akkasumas keewwata 258 yakkoota Boqonnaa kana (kutaa 2ffaa, kitaaba 3ffaa, boqonnaa 1ffaa) jala jiran hidhaa cimaa umurii guutuu ykn du’aan akka adabsiisu tumamee yoo ta’ee murtiin du’aa darbuu kan danda’u ulaagaa tarreeffaman keessaa tokko guutee yoo argamee akka ta’e tumeera. Dhimooni kunis: Yakkiichi kan raawwatame biyya irratti jeequmsi yommuu gahetti yoo ta’e ykn waraanni biyya alaa wajjin taasifamu yommuu yaaddessutti, giddu seentummaan mootummaa biyya alaa yommuu jiraatutti, sababa jeeqamuu tasgabbiin labsiin yeroo ariifachiisaa ragga’ee yommuu jirutti, ykn haalawwan addaa jiraachuun isaanii ifatti yommuu himametti yoo ta’e; ykn Gochoonni kun kan karoorfamaniifi raawwataman korannaa irraa kan ka’e yoo ta’e yookiin gartuulee meeshaa waraanaa hidhataniin yoo ta’e; yookiin Yakkamtichi qabeenyaa, meeshaa waraanaa, gargaarsa, deggersa haala kamiiniyyuu biyya alaa ykn jaarmiyaa siyaasaa ykn kan biroo mootummaa biyya alaa irraa argatuun yakkiicha kan raawwate yoo ta’e; yookiin Boombiin, dimaamitiin ykn meeshaa dhowuun ykn meeshaa shororkeessaa namoota hedduu irratti balaa geessisuu danda’un ykn mala kana fakkaatu biroo kamiiniyyuu yakkiicha raawwateera yoo ta’edha. Kun kan agarsiisuu murtii du’aa keewwata 241 jalatti kennamuu akka danda’u seerichaan tumamullee murtii du’aa kennuuf keewwatichi qoftii gahaa akka hin taanee fi keewwata 258 waliin ilaalamuu akka qabuu nama hubachiisa. Murtii du’aa kana kennuuf ulaagaa keewwata 241 fi 258 jalatti tumamee qofa otoo hin taane SY keewwata 117 dabalataan akka ilaaluu qabnu hubatamuu qaba. Kanaafuu, SY keewwata 241 qofaf sadarkaan 6, keewwata 241fi 259 ammoo sadarkaa 3 (sadarkaa 7, 8, 9) akkasumas keewwata 241 fi 258 ammoo sadarkaa 1(sadarkaa 10) hojjatameera. Gaaffii marii 1. Muudamaa ykn gageessaa kan jedhuu eenyu ilaallataa? Sadarkaa kam irratti nama muudame kan ilaallatuu dha? Gaggessaan hoo eenyu dha? 2. Faayidaa yakkiichaan argamee akka firii dubbii tokkoottii qabamee sadarkaan yakkiichaa akka ittiin hojjatamee qajeelfamicha keewwata 8(2) irraa ni hubatama. Haata’u malee faayidaan argamee sadarkaa 8ffaa jalatti hojii irra oolus faayidan kun maallaqa moo waabiraas ni dabalataa? Maallaqa yoo jennee maallaqa hangamiittii? Hiikkoo keewwata 8(3) jalatti miidhaaf kenname fayyadamuu dandeenyaa? www.abyssinialaw.com B) Yakka Tuttuquufi Gocha Qopheessuu Qabatamaa Hin Taane (SY Keewwata- 257) Yakkii kun kan adabsiisuu yakkoota keewwata 238-242, 246-252 jiran akka raawwatu taasisuuf ykn deeggaruun gocha tuttuquu fi qophaa’uu qabatamaa hin taanee nama raaawwate kan adabsiisuu dha. Keewwata kana jalatti koreen sadarkaaa yoo baasuu gochoota keewwaticha jalatti A-E ttii tarreeffaman irratti hundaa’uun yoo ta’uu tarreeffamnii isaaniis haala cimnina yakkiichaa ilaalcha keessa galchuun kan qopha’ee ta’uu hubannoon fudhatameera. Bu’uuruma kanaan qabxiilee A-E jiraniif sadarkaalee 1-5 akkasumas gochoonnii A-E jiran keessaa tokkoon isaa, balaan dhaqqabsiisuu danda’u keessumattuu baay’ee olka’aa kan ta’e yoo ta’e ammo sadarkaa 6ffaa, akkasumas 257 fi 259 ammoo walittii hidhuun yakkoota 257 A-E tarreeffaman keessaa tokko kan raawatee nama muudameen ykn gaggessaadhaan ykn fayidaa argachuuf yoo ta’ee sadarkaa 7ffaa, gochii sadarkaa 7ffaa jala jiru akkaa jiruttii ta’ee balaan dhaqabsiisuu danda’u baay’ee olka’aa ta’e yoo ta’ee sadarkaan 8ffaa kan ba’eef dha.Manni murtii kewwattoota jalatti kaa’aman keessaa isa tokkoon miidhaa ol’aanaa ni dhaqabsiisa ture jedhee kan murteessu yoo ta’e sababa isaa haala ifa ta’een kaa’uu qaba(9(4)). Walumaa galattii keewwata 257 sadarkaan 6 keewwata 259 waliin ammo sadarkaan lama dabalamee walumatii sadarkaan 8 qopha’ee sadarkaalee hundaaf ka’umsii adabbii isaanii dabalaa akka deemuu gulantaa sadarkaaleef ta’e irraa ni hubatamaa. 3.1.2. Maallaqa Sobaa, Sandoota Dirqamaa Yookiin Wabummaa hojjachuu (SY keewwata 356-362) Maallaqa sobaa, sanadoota dirqamaa ykn wabummaa waliin walqabatee yakkamaa seera yakkaa keewwata 356-362 jirani jalatti ballessaa jedhaman adabbiin kan kennamuuf haala armaan gadiitiin dha.Seera yakkaa keewwatoota 356 hanga 362 jiraniif sadarkaan kan ba’ee hanggaa maallaqa argame ykn argamuuf yaadamee ykn tilmaama qabeenyichaa irratti hundaa’uunii dha. Kanaaf ka’umsa kan ta’e SY keewwata 362 dha. Keewwata kana warabbii isaa akkuma jirutti yoo ilaalle: Keewwata 362: Haala Salphaa “Yakkoota keewwata 356 hanga 361 jaran ilaalchiise hammi maallaqichaa tilmaamni xiqqaan kan kennamuuf ta’uu isaatiin yakkiichi salphaa yommuu ta’utti, adabbichi hidhaa salphaa ni ta’a” jedha. www.abyssinialaw.com Keewwata kana yoo ilaallee “hammi maallaqichaa tilmaamni xiqqaan kan kennamuuf...” gaaleen jedhu gochi raawwatame SY keewwata 356 hanga 361 jalatti kan kufuu yoo ta’elee hanga mallaqichaa ilaalcha keessaa galchuun adabbiin kennamuu hidhaa salphaa ta’u kan danda’u ta’uu isaa nama hubachiisa. Hangi maallaqa tilmaamnii xiqqaan kennamuuf hangamii kan jedhu ammoo dhimma gaaffii kasiisuu danda’u dha. Isa kanaaf koree ykn boordiin qajeelfama adabbii kana qophesseen hangii maallaqa tilmaama xiqqaan kennamuuf maallaqa hanga qarshii 1,000 tti akka ta’e ejjennoon qabatameera. 57 SY keewwata 362 qofa isaa kan dhaabatuu otoo hin taanee keewwata 356-361 ttii keewwatoota jiran irra kan darbamee ta’ee hangi maallaqa isaa xiqqaa yoo ta’ee adabbiin hordofsiisu hidhaa salphaa waan ta’eef keewwatootuma kanaan walsimee sadarkaan kan hojjatameefi dha. Bu’uuruma kanaan keewwata 362 walitti hidhuun (hunduu maallaqa tilmaama salphaa ta’een raawwatamuu waan danda’aniif) sadarkaa shan shan (5) kan ba’eef yoo ta’uu keewwata 356,357,358,359,361(1)(a),361(1)(b) qofa qofatti ammo sadarkaan 9, keewwata 361(2)(a) sadarka 11, 361(2)(b) sadarkaa 6 hanga maallaqa irratti hunda’uun sadarkaan ba’eera. Keewwata 361(2) (a) hidhaa salphaan waan adabsiisuuf ,keewwata 361(2)(b) ammo maallaqa qofan waan adabsiisuuf keewwata 362 waliin walitti sadarkaan kan hin hojjatamneef ta’uun hubatamuu qaba. Fakkeenya 1ffaa Himatamaan gatii isaanii guutuu akka qabatanitti fakkeessee ofii ittiin daldaluuf jecha maallaqa Itoophiyaa sobaa 700 (dhibba torba) akka qabate waan argameef kwt-359 jalatti himatame balleessa jedhameera. Gochii yakkamaan balleessa itti jedhamee bu'uura qajeelfamiichaatiin tilmaamni xiqqaan kan kennamuuf waan ta’eef kwt-359 jalatti balleessa yoo jedhameees kwt362 waliin kan ilaalamu ta’a. Kanaafuu sadarkaan yakkicha 4, gulantaan isaa immoo 8 ta’a. Manni Murtii gulantaa kana jalatti adabbii ni murteessa. Sababoonni adabbii cimsanii fi salphiisan yoo jiraatan manni murtii guulanta kanaarra ka’uun bu’uura qajeelfamichaatiin baay’ina sababoota adabbii argamantiin kan ol ka’u ykn gad-bu’u ta’a. 57 Akkuma Lakk-35 Keewwata 10(2) www.abyssinialaw.com Fakkeenya 2ffaa Himatamaan sanada wabummaa qarshii 1000 (kuma tokko) isaaf ajajameera (Bearer Security) bifa isa jijjiiruun baankiirra qarshii 100,000 (kuma dhibba tokko) fudhachuun isaa waan bira gahameef SY kwt-357 jalatti himatame balleessa jedhameera. Gochii yakkamaan balleessa itti jedhamee bu'uura qajeelfamiichaatiin tilmaamni xiqqaa ol kan keennameef waan ta’eef keewwata balleessaa jedhame jalatti sadarkaa fi gulantaa isaa kan addaan baasnu ta’a. Bu’uurma kanaan: Faayidaan argame qarshii 99,000 dha Kun immoo sadarkaa 8ffaa gulantaa 28ffaa jalatti kufaa. Manni Murtii gulantaa kana jalatti adabbii ni murteessa. Sababoonni adabbii cimsanii fi salphiisan yoo jiraatan manni murtii guulanta kanaarra ka’uun bu’uura qajeelfamichaatiin baay’ina sababoota adabbii argamantiin kan ol ka’u ykn gad-bu’u ta’a. Gaaffii Marii 1, Seera yakkaa keewwata 361(1) (b) adabbii hidhaa salphaa hanga waggaa 5 gahuu yookiin maallaqan kan adabsiisuu dha. Keewwata 362 ammoo hidhaa salphaa qofan kan adabsiisuu dha. Kanaafuu keewwatoota kana lameeniif idoo tokkotii sadarkaan kan ba’eef ta’uu fi hidhaa salphaan yookaan maallaqaf filannoon akka hojjatameef qajeelfamicha Fuula 30 irraa waan hubatamuuf keewwata 362 filannoo malaqaan adabsiisamoo maliif isinitti fakkaata? 2, Gochootni yakkaa keewwata 356-362 jalatti olitti ibsaman jaarmiyaatiin kan raawwatame yoo ta’e fi ulaagaaleen SY kwt-34 jalatti kaa'aman guutamani kan argaman yoo ta’e adabbiin haala kamiin shallagamuu qaba jettu? 3.1.3. Yakkoota Lubbuu Namaa Irratti Raawwataman (SY keewwata-539-543) Namni kamiyyuu itti yaadee ykn dagannoon meeshaa miidhaa dhaqabsiisuun ykn tooftaa akaakuu kamiiniyyuu fayadamee nama biroo ajjeesu ni danda’a. Yakkamtooni ajjeechaa lubbuutiin himatamani balleessa jedhaman irratti adabbiin murtaa’u Akkuma salphinaafi ciimina ajjeechaa isaan raawwtan irratti kan hundaa’u yoo ta’uu, keewwatooni seera 539-543 www.abyssinialaw.com jalatti namni balleessa jedhame firii dubbii kewwatoota keessatti kaa’aman irratti hundaa’uun sadarkaa isaani haala kamiin akka qophaa’e akka armaan gaditti ilaaleera. A) Ajjeechaa Namaa Cimaa (SY keewwata-539) Keewwata seeraa kanaaf sadarkaa fi gulantaan kan ba’ee yeroo jalqabaaf ta’ee adabbiin tumamee jiru hidhaa umurii guutuu yookaan du’a waan ta’eef, keewwata 539(1) jalatti A-C ttii keewwata xiqqaa sadaniifuu sadarkaa lama lama qopha’eera. Keewwatni seeraa kun sadarkaan kan ba’eef baayyina firii dubbii yakkiichaa hundeessan fi/ykn haallii raawwii yakkiichaa baay’ee cimaa ykn cimaa ta’uu isaa kan bu’uureeffatee dha. Haalli raawwii yakkiichaa cimaa yookiin baay’ee cimaa kan jedhamuu haala kamiin yoo raawwatamedha kan jedhuu gaaffii kan kaasisu ta’ulleen dhimma kan qajeelfama adabbiitiin cufuun/tartiibanii xumuruun/ dhimmicha bal’isuun rakkisaa kan taasisu caalaa Manneen Murtii akka qabatama naannoo isaaniitii dhimmicha akka hin madaallee kan isaan taasisu waan ta’eef, kun ammoo kaayyoo qajeelfamichii yaadameef ala waan taasisuuf aangoon kun M/Murtiif akka dhiifamu taasifameera. Kun akkuma jirutti ta’e manni murtii yakkamtoota irratti adabbii du’aa murteessuun dura ulaagaalee SY keewwata-117 jalatti kaa’aman ilaalu qaba. Bu’uura kanaan 539(1) (A) dhaaf Yakkichii dursamee kan itti yaadame ta’ee haalli raawwii isaa cimaa yoo ta’e yookaan yakkiichaa haala keewwata 84 ykn keewwata 86tiin qabxii adabbii cimsu 2 hin caallen kan raawwatamee yoo ta’ee sadarkaan isaa 1ffaa ta’ee adabbiin ka’umsaa isaa umurii guutuu ta’a jechuu dha. FKN: “C”n SY keewwata-539(1A) jalatti himatame balleessaa jedhameera. Sababoota waliigalaa adabbii cimsan keewwata-84(a, b, d) jalatti kaa’aman Sadii argamaniiru, Sadarkaan yakkiichaa akka armaan gadiitti adda baha: Yakkichii dursamee kan itti yaadame dha, Baayyina firii dubbii yakkiichaa hundeessan keewwata-84 jalatti sababoota Sadii argamani jiru Kun immoo sadarkaan isaa 2ffaa yommuu ta’u gulantaa 39ffaa jalatti kan kufuu ta’a. Kanaafuu, M/murtii gulantaa kana jalatti adabbii murteessuu qaba. www.abyssinialaw.com B) Ajjeechaa Namaa Dasiiba (SY keewwata-540) Yakkii kun haala keewwata 539 cimaa otoo hin taanee fi akka 541 ammoo salphaa hin taanee yakka raawwatamu kan ilaallatuu akka ta’e kewwatichi ni ibsa. Kana jechuun immoo keewwata kana jalatti firiin dubbii yakkiicha hundeessan eessaa dhufuu gaaffii jedhuu kan kaasisuu fi haala itti ballessaa tasifamuu walxaxaa taasisaa kan turee fi ammas walxaxaa taasisaa kan jiru dha. Kun kan agarsiisu firii dubbii yakkiichaa hundeessan ifatti akka hin kaa’amane dha. Ta’us yakkichii keewwata-539 fi 541 waliin walqunnamtii waan qabuuf firiiwwan dubbii haala kana irratti hunda’uun sadarkaan akka ba’uuf taa’eera. Qabiyyee keewwata-540 maal akka ta’e hunda isa qajeelfamicha keessatti tarreessuun ulfaata waan ta’eef, akkasumas haala qabatamaa falmiifi ragaa dhiyaate irratti bu’uureefachuun hiikaa kan kennu qabu Mana Murtiidhaan waan ta’eef hojiirra olma qajeelfamiichaatiif sababoota ka’umsaa yakkiichaa ta’anii fi itti fayyadamaa meeshaa yaadoonni jadhan sadarkaa yakkiichaa qopheessuuf hojiirra olani jiru. Bu’uuruma kanaan sadarkaan kan ba’ee sababa du’ichaaf ka’umsa ta’uu fi dhiisuu isaa fi itti fayyadama meeshaa yookiin tooftaa itti fayyadamame ilaalcha keessa galchuudhaani dha. Haala itti fayyadama meeshichaa ilaalchiise meeshaan ajjechaa kanaaf sababa ta’an meeshaa balaafamoo ta’an yookaan balaafamoo hin taane ta’uu danda’u. Meeshaa kamtuu balaafamaa kamtuu ammoo balaafamaa miti isa jedhuu Mana Murtiif kan dhiifamee yoo ta’uu, yeroo dhimmichii dhiyaatuu akkuma haala isaatti ilaaluun manni murtii meshaan itti fayyadamamee sadarkaa balaafamummaa isaanii murteessa. Meeshaalee balaafamoo ta’an agarsiisuuf sadarkaa 3 fi 6 ffaa keessatti meshaa balaafamoo ta’an kan akka meeshaa waraanaa, wantoota qara qaban fi kkf jechuun ibsee waan jiruf kallatii agarsiiseera jechuun ni danda’ama. SY keewwata- 540 sadarkaan 6 kan baheef yoo ta’uu keewwata kana ilaalchiise sababoota waliigalaa adabbii salphisuu bu’uura SY keewwata 82(1)(D) tiin yoo argamees sadarkaa baasuuf gargaaree waan jiruf yeroo lammaffaaf fayyadamuun barbaachisaa miti. 58 FKN: Himatamaan yakka ajjeechaa namaa dasiibatiin himatame balleessa jedhameera (keewwata-540). Ka’umsaa yakkiichaa kan ta’e yakkamaa yommuu ta’u, yakkiichaa kan raawwatee cuubee fayyadameeti haajennu. Kun immoo sadarkaan yakkiichaa 6ffaa, gulantaan 33 jalatti kan argamu waan ta’eef manni murtii gulanta kana jalatti adabbii ni murteessa. 58 Akkuma Lakk-35 Keewwata 12(6) www.abyssinialaw.com C) Ajjeechaa Namaa Salphaa (SY keewwata-541) Ajjechaa namaa salphaan keewwata-xiqqaa A dhaaf sadarkaan hin baaneef sababbiin isaa keewwata kun kan adabsiisuu daangaa haala dirqisiisaa darbuu keewwata 76 yookiin Hanga Of Irraa Ittisuu Seera Qabeessa Darbuu keewwata-79n nama ballessaa jedhamee kan waan ta’eef, ulaagaaleen kun guuttamani yoo argaman Manni murtii qajeelfama adabbii kanaatiin otoo hin daangeeffamiin adabbii salphiisu waan danda’uuf sadarkaa yakkiicha baasuu barbaachisaa waan hin taanneef bira darbameera. SY keewwata-541(B) ilaalchiise firii dubbii keewwaticha jala jiran, meeshaa fayyadamuu fi fayyadamuu dhabuufi meshaan fayyadamamee balafamaa ta’uu fi ta’uu dhabuu isaa irratti hundaa’ameetidha. Kana jechuun firiin dubbii keewwaticha jala jiru jechuunis: Sababa olaanaa gar malee nama aarsuun, Sababa tasaa hin eegamne sammuu jeequun yookiin Miira ol’aanaan yookiin Miira ho’aan qabamuurraa kan ka’een ta’een Yakkichii yoo raawwatame, Isaan kana keessaa qabxiin tokkoollee yoo argame isa fudhannee kanatti dabaluun meeshaan fayyadamamuu, gosa meeshichaas adda baasuun sadarkaa keewwatichaf hojjatamee ilaallee adabna jechuu dha. Sababoota akka firii dubbiitii ibsine kana sababoota adabbii salphisan ta’anii guuttamanii yoo argaman lammaffaa itti hin fayyadamnu jechuu dha. 59Asirratti garuu wanta irratti xiyeefatamuu qabu, sababooni kun iddo, yeroo ykn haala akkami keessatti yoo raawwataman akka itti fayyadamnu seerichaa keessatti ifatti hin kaa’amane. Kun immoo firii dubbii fi yaada keewwaticha hubatani hojiirra olchu wajjiin wal qabate rakkoon guddaa akka jiraatu taasiiseera. Akka waliigalaatti garuu, gochi dhiiga namaa danfiisu ykn nama aarsu dirqamaan gocha seeraan dhorgame ykn balleessummaa mul’isu ta’u irraa hin eegamu. Dabalataan, haalli qabatamaa naannoo tokko mata isaatiin dhiiga namaa kan danfiisu ta’u dhabu ni danda’a. Manneen Murtii sababoota keewwaticha jalatti kaa’aman kanaan yommuu fayyadaman haala qabatamaa naannoo, uumataafi bilichinaa samuu yakkamaa ilaaluun ta’u qaba. 59 Akkuma Lakk-35 Keewwata 12(9) www.abyssinialaw.com D) Dagannoon Nama Ajjeesuu ( SY keewwata-543) Ajjechaan dagannoo yeroo ilaallu ijoowwan seericha falmisiisoo taassisan keessaa tokko keewwata 543(3) adabbii kan cimsee dirqama ogummaa yookaan kan biroo warreen qabaniif qofa moo haala 543(1) tiin ajjechaa dagannoo nama raawwaterratis raawatiinsa qabaa? Kan jedhu dha.qabxii kan ilaalchiise barreeffamoonnii tokko tokko kan ibsan falmin kana ilaalchiise ijjennoo lama akka jiru dha. inni jalqabaa keewwata 543(3) namoota dirqama ogummaa yookaan kan biroo hin qabneefis ni hojjataa kan jedhuu yoo ta’uu, kan biroo ammoo keewwatinii 543(1) jalqabumaayyuu yoo ibsuu “Namni kamiyyuu keewwata kana keewwata xiqqaa (2) fi (3) jalatti haalawwan tumamaniin ala dagannoon nama kan ajjeese yoo ta’e” jedha. Kanaafuu, keewwata kun ifattii keewwata-xiqqaan 3 hojii iraa akka hin oollee dangesseera kan jedhuu yoo ta’ee dabalataan “hatata zamikiniyat” irraattii ibsii dabalataa keewwata xiqqaa 3 barbaachiseef yoo ibsuu namoonnii hedduun sababa balaa tiraafikaan lubbuu isaanii dhabaa waan jiraniif balaa tiraafikaa kana xiqeessuuf akka toluuf kan tumamee ta’uu waan ibsuuf hin dabalatuu kan jedhuu dha. Koreen qajeelfama adabbii kan baasee ejjennoo isa lammaffaa kana deeggaruun sadarkaa kan baasee yoo ta’uu. Qabxiin biroo ammoo dagannoon SY keewwata 59(1) (a)fi (b) jalatti dagannoo beekamaa yookiin dagannoo hin beekamnee ta’uu akka danda’u walduraa duubaan ibse waan jiruf, ajjechaa dagannoof sadarkaa baasuuf akka oolu ta’erraa. Kanumaan keewwata 543(1) meeshaa fayyadamamee fi sadarkaa meeshichaa fi gosa daguu irratti hundaa’uun sadarkaa jaha(6) kan baheef yoo ta’uu, Keewwata 543(2) ykkamaan dirqama ogummaa yookaan kan biroo qabaachuu isaa,ballesicha keessa gaheen isa du’ee jiraachuu fi dhiisuu fi gosa daguu irratti hunda’uun sadarkaa 4(Afur), keewwata 543(3) ammoo ijoowwan dubbii keewwaticha jala jiran jechuunis: Balleessichi namoota lama yookiin isaa ol Kan ajjeese ykn yakkiicha Kan raawwate dambii ykn qajeelfama ifa ta’e darbuun yoo ta’e, ykn wahiyyoota yookiin dhugaatiwwan nama macheessan yookiin faajjeessan fudhachuun fi kkf Firii dubbii keewwaaticha jalatti kaa’aman keessaa qabxiin tokko isaa argamuufi tokko ol’argamuun isaa haala sadarkaa yakkiichaa dabalaa deemuun kan hojjatamee ta’ee sadarkaan Sadii (3) qophaa’eera. Keewwata seeraa kanaaf sadarkaa baheen otoo sadarkaa gulantichaa hin baasiin dura tokkoon tokkoon dhimmicha dhiyaatee ilaalaluun M/Murtii daguun sun daguu beekkamaa ta’uu fi daguu hin beekamnee ta’uu isaa addaan baasuun irraa eegama. www.abyssinialaw.com Fakkeenya; Yakkamaan danbii ifa ta’e darbuun konkolaata fee’umsaa irratti gama guubbaatiin nama lama fe’uun osoo deemaa jiru waan garagaleef namoota kana waan ajjeesseef balleessaa jedhameera. Seera yakkaa keewwata 543(3) fi Danbii geejjiibaa Lakk279/1956 keewwata 46/1/ (Naannoo Oromiyaa Irra Deebiidhaan murteessuuf bahe Lakk -143 /2004 keewwata 96(2)) . Fakkeenya kana keessatti firii dubbii keewwaticha keessaa lama guutamani jiru. Isaaniis: Dambii ifa ta’e darbu fi Namoota lama ajjeessuu kan jedhani dha. Kanaafuu adabbii hidhaatiif sadarkaan yakkicha 2ffaa yommuu ta’u gulantaan isaa immoo 25 yommuu ta’uu, adabbii qarshiitiif garuu gulantaan isaa Gu-7 ta’a. Adabbii maallaqa gulantaa 7ffaa jalatti kaa’ame hanga qarshii kuma diigdama ta’u akka danda’u gabatee adabbii maalaqaarra kaa’ameera. Kanaaf Manni murtii adabamaa kana adabbii maallaqa hanga kuma diigdama adabu ni danda’a jechudha? Gaaffii Marii 1. Hiikaa SY keewwata 543(3) nama dirqama ogummaa yookiin kan biroo hin qabneef raawwatiinsa hin qabuu? 2. Namnii SY keewwata 543(1) jalatti nama lama yookiin sanaa ol ajjesee ballessaa yoo jedhamee haala kamiin adabbiin kennamaa? SY keewwata 60(C) tiin akka yakka daddabalamaattii himata lamaa ol himatamaarratti dhiyessuun ni danda’amaa? 3. SY keewwata 543(2) dirqama ogummaa yookiin kan biroo kan jedhuu dirqama ogummaan ala kan ta’ee dirqama biroo kan jedhuu akkamiin hiikamuu qabaa? Dirqama akamii yoo darbamee lubbuu fi fayyaa namaa irratti miidhaan dhaqabuu danda’aa? Dirqamnii kun dirqama seeraa yookiin kan waliigaltee ta’uu danda’aa? Ejjennoo keessan fakkeenyan deeggaratii ibsaa. 4. Ajjechaa daggannoo sadarkaan yeroo ba’uu innii du’e ballessichaaf gumaacha qabaachuu isaa akka qabxii tokkootii ilaalamee sadarkaan ba’uun sirrii dha. firiin dubbii gumaacha qabaachuu miidhaamaa keewwata 543 jala ni jiraa? Miidhaamaan gumaachaa yoo qabaatee himatamaan adabamuu qabaa? www.abyssinialaw.com 5. Dagannoo beekamaa (SY keewwata 59(a) fi daguu hin beekamnee SY 59(b) keessaa kamtuu balaafamummaa qaba (degree of guilt)? Maaliif? 3.1.4. Lammiilee Itoophiyaa Karaa Seeraan Alaattin Hojiif Biyya Alaatti Erguu (SY Keewwata- 598) Kooreen Qajeelfama Adabbii kana baase karaa seeraan alatiin lammiilee Itoophiyaa biyya alatti erguun qaamaa yakka namaan daldaluuti xumura jedhurra gaheera. Seera yakka keewwata 598(1) keessattii “Namni kamiyyuu otoo eeyyama hinqabaatin yookiin karaa biroo seeraan alaa kamiiniyyuu lammii Itiyoophiyaa hojiif gara biyya alaatti kan erge yoo ta’e;” kan jedhu keessaa “…karaa biroo seeraan alaa kamiiniyyuu…” kan jedhuu kana yoo ilaallee ifa waan hin taaneef, SY keewwata 598 sadarkaa fi gulantaa isaa baasuudhaaf protokolii plarmoo(Palermo Protocol) Nama dadabarsuu ilaalchiise biyyi Keenya Labsii lakkoofsa 737/2004 ALH mirkaneessite keessatti ulaagaa keewwata 3 jalatti ta’e bu’uurefachuun dha. 60 Protokolii kana Keewwata 3 jalatti gochaan namootaan daldaluu/dadabarsuu jiraachuuf gochi akka namoota foo’achuu, iddoodhaa iddootti geessuu,dhoksuu, daddabarsuu, kkf jiraachuu akka qabuu, akkasumas fedhiin miidhaamtootaa kan argamee sodaachisuun, human fayyadamuun, yookiin karaabiraan dirqisiisuun, haaxxummaan, butuun, gowwomsuun, aangoo qabuttii garmalee fayyadamuun yookaan saxilamummaa yookaan hayyama nama miidhaamaa irratti aangoo too’achuu qabuu argachuuf jecha kanfaltii yookaan faayidaa kennuun yookaan fudhachuun akka taeefi kaayyoon yakkiichi raawwatameef ammoo kaayyoo miidhaamaatti fayyadamuu (seeraan ala saamuu) akka ta’e tumameera. 61 Kanaafuu haala fedhiin miidhaamaa/miidhaamtuu itti argamuu karaa seera ala ta’ee kamiinuu kan jedhuu haala protokolii kana keessatti ta’een humnaan, gowwomsuun, sodaachisuun, faayidaa kennuun ykn fudhachuun kkf ta’uu danda’a jechuu dha. Walumaagalatti SY Keewwata-598f sadarkaan kan baheef ulaagaan Protokolii kana jalatti ta’ee bu’uurefachuun jechuun ni danda’ama. 62 Bu’uuruma kanaan faayidaa argamee, haala fedhiin miidhaamtu/ma itti argamee fi ulaagaa SY Keewwata-598(2) jalatti adabbi cimsuuf taa’an bu’uurefachuun SY Keewwata-598(1fi3)f sadarkaan 6, SY Keewwata-598(1-3) ammo sadarkaan 7 qopha’eera. Keewwata kanaaf Sadarkaan yommuu qopha’uu Keewwata-xiqqaa 3 60 Akkuma Lakk-35 Keewwata 14(5) Protocol to prevent, suppress & punish trafficking in persons, especially women and children, supplementing the UN convention against transnational organized crime; UN-2000 Art-3 62 Akkuma Lakk-61 61 www.abyssinialaw.com waliin walitti hidhamee kan qopha’ee yakkichii dhiirarrattis raawwatamuu akka danda’u waan tumameef iduma tokkotti kan tumamee ta’a jechuu dha. Qajeelfama adabbii Lakk-2/2006 keewwata-14(6) jalatti ibsa sadarkaan yakkootaaf kennameerratti baayyina miidhaamtootaa fi fayidaan/mallaqini argame sadarkaa adda addaa keessatti kan argaman yoota’uu sadarkaa isa adabbiin ka’umsaa isaa ol ka’aa ta’etuu fudhatama jechuun tumeera. Haata’u malee qajelfamni adabbii kun dursa yoo qopha’uu baayyina miidhaamtootaa akka ulaagaa tokkootii kan gargaarame yoo ta’uu adeemsa keessa ulaagaan bayy’ina miidhaamtootaa akka ulaagattii otoo hin taanee bu’uura SY Keewwata60(C) tiin yakka daddabalamaa kan taasisuu waan ta’eef, keewwatni kun qajeelfamicha keessaa akka bahuu murta’ee dagannoo kan hafee waan ta’eef hojjirra oolmaa kan qabu miti. Fakkeenyaaf; Addee Zalaqaan dubaree caaltuu jedhamtu (lammii Itoophiyaa kan taate) faayidaa tokko malee karaa seeraan alaatiin hojiif biyya alaatti erguu ishii fi sababa kanaan miidhamtuun qaamaa ishii irratti miidhaan qaqqabuun isa mirkanaa’eera haajennu (SY keewwata-598(1, 2)). Fakkeenya kennameera wanttoota Sadii adda bahaniiru: Fiirii dubbii kwt-598(1 fi 2), Faayidaan kan hin argamne ta’u, fi Miidhaan qaqqabu. Kun immoo sadarkaa 1ffaa gulantaa 22ffaa jalatti kan kufuu waan ta’eef sababootni adabbii cimsanii fi salphiisan yoo hin jiraanne manni murtii gulantaa kana jalatti adabbii ni murteessa. Sababootni adabbii cimsanii fi salphiisan yoo jiraatan adeemsii itti aanuu kan itti fufuu ta’a. 3.1.5. Yakkoota Bilisummaa Saalquunnamtiifi Qulqullummaa Irratti Raawwataaman (SY keewwata- 620-628) Yakkoota bilisummaa saalquunnamtii fi qulqullummaa irratti raawwataman ilaalchiise keessattuu yakkii raawwatame dirqisiisanii gudeeduu yoo ta’e hojii keessatti hanqinoonni mul’atan ni jiru. Isaanis shakkamaa tokko keewwata itti himatame jalatti balleessa qaba jedhani murteessuuf: • Baduu fi jiraachuu dubrummaa akka ulaagaa yakkiichaati fudhachuu, • yakka kana yakka miidhaa qaamaan salphaa waliin wal-jala fuudhachiisuun hojjachu, www.abyssinialaw.com • Ulaagaaleen jiraachuu yakkiichaaf barbaachisan guutanii otoo hin argamin yakkiichi jira jechuu fi kkf dha. Kanaafuu yakkoota kanaa ilaalchiise yakkamaa tokko haala kamiin balleessumaa isaa mirkanneessu akka qabnufi sadarkaa isaa akkamitti akka qopha’ee akka armaan gaditti kan ilaalu ta’a. A) Dirqisiisanii Gudeeduu (SY keewwata-620) Yakkoota Bilisummaa Saalquunnamtiifi Qulqullummaa Irratti Raawwataaman kanaan dura sadarkaan kan hin baaneef yoo ta’uu amma qajeelfama haaraa kanaan yakkoota keewwata 620-627 jiraniif tokkoon tokkon isaaniif sadarkaa fi gulantaan kan ba’ee yoo ta’uu SY keewwata 628 tumaa seerichaa irraa kan hubatamuuu keewwatoonnii 620-627 ttii jiran haala tumaa keewwata 628 jalatti jirun qabxiin adabbii cimsuu yoo argamee adabbicha cimsuuf kan oolu malee of danda’ee kan jiru akka hin taanee hubachuun keewwata 628 keewwatoota kanneeniin walitti hidhuun sadarkaan baheera. Yakkoota Bilisummaa Saalquunnamtiifi Qulqullummaa Irratti Raawwataaman ilaalchiise tumame keessaa yakkii dirqisiisanii gudeeduu isa tokko yoo ta’uu, sababbii seera yakkaa bara 1996 ALH bahe akka fooyya’ee ba’uu keessaa tokko adabbiin yakka dirqisiisanii gudeeduu xiqqaachuu isaa akka ta’e hubatameera. 63 Kanaafuu ammas yakkoota irra deddeebiin raawwatamaniifi murtii wal-fakkaatan itti hin kennamne keessaa tokko yakka kana yoo ta’uu, haala walfakkaatan akka hojjatamuuf yakka kanaaf sadarkaa fi gulantaan baheera. Seera yakkaa keewwata 620 yakkii dirqisiisanii gudeeduu jira jechuuf ulaagaan barbachisan keessaa: Yakkichii dhiiraan dubartii iratti kan raawwatamu ta’uu qaba, Gaa’elaan alatti ta’uu qaba, Humnaan ykn sodachisoo cimaadhaan ykn akka of-wallaltu gochuun ykn haala biraa kamiinuu akka of-irraa hin ittisnee gochuu, fi Walqunnamtiin saalaa raawwachuun jiraachuu qaba. Kanaafuu ulaagaan armaan oliis akkuma haala isaatti yoo guutaman yakkichii kan raawwatamu ta’us, ulaagaan tokko tokko ammoo akkuma haala isaatti haala adda addaan raawwatamuu danda’a. Fkn: Namnii humnaan dirqisiisee gudeeduu barbaadu tokko meeshaa 63 Akkuma Lakk-19 www.abyssinialaw.com waraanaa qabatee yookiin otoo meeshaa hin qabatiinis sodaachisuu ykn gocha humnaa raawwachuu danda’a. Kanafuu keewwata kanaaf sadarkaan yoo ba’uu meeshaan itti fayyadamamee ilaalcha keessa galchuun akka ta’e qajeelfamicha irraa ni hubatama. Kanaaf ulaagaa armaan olittii ibsameefi ulaagaalee SY keewwata 628 jala jiran (ulfa’uu miidhaamtuu, dhibee dadarboo walqunnamtii saalaan darban akka qabu/qabdu otoo beekuu/beektuu walqunnamticha gochuun dhibee qabsiisuu fi miidhaamaan/miidhaamtuun sababa gocha sanaan gadda guddaa ykn dhiphinaan ykn abdii kutuun kan of ajjestee/ ajjesse) walitti hidhuun keewwata 620(1) sadarkkaan 9 baheeraaf. Keewwata kana jalatti haala Yakkichii itti raawwatamu humnaan, sodaachisa cimaadhaan, akka of wallaaltu gochuu kkf haallan kana keessaa wal caalmaan akka jiru haala kamiin yoo raawwatamee miidhaamtuu balaa caaluuf saaxila kan jedhu wanti agarsiisu hin jiru. Keewwaticha jalas halli itti ta’e filannoon ta’uun isaa walcaalmaa akka hin qabnee ni agarsiisa. Kanafuu kan irratti hunda’uun sadarkaa kennuun waan hin danda’amneef, firiiwwan dubbii kana fi meeshaa balaafamoo ta’an fayyadamuu fi dhiisuu irratti hunda’uun sadarkaa 1-3 kan ba’eef yoo ta’uu sadarkaa 4-9 kan jiru ammoo keewwata 628n walfaana kan hojjatamee dha. Sadarkaan 1ffaan gulantaan adabbii 23 yoo ta’uu gulantaan kun ammoo ka’umsi adabbii isaa waggaa 6 yoo ta’uu hidhaa waggaa 6 hanga waggaa 7fi baatii 2 kan adabsiisuu dha. Kun ammoo akkuma armaan olitti ilaallee ka’umsii seera yakkaan ta’ee otoo jiru sadarkaan gad aanaan isaa kan Seeraan kaa’ame (waggaa 5) irra adda ta’uun isaa seericha fooyyessuu dha falmii jedhu kaasisuu danda’us, iddoo kanaatti wanti hubatamu qabu adabbii waggaa shan kun keewwaticha jalatti akka adabbii Gad-aanaatti kan kaa’ame waan ta’eef seerichaan dhorkame sana gadi bu’aani adabbii ka’umsaa qabaachuu dha malee waggaa shan irraa ol buutuun adabbii ka’umsaa qabachuun seerichaan hin dhorkamne. Dabalataan koree qajeelfama adabbii Lakk-2/2006 qopheesse rakkoowwan raawwii keessatti jiran hamaata ta’u isaanii qorannoodhaan waan addaan baaseef rakkoo kana furuuf itti yaadamee kan taasisfame ta’uun isaa hubatamuu qaba. Fkn himatamaan miidhaamtuu umuriin ishee 19 taate cuubeen sodaachisuun dirqisiisee gudeedee SY keewwata 620(1) jalatti ballessaa jedhame tokkoof sadarkaa yakkiichaa yoo baafnuu Sodaachisuun –firii dubbii 620(1) jalatti kaa’ame guutameera www.abyssinialaw.com Meeshaan fayyadamee ammoo cube –meeshaa qara qabu Kanaafuu sadarkaa 3ffaa gulantaa adabbii 25 irratti kan kufuu yoo ta’uu miidhaamtuun kan ulfoofte yoo ta’ee ammoo sadarkaa 5ffaa gulantaa adabbii 30 jalatti adabbiin ka’umsaa kan kennamu ta’a. SY keewwata- 620(2) ammoo SY keewwata 620(1) cimsuun kan tumamee yoo ta’uu ulaagaan yakkiichaa kanuma keewwata 620(1) jalatti tumamee ta’ee haala yakkiicha cimsuu danda’un kan tumamee dha. keewwata-xiqqaa 4 kan of jalaa qabu yoo ta’uu eenyummaa miidhaamtuu, umuriin miidhaamtuu waggaa 13 oliifi 18 gadi ta’uufi sababa dullumaan,dhibee qaamaa ykn sammuuf kkf ofirraa ittisuu kan hin dandeenyerratti ta’uun isaa (620(2)(a fi c), eenyummaa yakkamtichaa(nama miidhaa geessisee) gaggessaa, too’ataa ykn A/taayitaa ta’uu isaa 620(2)(b) fi haala raawwii yakkiichaa 620(2)(d) Yakkichii kan raawwatamee gara jabummaanykn dararuun ykn gamtaa dhiirota bayyinni isaanii 1 ol ta’een yoo raawwatamee waggaa 5-20 kan adabsiisu dha. Adabbii kana yoo ilaallee ka’umsii isaa kan keewwata 620 jala jiru waliin tokkuma ta’ee baaxii isaa qofatu olka’ee tumame. Kanaaf ka’umsi adabbiin keewwata 620(2) jalatti kennamu kan 620(1) jalatti kan kennamuu caalaa cimuu akka qabu tumaa seerichaa irraa ni hubatama. Kanamalees baayyinni sababoota adabbii cimsan kanaa akkuma dabalaa deemuun adabbiin kennamus dabaluu akka qabu ni hubatama. Keewwata 620(2)fi 628 tis waliin ilaaluun sadarkaan kan bahee dha. Kanaafuu sababoota adabbii cimsan 620(2) fi 628 jala jiran walittii hidhuun keewwata kanaaf sadarkaan 7 qopha’eera. Sadarkaan jalaqabaa gulantaa 27 yoo ta’uu gulantaan kun waggaa 8fi baatii 5 hanga waggaa 10 kan adabsiisu dha. Gulantaan ol’aanaan ammoo sadarkaa 7ffaa jala kan jiuu 36ffaa yoo ta’uu wagaa 18 hanga waggaa 21 fi baatii 8 kan adabsiisuudha. Firii dubbii Keewwata 620(2) jalatti tarreeffamaniin sadarkaan isa ol’aanaa sadarkaa 6ffaa yoo ta’uu ulaagaan adabbii cimsan 4ffanuu guutanii yoo argaman ta’ee gualntaa 35 jalatti kan adabsiisuu dha. Gulantaan 35ffaan ammoo hidhaa waggga 16fi baatii 6 hanga waggaa 19fi baatii 6 kan adabsiisuu ta’ee, baaxii keewwata 620(2) bira ga’uuf baatii 6 kan hafuu waan ta’eef yaada qajeelfamicha keewwata 4(5) jalatti baaxii adabbii bira kan gahamuu sababoota adabbii cimsan waliigalaa yoo argaman kan jedhu waliin guutumaan guutuutti ta’uu baatus kan waldhiitu dha. Fkn miidhaamtuu umuriin ishee wagaa 18 taate tokkoo sababa mana hinqabneef iddoo isheen bultuu ala (barandaa) mana namaa jalaa himatamtoonnii lama ta’anii halkan fuudhanii deemanii bosonatti geessanii dirqisiisanii waan gudeedaniif SY keewwata 32(1)(A)fi www.abyssinialaw.com 620(2)(d) jalatti ballessaa jedhamaniiru. Yakka kanaaf sadarkaan yoo ba’uuf gareedhaan dhiira 2 ta’uun waan dirqisiisanii gudeedaniif SY keewwata 620(2d) waan guutameef qofa isaa sadarkaa 4 gulantaa 32 jalatti kan kufu yoo ta’uu yakkiichi halkan raawwachuun isaa bu’uura SY keewwata 84(1)(c)fi qajelfamicha keewwata 21(4)tiin gulantaa tokko dabaluun sababbiin adabbii salphisu yoo hin jiraannee gulantaa 33 jalatti adabbii dhumaa kenna jechuu dha. SY keewwata 620(3)f adabbiin kaawwamee adabbii hidhaa cimaa umurii guutuu qofa waan ta’eef sadarkaan tokko qofan bahee gulantaan adabbii isaas 38 ffaa ta’a jechuu dha. Keewwata 620(4) yakka dirqisiisanii gudeeduu hundeessu yookaan kan cimsuu otoo hin tanee dhimmoonnii keewwata xiqqaa kana jalatti argaman guuttamanii wayita argaman yakka daddabalamaa ta’uu akka danda’an kan hubachiisu waan ta’eef bira darbameera. Gaaffii marii 1. Ka’umsaa adabbii keewwata 620(1)fi 620(2) dhaaf tumamee waggaa 5 akka ta’e keewwatoota kana irraa ni hubatama. Kanaafuu keewwata 620(2) sadarkaan inni jalqabaa fi 620(1) sadarkaan inni jalqabaa ka’umsii adabbii isaa walqixa ta’uu qabaa? Maaliif? Kanaafuu SY keessattii reenjiin adabbiiwwaniif kenname ilaaluun adabbiin isa xiqqaan adabbii ka’umsaatii jechuu ni dandeenyaa? 2. Dhibeen keewwata 620(4) keessattii caqasamee yoo jiraate yakka dadabalamaa akka ta’e ibsameera. Haata’u malee kan keewwata 628(b) jala jiru yeroo argamee yakkiicha cimsuuf kan tumameedha. Garaagarummaan dhibee kanaa maal isinitti fakkaata? B) Dhiira Tokko Dirqisiisanii Saalquunnamtii Akka Raawwatu Taasisuu (SYKeewwata 621fi keewwata 628) Yakkii kun yakka dirqiin raawwatamuu yoo ta’uu, walqunnamtii saalaa kana dirqisiisuun kan raawwatuu akka isa keewwata 620 dhiira otoo hin ta’iin dubartii dha. Kanaafuu seerrii yakkaa keenya dhiibbaa koornyaarraa bilisa (gender nuteral) dha jechuun ni danda’ama. Keewwata kana tumaa keewwata 626(2) fi 627(2) waliin yoo ilaallee umuriin miidhaamaa waggaa 18fi sanaa ol akka ta’e hubachuun ni danda’ama. Kanamalees adabbii kennamuu hidhaa cimaa waggaa 1-5 gahuu ni danda’a. Hidhaa kana yoo ilaalle reenjiin A/seeraaf kenname waggaa 5 ta’uun isaa hanga yakka dirqisiisanii gudeeduu ta’u baatuus garaagarummaa murtii sadarkaa adda addaattii bahan dhiphisuuf sadarkaa baasuuf www.abyssinialaw.com barbaachisaa akka ta’e hubatameera. Keewwata kana firii dubbii isaa yoo ilaalle “Dubartiin tokko dhiiraa tokko dirqisistee ishii waliin saalquunnamtii akka raawwatu kan taassiste yoo ta’e” jechuu malee ibsoota dabalataa kan biraa waan hin qabneef firii dubbii dirqisiistee jedhu kun haala keewwata 620 jalatti tumameen dirqisiisuu waan danda’amuf humnaan ykn sodaachisuun ykn akka ofwallalu taasisuun ykn haala biraa kamiinuu raawwachu ishee fi meeshaalee fayyadamte ilaalcha keessa galchuun keewwata 628 waliin walittii sadarkaan 7 baheera. Ulaagaan keewwata kana sadarkaa 1ffaa-3ffaa ittiin bahee kanuma keewwata 620(1) sadarkaa 1-3 baheef yoo ta’uu garaa garummaan isaa saala himatamaa fi miidhaamaa akka ta’e ni hubatama. Haala kanaan SY keewwata 620(1) waliin walfakkeessuun kan barbaachiseef koreen sadarkaa baasee keewwata 620fi 621 jidduu garaagarumaan jiru saalaa fi hanga adabbii walcaaliuu isaa malee lameenuu yakka dirqisiisanii gudeeduu akka ta’anitti waan fudhateef dha. Sadarkaaleen 5, 6 fi 7 ammoo dhimmoota yakkiicha cimsan keewwata 628 jalatti argaman keessaa miidhaamaa dhibee qabsiisuu fi sababa gocha irratti raawwatameen of ajjesuu isaa ilaalcha keessa galchuun haala adabbii cimaa deemuun kan tumamee dha. Keewwata kana jalatti namnii miidhaamee dhiira waan ta’eef dhiirri ammoo ulfa’uu waan hin dandeenyyef sababbiin adabbii cimsan keewwata 628 (a) irra jiru sadarkaa baasuuf kan oole miti. Sadarkaa 4ffaa isaa yoo ilaallee miidhaamaan dirqiin walqunnamtiin saalaa irratti raawwatame sun miidhaa sammuu yookaan qaamaa cimaa yoo irra dhaqabee kan adabsiisu ta’ee tumameera. Ulaagaan kun keewwata 621 jalatti tumamee kan hin jirree ta’us gochi akkasii miidhaa jedhamee hordofsiisuu akka danda’u waan amanameef fi akkasumas keewwata kun keewwata 620 waliin walfakkina qabu irraa kan ka’ee sadarka yakkiichaa baasuuf kan itti gargaaraman akka ta’ee ni hubatama. C) Kabaja Qulqulluummaa Irratti Gocha Humnaa Raawwatamu(SY Keewwata 622fi 628) Kabaja qulqullummaa irratti gochi humnaa raawwatuu walqunnamtii saalaa kan dabalatu miti. Walqunnamtii saalaa oso hin taanee gocha saalquunnamtii fakkaatu yookiin gocha akaakuu kamiyyuu kabaja qulqullummaaf (safuuf) faalla ta’e yoo raawwatamee kan adabsiisuu dha. www.abyssinialaw.com Tarii dhimmii falmisiisaa ta’uufi hiikaa barbaaduu gochoota kamtuu gocha saalqunnamtii fakkaata kan jedhuu fi gocha kabaja qulqullummaaf faallaa ta’anoo (indecent act) gochoota akkamii akka ta’an adda basuun Mana Murtiif hojii salphaa akka hin taanee beekamaa dha. Dhimma kana ilaalchiise barreffamoonnii hedduminaan barreefamani dhabamanillee walqunnamtiin saalaan ala ta’ee akka gocha saalquunnamtii fakkaatutti fudhachuun akka danda’amuu ni ibsu. 64 Kanamalees gochoonnii falla kabaja qulqullummaa ta’u kan danda’an ammoo, tuquu ykn dhungachuu ta’uu danda’a. 65 Tuquu yookaan dhungachuun kun callisamee otoo hin taanee haala faallaa kabaja qulqullummaa ta’een, gocha nama arsuu dand’aniifi saalfachiisoo ykn qaanii ta’an akka ta’es hubatamuu qaba. Kutaan gochaa isaa akkuma yakka dirqiin gudeeduu humnaan ykn sodaachisuun ykn karaa biraa kamiinuu yookaan tooftaa/ meeshaa kamiinuu raawwatamuu akka danda’u seerichi tumeera. Miidhaamtuu/miidhaamaa irraan miidhaa sammuu ykn qaamaa cimaa ta’ee geessisuu ni danda’a. Kanamalees yakkiichi dhiiraan dubartii irratti ykn dubartiin dhiirrarratti raawwatamuu danda’a. Kanafuu keewwata kunis “jender nuteral” dha jechuu dandeenya. Kanaafuu keewwata kanaaf sadarkaan kan bahee ulaagaa. Itti fayyadamaa humna ykn toofta, Itti fayyadamaa meeshaa ykn Miidhaa qaamaa ykn sammuu dhaqabefi Sababoota adabbii cimsuuf keewwata-628 jalatti kaa’aman bu’uureefachuun yommuu ta’u, sadarkaa 10 qophaa’eraaf. Fkn dhiirri tokko dubartii kan biroo meeshaa malee sodaachisuun dirqisiisee qaamaa saala isheetti quba isaa yoo galchee gochaan kun gochaa walqunnamtii saalaa fakkaatu waan ta’eef SY keewwata- 622 jalatti ballessaa yoo jedhame, sadarkaan isaa 1ffaa gulantaan adabbii isaa ammoo 7ffaa ta’a. Sababa gocha kan dirqisiise rawwateef midhamtuun otoo ofirraa ittisuuf jettuu qubni harka ishee yoo cabe ammoo sadarkaa 4ffaa gulantaa adabbii 23ffa ta’a jechu dha. Gaaffii marii 1. SY Keewwata-621 jalatti gochoonni tumaman haadha manaan abbaa manaa irratti yoo raawwatamee ni adabsiisaa? Maaliif keewwata-622 jalattoo gaa’elaan alattii kan raawwatamuumoo ga’ela keessattis yoo ta’ee ni adabsiisaa? Maaliif? 64 It may be reckoned that the law maker has in mind nne jenital copulation such as anal, oral, digital, mechanical etc may taken as acts corresponding to a sexual act. Jornal of Ethiopian law volume 25 No-2, September, 2012 page 210 65 Akkuma Lakk-64 www.abyssinialaw.com 2. SY keewwata- 622 sadarkaa 6ffaa ilaala. Gochoonni walqunnamtii saalaa fakkaatu ykn faallaa kabaja amala garii ta’ee ta’een ulfi umamuu ni danda’aa? Fakkeenyan deeggaraatii ibsa. D) Namoota Sammuu Isaanii Wallaalan Yookiin Sammuun Dadhaboo Ta’an ykn Mormuu Hin Dandeenye Irratti Kabaja Qulqulluummaa (Safuu) Sarbuun Miidhaa Raawwatamu (SYKeewwata 623 fi 628) Keewwata kana yoo ilaallee miidhaamtoonni as jalatti haammataman namoota sammuu isaanii wallalan ykn sammu dhaboo ta’an ykn maraatuu ta’an irratti kan raawwatamu waan ta’eef miidhaamtoonni kunis fedhii ofii kennuufs ta’ee diduuf dandeettii kan hin qabne waan ta’aniif gochichii humnaan raawwatamuun isaa akka ulaagaattii hin teenyee. Yakkichii dhiiraan yookaan dubartiin raawwatamuu ni danda’a. Adabbiin isaas hidhaa salphaa waggaa tokkootii kaasee hanga hidhaa cimaa waggaa 15 ga’uu waan danda’uuf A/seeraa aangoo ballaa kan kennee dha. Miidhaamtoonii kun namoota saxilbahoo (vulnerable groups) ta’an waan ta’eef haala kamiinuu nama isaan irratti gocha saalqunnamtii ykn saalqunnamtii fakkaatu ykn kabaja faallaa qulqullummaa ta’ee raawwachuun kan gaafachiisuu dha. Keewwata kanaaf sadarkaan yoo ba’uu wantoonni ilaalcha keessa galame; gochichii gocha saalqunnamtii fakkaatuu ykn faallaa kabaja qulqullummaa ta’uun isaa gocha saalqunnamtiirra salphata jedhamee waan amanameef gochoota kanarratti hunda’uun walcaalchisuun sadarkaan kan bahee yoo ta’uu, miidhaa cimaa qaamaa ykn sammuu gochichi hordofsiisus ilaaluun sadarkaan 1-4 kan bahee yoo ta’uu sadarkaa 5-10 ammoo keewwata 628 walitti hidhuun baheeraaf. Sadarkaa 1ffaan gocha saalqunnamtii fakkaatu ykn faallaa kabaja saalaa kan raawwatamee yoo ta’uu, sadarkaa 2ffaan ammoo saalqunnamtiin yoo raawwatame, sadarkaa 3ffaan gocha salqunnamtii fakkaatu ykn faallaa kabaja qulqullummaa ta’ee miidhaa qaamaa ykn sammuu yoo hordofsiise, sadarkaa 4ffaan ammoo gocha salqunnamtii ta’ee miidhaan qaamaa ykn sammuu cimaa ta’ee yoo dhaqabee kan ilaalatu dha. Sadarkaa kanarraa kan hubannu gochi saalqunnamtii gocha saalqunnamtiin walfakkaatu ykn faallaa kabaja qulqullummaarraa cimee kan ilaallamee ta’uusaa ni hubatama. Qaamni seera baasaan seericha yoo tumu Keewwata SY 620, 622, 626(3) fi 627(3) yoo ilaallees gochi saalqunnamtii gochoota salqunnamtii fakkaatani fi faallaa kabaja qulqullummaa ta’an caalaa cimaa akka ta’e hubachuun akka tume kan agarsiisuu dha www.abyssinialaw.com Sadarkaa 5ffaa-10ffaattii ammoo gochii salqunnamtii ykn saalqunnamtii fakkaatu ykn faallaa kabaja qulqullummaa ta’ee kan raawwatamee fi dhibeen dadarboo saalaa nama hin ajjesnee yoo darbee sadarkaa 5ffaa, miidhaamtuun yoo ulfoofte sadarkaa 6ffaa, dhibeen nama hin ajjesneefi ulfi yoo waliin argamee sadarkaa 7ffaa, dhibeen dadarboo kan nama ajjessuu yoo ta’ee sadarkaa 8ffaa dhibeen nama ajjessuufi ulfii yoo argamee ammoo sadarkaa 9ffaa, miidhaamaa yookiin miidhaamtuun sababa gocha irratti raawwatameen kan of ajjeese/tte ammoo sadarkaa 10ffaa ta’ee baheeraaf. E) Namoota Hospitaala Keessa Jiran, Hidhaman Yookiin To’annaa Jala Jiran Irratti Kabaja Qulqullummaa (Safuu) Sarbuun Miiddhaa Raawwatamu (SYKeewwata 624fi 628) Adabbiin seera yakkaa keewwata- 624 fi 623 jala jiran adabbii walqixa ta’ee dha. Kanamalees keewwata 624 jala miidhaamtoonni jiran bilisummaan qaamaa isaani kan daanga’ee waan ta’eef gochichi humnaan ta’uufi dhiisuun akka ulaagaattii kan fudhatame miti. Kanaaf fedhii isaanii ibsuu hin danda’an tilmaama jedhuu seerichaan akka fudhatamu taassifameera. Yakkiichi saala kamiinuu raawwatamuu kan danda’u waan ta’eef keewwanni kun walfakkiin keewwata 623 waliin qabu guddaa dha. Keewwata kanaafis sadarkaan qopha’ee 10 yoo ta’uu sadarkaan kun haaluma keewwata 623 garaagarummaa malee kan hojjatamee dha. Dhumarratti miidhaamtoonni keewwata 623 fi 624 jala jiran SY keewwata 626(4)fi 627(4) ilaaluun umuriin isaanii waggaa 18 ol kan ta’an akka ta’e dagatamuu hin qabu. F) Rakkoo Olaanaa Yookiin Maxxantummaa Dubartiin Tokko Qabdu Sababa Godhachuun Gocha Raawwatamu(SY Keewwata 625 fi 628) Keewwata kana jalatti haaluma keewwata 623-624 jiraniin miidhaamtoonni kun fedhii yoo kennaniis bilisaan waan hin taaneef, akkasumas fedhiin ala yakka raawwatamuuf itti gaafatamummaa yakkamaan kan hambisu miti. Miidhaamtoonni kun maxxantummaa kana qabaachuu kan danda’aniif rakkoo hawaasummaa ykn diinagdee qaban irraa kan ka’ee akka ta’e ni hubatama. Keewwata 623-624 irraa kan adda isa godhu miidhaamtuun dubartii ta’uu fi sababa fedhii guutuu kennuu dhorkee dha. Kan biraa immoo adabbiin isaa adabbii hidhaa salphaa yommuu ta’uu halli himanni itti dhiyaatus iyyannoo dhuunfaan akka ta’e hubatamuu qaba. Kanaafuu yakka kanaafiis gochichi walqunnamtii saalaa yoo ta’ee sadarkaa isaa dabaluun, gochichii saalqunnamtii kan fakkaatu ykn faallaa kabaja qulqullummaa yoo ta’e ammoo www.abyssinialaw.com sadarkaa Gad-aanaa/jalqabaa kennuun, akkasumas miidhaan cimaa qaamaa ykn sammuu dhaqabeefi sababoota adabbii cimsan keewwata 628 jala jiran wal-duraa duubaan fayyadamuun sadarkaan 10 qopha’eera. Keewwata 623-624 jiran waliin yakka wal-fakkatu waan ta’eef gulantaa adabbii sadarkaaleef kennameen ala garaagarummaa biraa kan qabu miti. Ulaagaa ibsaman irratti hunda’uun haaluma keewwata 623-624 jiran waliin haaluma walfakkatuun waan qopha’eef isa tokko hubannan kan hubachuun salphaa ta’a. Gaaffiilee marii 1. Seera yakkaa keewwata -621-625 jiran yoo ilaallame haala walfakkatuun sadarkaa 4ffaan miidhaan cimaan qaamaa ykn sammuu dhaqqabe bu’uureffachuun sadarkaan kan bahee dha. Ulaagaan kun keewwatoota caqafaman jalatti akka firii dubbiitti kan haammataman dha jettuu? 2. Tumaa keewwata 620(4), 626(5) fi 627(5) waliin ilaaluun miidhaan qaamaa ykn sammuu cimaan yakka tokko cimsuuf yookaan ammoo yakka dadabalamaa ta’a jedhee ifatti tumeera. Gochoonni akkanaa miidhaa sammuu fi qaamaa cimaa hordofsiisuu akka danda’an amanamaa ta’us haala keewwata armaan oliitti ibsamee kanaan ifatti yoo hin tumamne yakka daddabalamaa ta’uu hin danda’u? 3. Miidhaa qaamaa ykn sammuu salphaan seerota kana keessattii kan hin haammatamneef maaliif? Raawwii keewwata yakkoota saalqunnamtiif Miidhaan qaamaa salphaa ykn cimaadha jechuuf maal bu’uureffannaa? G) Ijoollee Umuriin Isaanii Waggaa Kudha Sadii Ta’eefi Waggaa Kudha Saddeet Hinguunne irratti Miidhaa Saalqunnamtii Raawwatamu (SYKeewwata- 626fi 628) Keewwatinni Seerrii yakkaa kun kan adabsiisu daa’ima/ijollee umuriin isaanii waggaa 13 guutee garuu ammoo waggaa 18 gadi ta’an irratti miidhaa saalqunnamtii ykn gocha miidhaa saalqunnamtiin walfakkaatan ykn faallaa kabaja qulqullummaa ykn gochoota akkanaa daa’ima kana fuulduratti yoo raawwatamee dha. Gochichii saala lameeniinuu kan raawwatamuu dha. Keewwata 626 (1-3) kan jiran gochoota yakka hundeessan dha. Keewwatinii 626(4) ammoo yakkoota keewwata 626(1-3) jiran yoo raawwataman cimsuuf kan tumamee yoo ta’uu keewwata-xiqqaa 3 kan qabuu dha. Kanaafuu yakkoonnii kun wayita raawwataman himanni A/Alangaa hallan adabbii cimsan kana waliin walitti hidhamee dhiyaachuu qaba. www.abyssinialaw.com Bu’uuruma kanaan gochoonni keewwata 626(1 fi 2) walqunnamtii saalaa ta’ee garaagarummaan qaban saala miidhaamaa fi adabbii keewwatoota kana jalatti aragmu dha. Keewwata-xiqqaa 1 dhiiraan dubartiirratti keewwata-xiqqaa 2 ammoo dubartiin dhiirrarattii kan raawwatamuu dha. Keewwata-xiqqaan 3 ammoo gochii raawwatamu gocha saalqunnamtii fakkaatu ykn faallaa kabaja qulqullummaa ykn ammoo daa’ima fuulduratti raawwachuu dha. gochoonni kun fedhii miidhaamaan raawwatamanis kan adabsiisan dha. Keewwata xiqqaa sadeeniifuu adabbii kaa’ame garaa garaa waan ta’eef wayita sababoota adabbii cimsan keewwata-xiqqaa 4 jala jiru argames haala walcaaluun kan adabamuu waan ta’eef haaluma kanaan, sababoota adabbii cimsan keewwata-xiqqaa 4 jala jiranii fi keewwata 628 jala jiran walitti hidhuun sadarkaan baheera. Firiin dubbii irratti xiyyeeffatamee umurii miidhaamaati. Kun ta’uu kan danda’eef guddinnii qaamaa fi sammuu namaa umurii wajjin kan walitti hidhate waan ta’eef dha. Haqa kana kan dhugoomsuu seera maatii Federaalaa kan fooyya’e keewwata 7 akkasumas seera maatii Oromiyaa keewwata 26(2) jalatti daa’ima umuriin waggaa 16 guute haala addatiin ulaagaa ibsamee yoo guutamee argamee gaa’ela raawwachuu akka danda’an tumameera. Kun kan agrsiisuu hanga umuriin dabalaa deemuu ciminii sammuus ta’ee qaamaa dabalaa waan deemuuf miidhaan namoota kana irra dhaqabuu kan daa’ima umuriin daangaa kana hin geenyee muudatu caalaa salphaa akka ta’e waan amanameef dha. Kanaafuu daa’ima umuriin 13 guutee garuu 16 hin guunne miidhaan dhaqabuu warreen 16 fi 18 jidduu jiran ni cimaa jedhamee waan amanameef sadarkaan yakkiichaa akka dabalamuu godhamee kan hojjatame dha. Kanumaan keewwata 626(1,) (4A) fi 628 sadarkaa 10, kan 626(2) (4B) fi 628 sadarkaa 7 akkasumas 626(3C),(4)fi (628) sadarkaa 8 kan baheef dha. Keewwata 626(2) (628) sadarkaa 7 keessattii “miidhaamaan gocha salqunnamtii fakkaatuun ykn faallaa kabaja qulqullummaa….” Jechii jedhuu firiin dubbii akkanaa keewwata kana jala waan hin jirreef “gocha saalqunnamtii” jedhuun bakka buusanii hubachuun barbaachisaa dha. Gochoonni akkanaa keewwata xiqqaa 3 jalatti kan haammatamanii dha. H) Daa’imman Irratti Miidhaa Saalquunnamtii Raawwatamu (SY Keewwata 627 fi 628) Gochi keewwata kana jalatti kaa’amee Seera yakkaa keewwata 626 waliin walfakkina kan qabuu yoo ta’uu, garaagarummaa guddaan umurii miidhaamaa waggaa 13 kan hin guunne ta’uu fi adabbiin tumamee isa keewwata 626 caalaa cimaa ta’uu isaati. Garaagarummaan www.abyssinialaw.com biroo ammoo midhaan qaamaa ykn sammuu cimaan ykn duunii yoo dhaqabee keewwata 626 akka yakka dadabalamaatii kan tumamee yoo ta’uu keewwata 627 jalatti garuu miidhaan kun yoo dhaqqabe adabbii hidhaa cimaa umurii guutuu adabsiisa. Kanarraan kan hafee haaluma keewwata 626 fakkatuun keewwata 627(1-3) yakka kan hundeessan yoo ta’uu keewwataxiqqaa 4 ammoo yakkii keewwata-xiqqaa 1-3 tumaman yoo raawwataman sababoota adabbii cimsan ta’uun tumameera. Keewwata- xiqqaan 5 ammoo of-danda’ee adabbiin hidhaa umurii guutuu tumameera. Keewwata kanaaf sadarkaa baasuuf ulaagaan fayyadamamee umuriin miidhaamaa waggaa 9 guutuu fi guutuu dhabu isaati. SY keewwata 52-53 yoo ilaalle itti gaafatamummaan yakkaa kan dhufuu daa’ima umuriin isaanii waggaa 9 guutuu fi guutuu dhabuu akka ulaagaattii kan kaa’e ta’uu isaa ni hubatama. Kun kan agarsiisuu daa’imnii umuriin waggaa 9 hin guunnee qaamaanis ta’ee sammuun dadhaboo kan ta’aniifi waan raawwataniifi bu’aa hordofsiisu akka hin beekne waan tilmaamamuuf dha. Kanaaf daa’ima kana irra miidhaan gahuu warreen umuriin waggaa 9 guutan caalaa miidhaan akka dhaqabu tilmaamni fudhatameera. Kanaafuu ulaagaa kanarratti bu’uureffachuun keewwata 627(1)fi keewwata-xiqqaa 4(A) sadarkaan 4, keewwata 627(2)fi (4B)fi 628 sadarkaa 7, keewwata 627(3)(4C)fi 628 sadarkaa 10, keewwata 627(5) adabbiin isaa tokko qofa waan ta’eef sadarkaan tokko baheeraaf. Keewwata 627(1) haala sadarkaan baheef yoo ilaalle keewwata 628 waliin walitti hidhamee kan hojjatamee miti. Sababbiin isaa SY keewwata 628 tumaa isaa yoo ilaalle; “Miidhaa dirqisiisanii guddeeduu yookiin saalquunnamtii kan ilaallatu yakkii biroo kamiyyuu yommuu raawwatamu (keewwata 620-627), tumaan rogummaa qabu adabbii ol’aanaa yoo kaa’e malee hidhaa cimaa waggaa shanii hanga waggaa digdamii shanii gahuun kan adabsiisu”. Gaalee adabbii ol’aanaa yoo kaa’e malee jedhuu kun raawwatiinsa keewwata kanaa tuumaaleen sun adabbii xiqqaa ta’ee qabaachuun akka irraa eegamu kan ibsan ta’uu hubatamuu qaba. Adabbiin keewwata 627(1) jala jiru ammoo isa keewwata 628 jala jiru caalaa cimee ka’umsaa adabbii isaallee waggaa 15 waan eegaluuf keewwatichi raawwatiinsa hin qabu. Gaaffii Marii 1. Seera yakkaa keewwata 620(1), 620(2), 628 yoo ilaalaman Reenjiin adabbii kaawwamee jiruu waggaa 5 irraa kan eegalu yoo ta’uu baaxiin isaa garuu waggaa 5,20fi 25 walduraaduubaan ta’a. Kanaafuu reenjii inni gadi-aanaan (hidhaacimaa www.abyssinialaw.com waggaa 5) waan wal-qixa ta’eef adabbiin ka’umsaa (ideal punishment) kewwatoota kana jalatti namoota ballessaa jedhmaniif qabannu walqixa ta’uu ni danda’aa? Maaliif? Walqixa hinta’uu kan jettan yoo ta’e adabbiin ka’umsaa seera yakkaa kessatti ta’eera moo hin teenyee kan jedhuuf kallattii ni agarsiisaa? 2. Seera yakkaa kwt-621-625 jiran yoo ilaallame haala walfakkatuun sadarkaa 4ffaan miidhaan cimaan qaamaa ykn sammuu dhaqqabe bu’uureffachuun sadarkaan kan bahee dha.Ulaagaan kun keewwatoota caqafaman jalattii akka firii dubbiitti kan haammataman dha jettuu? 3. Tumaalee keewwatoota 620(4), 626(5)fi 627(5) waliin ilaaluun miidhaan qaamaa ykn sammuu cimaan yakka tokko cimsuuf ykn ammo yakka daddabalamaa jedhe ifatti tumeera. Gochoonni akkanaa miidhaa sammuu fi qaamaa cimaa hordofsiisuu akka danda’an amanamaa ta’u shaala keewwata armaan oliitti ibsamee kanaan ifatti yoo hin tumamne yakka daddabalamaa ta’uu ni danda’u? 4. Miidhaa qaamaa ykn sammuu salphaan seerota (keewwatoota seeraa) armaan oliitti caqafaman kana keessattii kan hin haammatamneef maaliif? Raawwii yakoota saalqunnamtiif miidhaan qaamaa salphaa ykn cimaa dha jechuuf maal bu’uureffannaa? 5. Obboo Agidaw dubartii umuriin ishee waggaa 27 taatee fi dhibee sammuun maraattee daandiiirra deemaa bultu halkan sa’aatii 6:00tti dirqisiisee gudeede. Obboo Agidaw kana duradhibee “HIV”qabamee akka jiruu of beekkaa ture. Dhibeen kunis miidhamtuutti darbuun isaa fi miidhamtuun sababa kanaan ulfaa’u ishee ragaa mana yaalaan mirkana’eera. Mana Murtiitti himatamee SY keewwata 623fi 628(Afi B) jalatti ballessaa ta’eera. Qajeelfama adabbii irratti hunda’uun sadarkaa fi gulantaa baasuun adabbii kennaa. 3.2 Murteessa adabbii Yakkoota Sadarkaan Hin Baaneef Qajeelfama adabbii Lakk- 2/2006 yeroo qophaa’uu akkuma qajeelfama adabbii Lakk-1/2002 yakkoota hundaaf sadarkaa kan hin qophofneef waan ta’eef gara Fuuladuratti yakkoota hafaniif sadarkaan qophaa’eef hanga hojiirra olutti akkataa adabbiin yakkoota kana itti shallagamu waliigalaa ta’e kaa’uun barbaachiisa waan ta’eef akka armaan gaditti akka hojjatamu kallatiin kaa’amera. www.abyssinialaw.com 3.2.1 Yakkoota Adabbii Hidhaatiin Adabsiisan Yakkamaan tokko yakkoota sadarkaan hin baaneen himatamee balleessummaan isaa yoo mirkanaa’ee, Abbaan Seeraa kan armaan gadii ni raawwata. Kunis yakkamaan keewwata seeraa adabbii hidhaatiin adabsiisan jalatti balleessaa qaba yoo jedhame fi keewwaani kun filannoo adabbii hidhaa salphaafi cimaa yoo qabate, jalqaba lamaan keessaa tokko ni filataa. Haala wal-fakaatuun gochi yakkamaan balleessaa itti jedhame adabbii hidhaa salphaa ykn qarshiitiin kan nama adabsiisuu yoo ta’e, jalqaba lamaan keessaa tokko ni filata. Asi irratti dhimma irratti xiyeefatamu qabu, Manni murtii gotoota adabbii kutaa addaa seerichaa keessatti filannoodhaan kaa’aman kana keessaa adabbii isa tokko yommuu filatu adabbii sana maaliif akka filachuu danda’ee kaayyoo adabbii wajjin sirriitti ilaaluu qaba. Manni murtii gotoota adabbii seerichaan kaa’aman keessaa adabbiin inni filatee sirrii akka ta’e, sababa fi haalli murtii sana itti filachuu danda’e kaayyoo adabbii isa kam kam irratti xiyyeeffate akka ta’e ifan yoo hin keenye adabbiin kenname akka seera baastuun yaadetti hojii irra olaa jira jedhanii dubbachuuf kan rakkisuu ta’a. Kana booda adabbiin manni murtii filatee adabbii hidhaa yoo ta’e, adabbii seera yakkiichaarra ta’ee jalqabaa hanga baaxii isaa bakka wal-qixa afuritti ni qooda. Itti-aansuun firii dubbii tumaa seeraa yakkiichaa, haala raawwii yakkiichaafi ulfinaa isaa irratti hundaa’uun sadarkaan yakkiicha gad aanaa, Gidduu-galeessaa ykn ol’aanaa jechuun addaan ni qooda, kanaafis sababa isaa haala ifa ta’een kaa’u qaba. Manni murtii sadarkaa yakkiichaa haala kanaan murteessuudhaaf dhimmoota armaan olitti bifa yaada keessaa galcheen haala dhimmicha irratti hundaa’uun: Haala raawwii yakkiichaa, Akaakkufi hamma miidhaa dhaqabe, Faayidaa argame, Yakkiichi durfamee itti yaadame raawwatamufi dhabu isaa, fi Yakkiichi dagannoon gocha raawwatame yoo ta’e dagannoon kun Otoo beekuu hin qaqqabu tilmaama jedhuun yookiin madaaluu dhiisuun Tilmaamuu dadhabuun yookiin yaaduu dhiisuun ta’uisaa itti fi k.k.f gargaaramu ni danda’a. Haata’umalee, sababoota waliigalaa adabbii cimsufi salphiisuuf akka olan kutaa waliigalaa seerichaa keessatti kan kaa’aman sadarkaa yakkiichaa addaan baasuuf hin tajaajilan. www.abyssinialaw.com Kanabooda, sadarkaa yakkiichaa gad aanaa isa ta’eef sadarkaa 1ffaa keessatti, Gidduugaleessa isa ta’eef sadarkaa 2ffaa keessatti, ol’aanaa isa ta’eef sadarkaa 3 keessatti adabbii ni murteessa.Manni Murtii sadarkaan yakkiichaa baay’ee ol’aanaadha jadhe yoo itti amane sadarkaa 4ffaa jalatti adabbii murteessu ni danda’a. Kanatti aansuun, adabbii murteesse gabatee maxxantu 1 jalaa gulantaa kam jalatti akka kufu ilaalee adabbii ni murteessa. Sababootni adabbii cimsanii fi salphisan yoo hin jiraanne kun hin barbaachisu. FKN: Himatamaan qabeenyaa adda addaa tilmaamni isaa kuma kudhan (10,000) ta’e akka gurguratu kan imaanaan itti kenname faayida dhunfa isaatiif waan olcheef yakka imaanaa hir’isuutiin balleessa jedhameera (keewwata- 675(1)). Sababa gocha yakka raawwatameen maatiin miidhaamaan waan itti jiraatan dhabuun rakkoo kan isaan quname akka ta’e manni murtii hubateera. Gochi yakkamaan balleessaa itti jedhame hidhaa salphaan ykn hidhaa cimaa waggaa shan hin caalleen kan nama adabsiisu waan ta’eef jalqaba manni murtii adabbii lamaan keessaa isa tokko ni filata. Hidhaa salphaan nama yakka ciminni isaa giddu-galeessaa ta’e raawwatee fi balleessichis hawaasichaaf baay’ee balaafamaa fakkaatee yeroo hin mul’annetti adabbii bilisummaa dhabsiisuuf murtaa’uu yommuu ta’u, adabbiin hidhaa cimaa kan murtaa’u immoo kanneen yakka cimaa raawwataniifi keessumattuu yakkamtoota hawaasichaaf balaafamoo ta’an irratti akka ta’e seerichaan tumameera. 66 Dhimma nuuf dhiyaateerra manni murtii haaloota kana yaada keessa galchuun adabbii hidhaa salpha filate haa jennu; kana booda garaagarummaa adabbii ol’aanaafi ka’umsaa gidduutti jiru iddoo afurtti qixeetti ni qoda. Kunis baatii sagal waan ta’uuf, reenjii sadarkoota gidduu jiru baatii sagal ni ta’a jechudha. Manni murtii sababa yakkiichaatiin miidhaa dhaqabe (maatiin miidhaamaa rakkachu isaani), faayidaa argame (qarshii 10000) ta’u fi yakkamaan gochiichaa dursee qopha’ee kan raawwatee ta’u isaa yaada keessa galchuun sadarkaan isaa ol’aanaadha jedhe haa jennu.Bu’uura kanaan Sadarkaan 1ffaa (Gad-aanaa) Guyyaa 10 hanga Baatii 9 Sadarkaan 2ffaa (giddu-galeessaa) Baatii 9- Waggaa tokkofi Baatii 6 Sadarkaan 3ffaa (ol’aanaan) immoo Waggaa tokko Baatii 6 hanga Waggaa lamafi Baatii 3 ta’a. 66 SY RDFI Keewwata-106 fi 108 www.abyssinialaw.com Manni murtii sadarkaan yakkiichaa ol’aanaadha jedhe waan murteesseef reenjii adabbii Waggaa tokko Baatii 6 hanga Waggaa lamafi Baatii 3 giddutti ni murteessa jechudha. Sababooni adabbii cimsanii fisalphiisan yoo hin jiraanen adeemsa armaan olitti eeraman hordoofu otoo hin barbaachiisne reenjii kaa’ame gidduu adabbiin murta’ee kan xumuramu ta’a 3.2.2 Yakkoota Adabbii Maallaqaatiin Adabsiisan Kutaa addaa seerichaa keessatti adabbiin qarshii kopha isa, adabbii hidhaa waliin filannoon ykn bu’uuraa sy keewwata-92(2) tiin adabbbii qarshii murteessu yoo barbaachiisee Sadarkaa ol’aanaan hanga baaxii adabbii tumaa keessatti tumameetti, Sadarkaa Giddugaleessi baaxii-1/3(baaxii) hanga gahutti, Sadarkaa gad aanaan hanga baaxii-2/3(baaxii) gahutti ni adabsiisa. Kutaa addaa seerichaa keessatti adabbiin kun ka’umsi isaa kutaa waliigalaa seerichaa keessatti kaa’ame irraa haala addaatiin kan kaa’ame yoo ta’e, ka’umsa kana irraa gadi bu’uu hin danda’amu. 3.3. Itti fayadamaa Sababoota Adabbii Cimsanii fi Salphiisan A) Sababoota Waliigalaa Adabbii Cimsan Raawwii qajeelfamiichaatiif sababoota waliigalaa SY keewwata-84(1(A-E)) jalatti argaman tokkoon tokkoon isaani akka sababa adabbii cimsuu tokkoti fudhatamani walumaagalatti sababootni kun akka sababoota adabbii cimsan shanitti fudhatamani jiru. Haata’umalee keewwata-xiqqaa tokko jalatti sababootni adabbii cimsan daddabalamani kan argaman yoo ta’e, manni murtiichii sababa isa barreeffamaan ibsuun adabbiicha akkuma barbaachiisummaa isatti cimsu ni danda’a. 67 Manni murtii tokkoon tokkoon sababoota adabbii cimsaniif gulantaa adabbii ka’umsaa bu’eera gulantaa tokko ol dabaluun ni murteessa. Kanaafuu, baayy’ina sababoota adabbii cimsuuf argamaniin gulantichi kan ol’dabalu ta’a. Asirratti wanta beekamu qabu keewwata-84 jalatti sababootni kopha isaani fi daddabalamani argaman kun lakkoofsaadhaan hamamiyyuu yoo baayy’atan, manni murtichii sababoota shan caalaa fudhate adabbii cimsuu akka hin qabne tumameera. 67 Akkuma Lakk-35 Keewwata 21(1) www.abyssinialaw.com Sababoota keewwata- xiqqaa jalatti kaa’aman kana hundaa isaaniif qabxiin kan kennamu yoo ta’e rakkoo boqonnaa tokkoffaa keessatti caqafaman hordoofsiisu waan danda’uuf qabxiin sababoota waliigalaa adabbii cimsan shan ol akka hin taanne qajeelfamichaan daangeefamuun isa kan deegaramu dha. Kanamalees, Manni murtii sababoota adabbii cimsaniin fayyadamee adabbii yeroo cimsu tumaa rogummaa qabu kutaa addaa seera kanaan ykn seeroota birootiin tumameen fiixee adabbii murta’ee otoo hin darbiin adabbicha murteessu SY keewwata-183 jalatti waan kaa’amef, sababoota kana garmalee akka baayy’atan taasiisuun hiikaa kan hin qabne akka ta’e hubachu ni danda’ama. Sababoota keewwata xixiqqa “A, B, C, D, E” jalatti tarreefaman keessa sababni tokko qofa yoo argamelee, akka sababa adabbii cimsu tokko argameeti fudhachuun adabbiin akka cimu ni taasifama. B) Sababoota Addaa Adabbii Cimsan Seera yakka Itoophiyaa keessatti sababoota addaa adabbii cimsan lama akka ta’an ni beekama. Isaanis: Yakkoota daddabalamaafi irra deddeebii raawwatamani yoo argamani dha. Yakkoonni daddabalamaafi irra deddeebii yommuu mudatan adabbichi kan cimuu bu’uura seera kana keewwata 184 hanga 188 jalatti tumameen ta’a. 68 Adabbii Yakkoota Daddabalamaa Murteessu Akkataa adabbii yakkoota daddabalamaa itti murtaa’u ilaaluun keenya dura yakkoota daddabalamoo jechuun maal akka ta’e haala gabaaba ta’een haa ilaallu: Namni kamiyyuu yakkoota daddabalamaa raawwateera kan jedhamu: A.Yakkoota qabatamoo akaakuu tokko yookiin adda addaa lama yookiin lama kan caalan kamiyyuu walitti aansuun kan raawwate yoo ta’e; yookiin B.Gocha tokkoon yeroo tokkotti tuumaalee seeraa lama yookiin lamaa ol ta’an darbuun yookiin gocha tokkoon yakkoota bu’aa qabatamaa addaddaa hordofsiisan raawwachuun yakkoota dachaa kan raawwate yoo ta’e; yookiin C.Yaada yakka tokko raawwachuun yookiin dagannoon yakkii inni raawwate tumaa seeraa tokko kan darbu ta’ee mirga yookiin faayidaa namoota lakkoofsi isaanii lamaa ol ta’erratti miidhaa akaakuu tokko qabu kan hordofsiise yoo ta’edha. 69 Yaadooni keewwatoota kana jalatti kaa’aman ifa yoo ta’anilee oggeessoni seera yaadoota kana haala barbaadameen hojii 68 69 SY RDFI keewwata-85 fi Qajeelfama adabbii 2/2006 keewwata-22 SY RDFI Keewwata 60 www.abyssinialaw.com irraa akka hin olee akka sababaati wanti isaan dhiyeessan SY keewwata- 61 fi 62 waan ta’aniif, keewwatoota kana haala gabaaba ta’een ibsa isaan irratti kennuun rakkoo yaada keewwata-60 wal-qabate ka’uuf furmaata ta’a yaada jedhu qabana. Keewwatni xiqqaa tokko keewwata 61 jalatti yaada ibsame yoo ilaale, Mirgi seeraan eegame tokko ta’e irratti yakkii walitti makkamee tokko ykn tokko ol yoo raawwatame dha (imperfect concurrence offence). Fkn: himatamaan tokko yaada nama ajjeessuutiin nama “x” jedhame beekamu irratti miidhaa qaamaa cimaa yoo gesiisee fi midhamaan miidhaan kun isarraa gahee guyyoota muraasa booda yoo du’e, himatamaan kun kan gaafatamu qabu gocha ajjeechaatiif malee miidhaa qaamaa inni raawwateef kophaati, du’aadhaaf immoo qophaati ta’u akka hin qabne kan agarsiisu dha. Sababni isaas du’aan akka dhaqabu miidhaan jiraachuun isaa akka kutaa yakkiichaati kan ilaalamu waan ta’eefidha.Haala wal-fakkaatuun dubartii dirqsiifamte gudeedamte miidhaa qaamaa ishe irraa gaheef qophaati, gudeediif immoo qophaati himanna qopheessuu hin danda’amu. Qabxiin inni lamaffaan yakkamaan yakkaa daddabalamaatiin kan hin gaafatamne yakkamaan yaada yakka tokko raawwachuuf yookiin dagannoon mirga seeraan eegame tokko irratti irra deddeebi’amanii yookiin walitti aananii gochoonni yakka yoo raawwate dha. Kana jechuun yakkii raawwatamaa jiru irra deddeebiin ykn walitti aanuun kan raawwatame yoo ta’eilee yaadni yakkamaan gocha sana raawwachuuf qabu xumuraa waan hin arganeef yakka daddabalamaatiin hin gaafatamu. Fkn: Obbo “C” itti yaade qabeenyaa nama haatuuf halakan tokko guutuu mana obboo Girmaati deddeebi’e xaafii kuntaala kudhan yoo haate himanaa tokkotiin qofa kan gaafatamu ta’a malee yakka daddabalamaatiin hin gaafatamu. Qabxiin inni sadaffaan raawwatichi yakka murta’e raawwachuuf yaada qaba jedhamee kan tilmaamamu yoo ta’e dha. Akka tumaa keewwata kanaattis maallaqa sobaa hojjechuun akka yakka bu’uuraatti kan fudhatamu dha. Maallaqa sobaa kana naannessuun ykn itti fayyadamuun garuu yakka isa bu’uuraa galmaan gahuuf yakka itti aanee dhufu akka ta’e fi yommuu akkas ta’u immoo adabbiin yakka inni bu’uuraa adabsiisu adabbii gochoota itti aansuun dhufanii akka haguugu seerichi ni ibsa. Seerichi maallaqa sobaa hojjechuu qofa otoo hin taane sanada sobaa qopheessuu fi faayidaa hin malle argachuuf yakka qabeenyaa irratti raawwatamu illee akka ilaallatu ifan adda baasee kaa’eera. Haata’umalee, gochooni armaan olitti eeraman yaadaa haaraawaan ykn dagannoon yakka biraa irra deebi’uun yoo raawwataman, yakkiicha kan raawwate nama duraan miidhee ture yookiin mirga seeraan www.abyssinialaw.com eegame sana irratti ta’uyyuu yakkii kun akka yakka haaraati fudhatame adabbiin bu’uura seera yakka keewwata-184tiin kan shallagamu ta’a. 70 Yakkoonni Qabatamoo Yommuu Daddabalamaa Ta’an Akkataa Adabbii Itti Cimuu Yakkoonni daddabalamaa lama yookiin isaa ol ta’aniifi (Goch-lamee ykn isaa ol) adabbiilee bilisummaa dhabsiisan hordofsiisan yoo mudatan, bu’uura qajeelfama kanaatiin tokkoon tokkoon yakkoota daddabalamaa raawwatamaniif adabbiin ka’umsaa ta’e murta’ee hundumtuu ida’ame guulantaan irratti kufuu addaan ni baha. Adabbiichi guulanta lamaafi sana ol irratti kan kufuu yoo ta’e, Manni Murtiicha guulanta isa xiqqaa filachuu qaba. Kanabooda, sababoota waliigalaa adabbii cimsan yoo jiraatan, sababoota kanaan fayyadame akaakuu adabbichaaf kutaa waliigalaa seerichaan adabbii olaanaa tumame otoo hin caaliin (jechuunis kan hidhaa cimaa waggaa 25, kan hidhaa salphaa waggaa 5, kan qarshii seeronni biroo adabbii caalu yoo tuman malee adabbiin maallaqaa baaxii kutaa waliigalaa (keewwata 90(1)) jalatti ta’e (nama dhuunfaaf qarshii 10,000 (kuma kudhan) dhaabbataaf immoo 500,000(kuma dhibba shan)) adabbii ni murteessa. 71 Yakkoonni hidhaa cimaafi hidhaa salphaatiin adabsiisan daddabalamaa ta’anii yoo argaman raawwii keewwata kanaatiif adabbiin hidhaa salphaa waggaa lamaa akka hidhaa cimaa waggaa tokkootti ni lakkaawama. Fakkeenya 1ffaa, ‘A’ n Yakka ajjeechaa fi dirqisiisani gudeedutiin keewwatoota seera yakka 540 fi 620(1) jalatti himatame yoo balleessaa ta’e, Manni murtii jalqaba tokkoon tokkoon yakkoota kanaaf adabbiin ka’umsaa ta’e murtaassee lachuu ida’e guulantaan irratti kufuu addaan ni baasaa. Kanabooda, sababoota waliigalaa adabbii cimsan yoo jiraatan, sababoota kanaan fayyadame adabbii hidhaa cimaa waggaa 25 otoo hin caalchisiin murteessuu ni danda’a. Fakkeenya 2ffaa; Dhimmi kun himataa Abbaa Alangaa fi himatamaa Geetachoo Forsiidoo gidduu ture dha. Abbaan Alangaa Magaalaa Adaamaa himanaa gaafa 21/09/2004 barreeffamee dhiyeesseen himatamaa kana SY keewwata 390(1) fi 385(1A) biraa darbuun himatame, himatamaan gocha itti himatamee kana guutuumaan guutuutti waan amaneef dhaddacha gaafa 21/09/2004 oleen Lakk- galmee 60732 ta’e irratti keewwatoota himatamaan itti himatamee lachuu jalatti murtii balleessummaa kenneera. Dhimma kana irratti bu’uura qajeelfama adabbii Lakk-2/2006tiin adabbii murteessuuf adeemsa armaan gaditti rarreeffaman irratti hundaa’u barbaachiisa dha. Kunis; Jalqabaa 70 71 SY RDFI Keewwata 62 SY RDFI Keewwata 184(1B) fi Qajeelfama Adabbii Itoophiyaa Keewwata 22(1A) www.abyssinialaw.com keewwatooni yakkamaan balleessaa itti jedhaman sadarkaan isaaniif kan hin baaneef waan ta’eef sadarkaa isaani ni baasaa. SY keewwatni 385(1A) adabbii qarshii fi hidhaa salphaa filannoon waan qabuuf manni murtii haala qabatamaa dhimmicha ilaaluun adabbii hidhaa salphaa filateera haa jennuu. Kana booda adabbii keewwaticharraa ta’ee jalqabaa hanga baaxii isaa bakka wal-qixa afuritti ni qooda. Itti-aansuun firii dubbii tumaa seeraa yakkiichaa, haala raawwii yakkiichaafi ulfinaa isaa irratti hundaa’uun sadarkaan yakkoota kana Gadaanaa dha jedhe qabate yoo jennee, yakkoonni kun daddabalammoo waan ta’aniif sadarkaa kana jalatti tokkoon tokkoon yakkootaaf adabbii kaa’umsaa ni qabataa. Tokkoon tokkoon yakkoota kanaaf adabbiin ka’umsaa ta’e murtaassee kana ida’e guulantaan irratti kufuu addaan ni baasaa. kana booda sababoota waliigala adabbii cimsan yoo jiraatan guulanta adabbiin ida’ame itti kufeerraa kaasuun kan cimsuu ykn kan salphiisuu ta’a. Garuu SY keewwata 385(1) adabbii hidhaa salphaatiin, keewwatni 390(1) immoo hidhaa cimaatiin kan adabsuus waan ta’aniif adabbii ka’umsaa yommuu murteessinu yaadarimee keewwata 184(1B) jalatti kaa’ame “Yakkoonni hidhaa cimaafi hidhaa salphaatiin adabsiisan dachaa ta’anii yoo argaman raawwii keewwata kanaatiif adabbiin hidhaa salphaa waggaa lamaa akka hidhaa cimaa waggaa tokkootti ni lakkaawama” tilmaama keessaa galu qaba. Yakkoota daddabalamaa goch-tokko, goch-lameefi sana ol ta’an ilaalchiise yaadni qajeelfamichaa irratti kaa’ame adabbii qarshii ilaalchiise adabbiin murtaa’u sababoota waliigalaa waan argamaniif kan hin cimne ta’usaarra kan hafee SY keewwata-184(1(B, C, D) kan ilaalatu dha. SY keewwata-184(1(A, E) ilaalchiise wanti seerichaa irratti kaa’ame ifa yoo ta’elee qabatamaan Manneen Murtii murtessaa adabbii isaani wajjiin wal-qabte rakkoon kan mul’atu waan ta’eef barreeffamaa kana keessatti ilaalamuun isaani barbaachiisa dha. SY keewwata-184(1A) yakkoota daddabalamaa goch-lamee bilisummaa yookiin lubbuu dhabsiisuun adabsiisan keessaa sababa isa tokkootiin du’a yookiin hidhaa umurii guutuu yookiin yakkoonni kun adabbii hidhaa akaakuu wal fakkaata kan adabsiisan ta’ee, sababa isa tokkoon adabbii olaanaan kutaa waliigalaa seerichaa keessatti tumame /Keewwata 106 fi 108/ yoo murtaa’u, murtiin kun adabbii yakkoota daddabalamaa biroo ilaalchiise murtaa’u hunda walitti hammatee ni qabata. Kanaafuu, manni murtii sababa yakka tokkotiin adabbii ol’aanaa filate kan murtessuu yoo ta’e, adabbiileen hafan adabbii murta’e kana jalatti kan hamataman / Assimilate/ waan ta’aniif yakkoota birootiif adabbii murteessu otoo hin isaa hin barbaachiisiin ni dhisaa. www.abyssinialaw.com Kanamalees, manni murtichaa sababa yakkoota daddabalamaa ta’an keessaa tokkoon qabeenyi adabamtichaa akka dhaalamu kan murteesse yoo ta’e, sababa yakka birootiin adabbii maallaqaa dabalataan murteessuu hin danda’u. 72 Yakkoonni hariiroo qaban yommuu raawwataman, isaan keessaa inni tokko kan raawwatame yakkii biroo akka raawwatamu taasisuuf yookiin mijeessuuf yookiin yakka raawwatame biroof dahoo akka ta’uu taasisuuf yaadamee yoo ta’efi hanga yakka addaa tokko kan hundeessan ta’uun isaanii kutaa addaa seerichaa keessatti hin ibsamneetti bu’uura keewwata 184tiin manni murtichaa adabbicha hanga gulantaa ol’aanaatti cimsee murteessuu qaba. 73 Jechi adabbii hanga gulantaa ol’aanaa jedhu adabbii kutaa addaa seerichaa keessatti gochoota yakkaaa raawwatameef kaa’ame dha moo kan kutaa waligalaa keessatti kaa’amefi gaafii jedhu nu keessatti ummamu ni danda’a. Oggeessooni seeraa tokko tokko gaaleen kun adabbii ol’aanaa yakka cimaaf kutaa adda seerichaa keessatti kaa’ame ibsuuf yaada ta’e dha jechuun ka’u. Yaadni kun yakkamaa yakkoota daddabalamaa adda addaa raawwatee irratti hanga adabbii ol’aanaa hanga yakka isaa cimaaf qofa akka murtaa’u gochuun abbootiin seeraa sana biraadarbani yakkamaa irratti adabbii akka hin cimsinne kan daanggeessuu waan ta’eef nama yakka cimaa tokko raawwate fi nama yakkoota cicimmoo baay’ee raawwate gidduuti garaagarummaan akka hin uumamne taasiisa. Yaadni kun yaada dhama qabeessaa miti. Akka qopheesiitoota moojuulli kanaatti jechi kun kan agarsiisu adabbii ol’aanaa kutaa waliigalaa seerichaa keessatti kaa’amefi dha. Sababni isaas manni murtii yakkoota adabbii hidhaa umurii guutuu ykn du’aatiin adabsiisan alaaatti bu’uura sababoota addaa adabbii cimsaniin fayyadamee adabbii kan cimsuu yoo ta’ee, adabbii ol’aanaa kutaa addaa seerichaa keessatti yakkiicha isa cimaaf kaa’ameen otoo hin daangeffamiin adabbii cimsuu ni danda’a waan ta’eefi. Dabalataan SY keewwata 63 fi 185 wal bira qabne yommuu xiinxallu yakkamaan yakka biroo raawwachuuf akka isaaf mijatu yookiin yakka duraan raawwateef dawoo akka isaaf ta’u yakka biroo kan raawwate yoo ta’eefi yakka muummee raawwachuuf yaade kanaaf yoo xiqqaate kan yaale yoo ta’e, seerichi akka yakka cimaa tokkootti kan lakkaa’u yoo ta’e malee dambiin raawwii adabbii waa’ee adabbii yakkoota dachaa /keewwata 184/ jalatti kan tumame raawwatamu akka qabu ni hubatamaa. 72 73 SY RDFI keewwata-184(1E) SY RDFI keewwata-185 www.abyssinialaw.com Kanaaf haaloola SY keewwata 184 jalatti kaa’ameen adabbii kan cimsiinu yoo ta’ee immoo, keewwatni kun yakkamaan sababa isa tokkoon adabbii ol’aanaan kutaa keessatti tumame /Keewwata 106 fi 108/ kan murteessee yoo ta’e alatti sababa yakkoota hariiroo qaban birootiin manni murtichaa bu’uura keewwata kana keewwata 184 1 (b) tiin tokkoon tokkoon yakkoota hariiroo qabaniif adabbiin barbaachisaa ta’e murtaa’ee hundumtuu ida’uun adabbiicha olkaasuun murteessuu kan qabu akka ta’e waan ibsameef yaadni kun adabbii ol’aanaa kutaa adda seericha keessatti yakka isa cimaaf kan kaa’ame osoo hin ta’iin adabbii ol’aanaa kutaa waliigalaa seerichaa keessatti kaa’ameef kan hojjatu dha. Kanamalees yaadni keewwata kana jalatti kaa’ame kan Manneen Murtiidhaaf dhiifame otoo hin ta’iin dirqamaa kan isaan irratti gatuu akka ta’e hubatamu qaba. Balleessichi adabbii itti murta’ee raawwachaa otoo jiru ykn erga xumuree booda, murtiin kennamuun dura yakka daddabalamaa biroo raawwate jiraachuun isaa yoo beekame, manni murtichaa yakkoota dachaa balleessichi raawwateen yeroo tokkotti otoo itti murta’ee jiraatee adabbii olaanaa silaa itti murtaa’u danda’u otoo hin darbiin ni murteessa. Haala walfakkaatuun yakkoota daddabalamaa qabatamaa ykn gocha tokko yakkamaa tokkotiin raawwataman Mana Murtii ykn dhaddachoota gara garaatiin ilaalamane murtii adabbii yoo irratti kenname adabbii waliigalaa tokko bu’uura tuumaalee gubba irratti ibsamaniin kan isaan irratti murtaa’u ta’a. 74 Gocha Tokkoon Yakkoonni Daddabalamaa Yommuu Raawwataman: Yakkoonni daddabalamaa raawwataman goch-tokkee ta’ani bu’uura SY keewwata-187(1) keewwata lamaaffaa fi 187(2B) jalatti ibsameen adabbiin kan cimuu yoo ta’e, Manni Murtiicha yakkoota dadabalamani raawwataman keessaa isa cimaatiif adabbii ka’umsaa guulantaan irratti kufuu addaan baasuun baayy’ina yakkoota hafaniin guulantaa lama lama akka dababalu taasifameera. Kanaabooda sababoota waliigalaa adabbii cimsan yoo jiraatan, sababoota kanaan fayyadame adabbii olaanaa kutaa addaa seerichaa keessatti yakka cimaaf tumame otoo hin darbiin adabbicha cimse ni murteessaa. 75 Yakkoota adabbii isaani bu’uura SY keewwata-184 fi 187(1) keewwata 2ffaa fi 2(B) tiin murtaa’u yakkoota daddabalamaa yoo ta’anilee, akkataa adabbiichii itti shalagamuu ilaachiise qajeelfamicha keessatti yeroo hojjatamu bifa garaagarummaa isaani agarsiisuu danda’uun kaa’amera. Daddabalamni goch-tokkee kan cabsee seera adda addaa yoo ta’elee gocha 74 75 SY RDFI kew-186 Akkuma Lakk-35 Keewwata-22(1B) www.abyssinialaw.com tokkoon kan raawwatame waan ta’eef hammeenyummaan isaa daddabalama qabatamaatii gadi dha. Adabbiin yakka haala kanaan daddabalamees kan ida’amu yoo ta’e akka malee ol ka’uu danda’a. Kanaafuu Manni murtii yakkamtichi yakkoota daddabalamaa kan raawwate otoo itti hin yaadiin fi hin karoorfatiin yookiin amala badaa kan hin qabne ta’uusaa yoo amane yookiin yakkoonni daddabalamaa kan raawwataman dagannoon yoo ta’e, adabbiicha haala addaa ta’een akka shallagamu kaa’amuun isa sirri fi kaayyoo seera yakka waliin kan deemudha. Adabbii Yakkaa Irra Deddeebii Murteessu Yakkamaan tokko irraati bu’uura irra deddeebi’ee adabbiin kan isarratti cimuu ulaagaalee seerichaan kaa’aman guuttamani yoo argamani dha malee, yakkamaan irra deddeebi’ee yakka waan raawwateef qofa adabbiin isarrati cimee hin murtaa’u. Yakkamaan irra deddeebiin yakka raawwateera kan jedhamu adabbii hidhaa itti murta’e guutummaan yookiin gartokkeen guyyaa xumure yookiin adabbiin kun dhiifamaan guyyaa hafeef irraa eegalee yeroo waggaa shanii keessatti yakka haaraa ka’umsii adabbii isaa hidhaa salphaa ji’a jaha ta’een adabsiisuu danda’u itti yaadee kan raawwate yoo ta’edha. 76 Yaada armaan olitti kaa’amera kan hubatamuu yakka irra deddeebiin jira jechuuf jalqaba gochi haaraa kan raawwatame itti yaadame ta’uu qaba. Kana jechuun yakkamaan gochaa haaraa kan raawwatee dagannoodhaan yoo ta’ee yakka irraa daddeebi’ee raawwateera kan isaa jechisiisu miti. Itti yaadamee raawwatamu gochichaa qofa otoo hin ta’in, gochi haaraa raawwatame ka’umsi isaa adabbii hidhaa salphaa baatii jaha ta’eetiin kan nama adabsiisu danda’u ta’uu qaba. Kanamalees gochii haaraa raawwatame sun erga yakkamaan yakka kanaan duraa raawwateen adabbii irratti murta’ee guutuumaan guutuutti ykn walkaan isaa erga raawwatee ykn adabbiichaa otoo hin raawwatiin dhiifamaan guyyaa bahe irraa kaasse waggaa shan keessatti kan raawwatame ta’uu qaba. Ulaagaa isaa lammaffaa irratti kaa’ame ilaalchiise haalli seeraa baasaan ulaagichaa itti teechisee rakkoo kan qabu ta’ee mul’ata. Sababni isaas yaada keewwaticha jalatti kaa’ame Akkuma jirutti hojii irraa olchuu qabna jenne kan yaadnu yoo ta’ee, yakkamtoota yakka adabbii hidhaa cimaatiin adabsiisu danda’u raawwatani argaman ykn yakkamtoota adabbii hidhaa salphaa baatii jaha gadii ykn oli adabsiisu danda’u raawwatani argaman irratti raawwatamu hin danda’u jechu dha. Haata’umalee yaadni seera baastooni qaban namootni yakka adabbii hidhaa cimaa fi adabbii hidhaa salphaa baatii jaha ol ta’een adabsiisu danda’u 76 SY RDFI Keewwata-67 www.abyssinialaw.com raawwatani argaman irratti adabbiin bu’uura keewwata kanaan akka isaan irratti hin murtoofne barbaadamee otoo hin ta’in dogoggora irraa kan madde fakkaata. Yaadni seera baasaan qabu haala seerichaa keessatti kaa’ameen otoo ta’ee manni murtii bu’uura keewwata kanaan adabbii yommuu cimsuu akaakuu yakkootaa yakkamaan irraa daddeebi’ee raawwate akkasumas balaafamummaa isaa fi baay’ina yakkoota deddeebi’ee raawwate yaada keessaa galchuudhaan hanga daangaa adabbii ol’aanaa kutaa waliigalaa seerichaa keessatti kaa’ame gosa adabbii sanaatiif tumametti cimsee murteessuu ni danda’a jedhame SY keewwata-188 jajaati hin tumamu ture. Yakkamaan tokko yakka irra deddeebii raawwachuun isa yoo irratti mirkanaa’e, Manni Murtiichaa bu’uura qajeelfama adabbiitiin yakka haaraa raawwatameef ka’umsaa adabbii guulantaan irratti kufuu addaan baasuun adabbiicha bu’uura SY keewwata-188 jalatti kaa’ameen gulantaa tokko kaase hanga gahadha jedhe itti amaneeti ol’guddisuun cimsuudhaan ni murteessa. 77 Akka qajeeltootti yakkii irra deddeebbii yakkiicha haaraaf adabbii fiixee kutaa addaa seerichaa keessatti tumame darbuun murteessuu ni danda’a. Manni murtichaa yakkiicha haaraaf yookiin yakkoota dachaa haaraa keessaa yakka cimaa ta’eef kutaa adda seerichaa keessatti adabbii fiixee tumamee hamma dachaa ta’utti adabbicha cimsuu ni danda’a. Kanajechuun garuu manni murtii daangaa baaxii ol’aanaa yakka haaraaf ta’e darbuu danda’a malee daangaa baaxii adabbii gosa yakkiichaaf kutaa waliigalaa SY bara 1997 hojiirra oole keessaa ta’e garuu darbuu kan hayyammu miti. Yakkii haaraan raawwatame yakkoota daddabalamaa yoo ta’an immoo isaan keessaa dacha adabbii yakka isa cimaa hanga gahutti adabbii cimsuun murteessuu ni danda’ama. Yaadni armaan olitti kaa’ame kun akkuma jirutti ta’e, Manni murtii akaakuufi baay’ina yakkoota irra deddeebi’amaniin akkasumas, balleessummaa yakkamtichaafi hanga balaafamummaa gochichaatiin yeroo ilaalu yakkii irra deddeebii raawwatame kan balaa guddaa geessisu, baay’ina kan qabu ykn hammeenyummaan yakkamaa ol’aanaa fi gosa yakkaa cimaa ta’uu isaa yoo hubbate adabbii yakka isa haaraa hanga dachaa adabbii kutaa addaa keessatti ta’eefi gahutti yookan dachaa isaa caalchisee murteessuu ni danda’a. Manni murtii akkuma yakka daddabalamaa yakka irra deddeebiifis adabbii yoo murteessu kutaa addaa keessatti yakka jalatti murtii balleessummaa kenname caalchisuun murteessuu ni danda’a. Haata’umalee, adabbiin murtaa’u kun akaakuu adabbichaatiif kutaa waliigalaa seerichaatiin adabbii ol’aanaa tumame caalchisee murteessuu hin danda’u. 77 Akkuma Lakk-35 Keewwata-22(2) www.abyssinialaw.com Seerichii akkaakuun yakkoota yakkamaan irraa daddeebi’ee raawwate akkasumas balaafammumaa yakkamaan qabu fi baayyina yakkoota irraa daddeebi’ee raawwatee yaada keessaa galchuudhaan adabbii dachaa kutaa addaa seerichaa keessatti gochichaaf kaa’ame biraa darbun hanga daanga adabbii ol’aanaa kutaa waliigalaa seerichaa keessatti kaa’ametti adabu akka danda’amu yaa tumamu malee haala qabatamaa itti hojjatamaa jiru yommuu ilaalu yakkamtootni yakka irraa dedeebi’ee raawwatani argaman gocha yakka yeroo lamaffaattif isaan raawwatan akka sababaa waliigalaa adabbii cimsutti (rikoordii) fudhatamee adabbiin yoo isaan irratti cimuu mul’ataa malee bu’uura yaada seerichaatiin hojatamaa hin jiru. Sirni adabbiin irra deddeebii itti murtaa’u inni kan biraa yakkamtichi irra deddeebi’aa amaleeffataa yoo ta’e adabbii murtaa’u dha. Yoo yakkamtichi irra deddeebi’aa amaleeffataa ta’e manni murtii yakka haaraaf adabbii fiixee kutaa addaa seerichaa keessatti tumame dachaa darbuun adabbicha olkaasuu murteessu akka qabu haala ifa ta’een kaa’amera. Asirratti Abbootiin Seeraa wanta sirritti hubachuu qaban yakkamaan amaleeffannaatiin ykn yakka jiru isaa godhachuun kan dalaguu ta’uun isaa yoo mirkanaa’e adabbii yakkamaa irratti isaan murteessu qaban yomiyyuu taanaan akaakuu adabbichaaf adabbii fiixee kutaa waliigalaa seerichaa keessatti tumame hanga hin caaleetti dachaa adabbii ol’aanaa kutaa addaa seerichaa keessatti yakka haaraaf kaa’ame gadi bu’u hin danda’amu. Tuumaalee SY Bara 1997 A.L.I hojiirra oole irratti qabxiilee adabbiin irra deddeebii itti murtaa’u qabu kan armaan olitti ilaalle yaada gahaa ta’e akka nuuf kennuu danda’u ni abdatamaa. Ta’us garuu adabbiin baaxii tumaa addaa SY bara 1997 hojiirra oole keessatti keewwata himatamaan jalatti balleessaa jedhamee olitti murtaa’u danda’a haa jedhu malee hangamiin dabala isa jedhu seerrii yakkaa keenya hin kaa’u. Kanaafis rogummaa kan qabu Qajeelfama adabbii lakkoofsa 2/2006 yoo ta’uu, keewwata 22(2) gadi fageenyaan yommuu xiinxallu dhimma kanaaf furmaata itti kenneera. Bu’uura Qajeelfama kanaatiin namni tokko SY bara 1997 hojiirra oole keewwata 67 jalatti irra deddeebi’aa yoo jedhame manni murtii adabbii kan murteessuuf jalqaba yakka haaraa raawwateef ykn yakkii haaraan daddabalama yoo ta’e immoo bu’uura yakka daddabalameef haala armaan olitti ilaalleen adabbiin ka’umsaa erga murteesse booda bu’uura keewwata 188tiin adabbii cimsuuf immoo gulantaa adabbii ka’umsaaf qabate irratti akkuma haala isaatti gulantaa tokko irraa jalqabee ittiin cimsuudhaani. www.abyssinialaw.com Akka armaan olitti ibsuuf yaalametti yakkamtichi irra deddeebi’aa amaleeffataa yoo ta’e adabbii murtaa’u alati, adabbii yakka irra deddeebii murteessu wajjiin wal-qabate manni murtii aangoo bal’a ta’e ni qaba. Yaada kanaas kan hubannu seerrii yakkaa keewwanni 188 manni murtii hanga dachaa yakka haaraatti ykn dachaa yakka haaraatiin oliin adabu ni danda’a yoo jedhu baaxii gosa adabbii yakkiichaatiin qofa daangeessuu isaarraa ni hubatama. Adabbii ka’umsaa qabame irratti gulantaa tokko irraa jalqabee cimsuu danda’a jechuun qajeelfamichi hanga adabbii irra deddeebiin dabaluu yoo ibsu manni murtii gulantaa tokkoon qofa dabala jechuu otoo hin taane ulaagaalee keewwaticha jalatti kaa’aman madaaluun lakkoofsi gulantaa dabalamuu qabu ni murteessaa jechu dha. C) Sababoota Waligalaa Adabbii Salphiisan Sababootni Waliigalaa adabbii salphiisan yoo argaman adabbii haala armaan gaditti kaa’ameen adabbiin kan salphatu ta’a. Raawwii qajeelfamiichaatiif sababoota waliigalaa SY keewwata-82(1(A-E)) jalatti argaman tokkoon tokkoon isaani akka sababa adabbii salphiisu tokkoti fudhatamani walumaagalati sababootni kun akka sababoota adabbii cimsan shanitti fudhatamani jiru. Haata’umalee keewwata-xiqqaa tokko jalatti sababootni adabbii salphiisan daddabalamani kan argaman yoo ta’e, Manni Murtiichaa sababa isaa barreeffamaan ibsuun adabbiichaa akkuma barbaachiisummaa isaati salphiisu ni danda’a. 78 Manni murtii tokkoon tokkoon sababoota adabbii salphiisaniif gulantaa adabbii ka’umsaa argamurraa gulantaa tokko gadi bu’uun ni murteessa. Kanaafuu, baayy’ina sababoota adabbii cimsuuf argamaniin gulantichi kan ol’dabalu ta’a. As irratti wanta beekamu qabu sababootni kopha isaani fi daddabalamani argaman kun lakkoofsaan hamamiyyuu yoo baayy’atan, manni murtichii sababoota shan caalaa fudhate adabbii salphiisu akka hin qabne tumameera. Sababoota keewwata- xiqqaa jalatti kaa’aman kana hundaa isaaniif qabxiin kan kennamu yoo ta’e adabbiin akkamalee salphatee rakkoo armaan dura kaasnne hordoofsiisu waan danda’uuf qabxiin sababoota waliigalaa adabbii salphiisa shan ol akka hin taanne qajeelfamichaan daangeefamuun isa kan deegaramudha. Kanamalees, Manni murtii sababoota adabbii salphhisan fayyadamee adabbii yeroo salphiisu adabbii seeraan tumame otoo hin darbiin salphiisu qaba /Keewwata- 179/. Qajeelfama adabbii durii keessatti gocha yakka raawwatame adabbii hordoofsiisu jechuunis yakkii raawwatamee adabbii hidhaa salphaatiin kan adabsiisu yoo ta’e gulantaa tokkon, yakkoota ka’umsaa isaani adabbii hidhaa cimaa waggaa tokko ta’eef guulanta lama, yakkoota 78 Akkuma Lakk-35 Keewwata-23(1) www.abyssinialaw.com ka’umsaa isaani adabbii hidhaa cimaa waggaa torbafi uumurii guutuu ta’eef gulantaa Sadii, akkasumas yakkoota ka’umsaa isaani adabbii du’aa ta’eef gulantaa afur gadi bu’uun akka murtaa’u kan kaa’ame ture yommuu ta’u, 79 kun garuu adabbii yakkamtoota irratti murtaa’u baay’ee akka gadi bu’uu gochuun kaayyoo adabbii qabu irratti dhibaa mata isaa kan qabu akka ta’e waan hubatameef yakkii raawwatame adabbii hidhaa salphaanis ta’e cimaatiin yoo adabsiise gulantaa hirdhifamu gulantaa tokko qofa dha. 80 Yakkooni adabbii hidhaa cimaafi salphaatiin adabsiisan daddabalamani kan yoo argaman raawwii keewwata kanaatiif adabbiin hidhaa salphaa waggaa lamaa akka hidhaa cimaa waggaa tokkootti fudhatame adabbii hidhaa cimaa waliin ida’uun adabbiin ka’umsaa erga beekame booda bu’uura armaan olitti ibsameen adabbiin kan salphatu ta’u. Sababoota keewwata- xixiqqa “A, B, C, D, E” jalatti tarreefaman keessa sababni tokko qofa yoo argamelee, akka sababa adabbii salphiisu tokko argameetti fudhachuun adabbiin akka cimu ni taasifama. Yaadni kun keessumaatu SY keewwata-84(1A) wajjiin wal-qabate falmii oggeessota seera gidduuti ka’uuf deebii kan kennuufi murtee Mana Murtii waliigalaa dhaddachaa ijibbaataatiin kan deegarame waan ta’eef, falmii kanaan dura ka’aa ture kan hanbiisudha. Kun Akkuma jirutti ta’e kutaa addaa seerichaa keessatti tumaa addaatiin haalawwan yookiin sababoonni kun adabbii salphisuuf yommuu tumamanitti manni murtichaa sababootuma kana adabbii salphisuuf irra deebi’uun itti fayyadamuu hin danda’u. 81 D) Sababoota Addaa Adabbii Salpiisan Sababootni kun sababoota addaa adabbii salphiisan jedhamani kutaa addaa fi waliigalaa seerichaa keessatti kanneen kaa’amani dha. Manni murtii akka itti fakkaateetti adabbii salphisu ni danda’a ykn qaba jedhame seeraan yoo kaa’ame akaaku adabbii ykn daanga adabbii gadi annaa kutaa addaa seerichaa keessatti yakkiichaaf kaa’ameen otoo hin daangeffamiin adabbii salphiisu ni danda’a. 82 Kana jechuun manni murtii gosaa adabbii tokko kan biraatif jijjirus ta’ee adabbii cimaa gara salphaatti gadii buusu ni danda’a jechu dha. Haata’u malee adabbiin Mana Murtiidhaan kennamu kun haala kaminnu adabbii gadi annaa kutaa waliigalaa seerichaa keessatti kaa’ame gadii ta’uu hin danda’u. Sababootni armaan gadii akka sababoota addaa adabbii salphiisanitti kan fudhatamani dha. 79 Akkuma Lakk-47 Keewwata-16(4-9) Akkuma Lakk- 35 Keewwata-23(4) 81 SY RDFI keewwata-84(2) 82 SY RDFI kew-180 80 www.abyssinialaw.com Yakkoota muraasa ta’an irratti mataa offi isaa, fira dhiyoo dhigaa ykn gaa’ila isaa, nama walitti dhufeenya addatti cimaa ta’e irraa qabu adabbii jalaa miliqsuuf jedhe kan raawwate yoo ta’ee SY-83 fi 443, 806,446(b),453,561, Dhiisuu fi Gaabuu (kew-28-2), yakka raawwtamu hin danda’amne yaaluu (kew-29); SY kew-49;72;74(2);75;76;77;79;81, fi Kutaa addaa seerichaa keessatti kew- 371 fi 372; 550; 454; 544; 652(2) jalatti kaa’aman akka fakeenyatti ilaaluun ni danda’ama. Haala addaa ta’een adabbii salphiisu hanga yakkamaa adabbii irraa bilisaan gaggeessuutti gahu ni danda’a. Kuniis ulaagaleen seera yakka kew- 83(2) jalatti kaa’aman guuttamani yoo argaman manni murtii yakkamaa adabbii irraa bilisaan akka gadi dhiiffamu murtessu ni danda’a, garuu manni murtii yakkamaa bu’uura kanaan adabbii dabalataa irraa bilisaan gadii dhiisuu hin danda’u. Walumaagalatti manni murtii yaada adabbii cimsan fi salphiisan bitaaf mirgaa irraa dhiyaatu irratti hundaa’udhaan adabbii isaa dhumaa ni murtessaa. Sababootni adabbii cimsan fi salphiisan bitaaf mirgaa irraa dhiyaatan kan jiran yoo ta’ee manni murtii jalaqbaa adabbii erga cimsee booda itti annsudhaan adabbii ni salphiisa. Akkuma armaan olitti ilaaleen seera baasaan sababoota adabbii cimsan fi salphiisan hamma danda’ame ifa goochuudhaaf yaaliin taasiseera. Haata’umalee jijjiramaa hawaasa keessatti dhufuu danda’uufi tokkoon tokkoon dhimmoota irratti muudachuu danda’an guutuumaan guutuuti duursani tilmaamuu rakkiisa waan ta’eef haqaa mirkanneessuuf adabbii salphisuuf yookiin cimsuuf kan dandeessisu, sababni gahaa biroon seeraan ifatti hin tumamne yommuu argamuufi kanuma manni murtichaa kan fudhatu yommuu ta’u maaliif akka fudhate ibsuun barreessuun adabbii murteessuu ni danda’a. 83 Yaadni seericha keessatti kaa’ame kun ta’ee otoo yeroo baay’ee Abbootiin Seeraa adabbii salphiisuudhaaf yaadooni itti fayyadaman yakkamaan: Bulchaa Maatii ta’u, Dhaddachaa irratti amala mul’isu, yeroo baay’ee beellamaa irratti deedeebi’uu isaa, beellamaarraa kan hin haafnne ta’u, Barataa ta’u, Galiin isa xiqqaa ta’u, dargaggeessa ta’u fi k.k.f qabxiilee jedhani dha. 83 SY RDFI keewwata-86 www.abyssinialaw.com Sababooni kun SY keewwata-86 waliin ni deemu jedhani yaaduun yeroo baay’ee kaayyoo adabbii seerichi qabu waliin kan hin deemne waan ta’eef Abbootiin Seeraa itti fayadamaa sababota adabbii cimsafi salphiisaniif xiyeeffanna guudaa kennuun haala kayyoo seerichaa galmaan gahu danda’un itti fayyadamuu qabu jenna. 3.4. Duraa Duuba Murteessa Adabbii Ittiin Hogganamu Ifa Gochuu Bu’uura qajeelfama adabbii 2/2006ti Manni Murtiicha adabbii murteessuun dura hojii inni raawwachu qabu keessa inni jalqaba keewwata seera yakkamaan balleessa jalatti jedhame sadarkaa kan isaaf qophaa’e ta’ufi dhabuu isaa qulqulleessudha. Yakkichii sadarkaan kan isaaf qophaa’e yoo ta’e booda bu’uura qajeelfamicha kutaa 3ffaa keessatti ta’een sadarkaan yakkiichaa ni murta’a. Itti aansuun, gulantaa sadarkaan yakkiichaa keessatti kufu gabatee adabbii maxxantuu 1ffaa irraa adda baafama. Kanabooda reenjii adabbii kaa’ame keessatti adabbii ka’umsaa ni murta’a. Haata’umalee sababooni adabbii cimsan fi salphiisan yoo jiraatan manni murtii haala armaan olitti kaa’ameen adabbii ka’umsaa murteessuu otoo hin barbaachiisin bu’uura qajeelfamiicha irratti kaa’ameen adabbii ni cimsaa ykn ni salphiisa. Yakkichii sadarkaan hin qophofnnee yoo ta’e immoo haala barreeffamaa kana boqonnaa sadaffaa keessatti ibsameen dursani sadarkaa isaa addaan baasuu barbaachiisadha. Kanabooda, sadarkaalee keewwata seera yakkiichaaf qopha’ee keessa gochaa yakkamaan raawwateef sadarkaa madaaluu addaan ni baasna. Sadarkaan isaa yoo addaan bahe sadarkiichaaf adabbii ka’umsaafi baaxii isaa haala salphaa ta’een addaan baasuu ni danda’ama. Itti-ansuun reenjii adabbii kaa’ame keessatti adabbii ka’umsaa ni murta’a. Adabbiin ka’umsaa erga murta’e booda gulantaa irratti kufuu addaan baasuun sababoota adabbii cimsan fi salphiisaniin fayyadamuun adabbiin isaa xumuraa kan murtaa’u ta’a. Yakkootni sadarkaa qopha’eefi hin qophofneef daddabalamani raawwatamani yoo argaman bu’uura qajeelfama kanaatiin tokkoon tokkoon yakkootaaf adabbii ka’umsaa erga murta’e booda adabbii yakkoota kana bakka tokkoti ida’uun akka adabbii ka’umstti fudhachuun bu’uura armaan olitti ibsameen kan shallagamu ta’a. Gaaffii Marii 1. SY kwt-540 jalatti namni balleessa jedhame ilaalchiise ka’umsa yakkichaatiif sababa kan ta’e namni 3ffaa (miidhamaafi yakkamaa ala ta’e) yoo ta’e adabbiin haala kamiin murta’a? 2. Miidhaawwan qaama cimaa dagannoon raawwataman wajjiin wal-qabatee (SY kwt-559) sadarkaan yakkicha ennaa qophaa’uu yakkamaan gochicha kan raawwatee yakkaan kan nama www.abyssinialaw.com gaafachiisu ta’uu isaa osoo beekuu hin qaqqabu tilmaama jedhuun ykn madaaluu dhiisuun isa jedhufi yakkaan kan nama gaafachiisu ta’uu isaa osoo hin beekiin yaaduu dhiisuun kan raawwatamee ta'uu isaa (SY kwt-59) yaada keessa bifaa galcheen miti. Sadarkaan yakkichaa haala kanaan qophaa’uun isaa adabbii murtaa’u ilaalchiise rakkoon inni uumuu danda’u jira jettani yaadduu? Kwt-559 jalatti adabbii murtaa’uuf yaada kana haala kamiin hojjiirra olchu dandeenya? 3. Obboo Tujiin gaafa 11/10/2005 qabeenya tilmaamni isaa qarshii kuma Sadii baasuu haatuun isaa waan mirkanaa’eef balleessa jedhamaniiru (SY kwt-665). Kanamalees haalawwan seera kana kewwata 67 jalatti ibsaman guutamani kan argaman yommuu ta’u kanamalees yakkamaan irra deddeebi’aa amaleeffataa ta’uun isaa mirkanaa’eera. Qajeelfama adabbii 2/2006 fi seera yakka irratti hundaa’uun adabbii isaa murteessa? 4.Oggeessoonnii seera tokko tokko yakkoota sadarkaan hin baaneef ilaalchiise qajeelfama adabbii kwt-19(10) jalatti manni murtii sadarkaan yakkicha baay’ee cimaadha jedhe yoo itti amane gulantaa 4ffaa jalatti adabbii ka’umsaa murteessuu akka danda’a tumamuun isaa yaada sy kwt-189 jalatti kaa’amee kan faalleessudha jedhani amanu, isiin yaada kana akkamitti madaaltu? 5.Yakka sadarkaa yaaliitti hafe (kwt-27); Kakaasuu (kwt-36) fi Gargaaruu (kwt-37) ilaalchisee bu’uura sy kwt-179tiin akka sababa waliigalaa adabbii salphisu tokkotti fayyadamuun adabbii salphiisu akka danda’amu tumameera. Sababoota kana akkumaa sababoota waliigalaa adabbii salphiisuuf sy kwt-82 jalatti kaa’amniin fayyadamuun adabbii salphiisuuf ittin gargaaramuun alatti filannoo biroo jira jettani yaadduu? yoo jiraatan haala kamiin itti gargaaramuu dandeenya? Dhimma 6ffaa Dhimmi kun himannaa abbaa alangaa fi Fiqaaduu Urgiyyoo ture dha. Himatamaan seera yakka keewwata-539(1A) bira darbuun himatame, Manni Murtii Ol’aanaa Magaalaa Adaamaa dhimmicha Lakk-Galmee 11606 ta’ee irratti ilaale keewwata yakkamaan itti himatame gara seera yakkaa keewwata 540tti jijjiiree murtii balleessumaa kennee jira. Yakkamaan gocha kana kan raawwate kanaan dura yakka yaalli ajjeechaa raawwateen adabbii hidhaa cimaa waggaa 10 adabame mana amalaa sirreessaa keessatti otoo jiru akka ta’e falmiicha keessatti ibsameera. www.abyssinialaw.com Yaada adabbii bitaaf mirga irraa yeroo dhiyaatuus Abbaan Alangaa yakkamaan kun armaan dura yakka yaalii ajjeechaa raawwatee adabbii waggaa kudhan kan isaa irratti murta’ee ta’uu isaa garagalchaa murtiichaa dhaddachaa irratti dhiyessuudhaan bu’uura seera yakka kew-84 (1C) tiin adabbii akka isaa irratti cimuu gaafateera.Manni murtiisa yaada Abbaa Alangaa dhiyessee kana bu’uura seera yakka kew-84(1C) tiin akka sababaa waliigalaa adabbii cimsuu tokkotti fudhate yakkamaan adabbii hidhaa cimaa waggaa sagaltiin akka adabamu murtesseera. Dabalataanis D/kennaan ammaa kun yaalii ajjeechaa raawwateen adabbiin akka itti murtaawee jiru waan hubatameef adabbii galmee kanarratti kennamee erga dabbiin duraa xumurameen booda kan raawwatamu ta’uu beekanii haala kanaan akka raawwachiisanmana amala sirreessaaf ajaja dabarseera. 1,Yakkii haala kanaan yoo raawwatamu sirni adabbii hordofamuu qabu akka yakka daddabalamaatti dha moo akka irra deddeebiitti? Ykn akka yakka of danda’ee haaraa raawwatameetti lakkaa’amee murtaa’aa? Maaliif? Dhimma 7ffaa Dhimmi kun himatamaan Raggasaa Naggasaa Boosatfi Abbaa Alangaa gidduu ture dha. Himatamaa kana irratti himanaa gaafa 30/05/2005 barreeffamee dhiyaateen, Himanna 1ffaa SY keewwata- 539(1A) biraa darbuun nama lama waan ajjeesseef akkasumasi himanni lamaffaan immoo iddoo fi yeroo himanna 1ffaa keessatti ibsameen SY keewwata-27(1) fi 539(1A) bira darbuun dhukaasa banneen tokko mata gara duuba rukkutee yaalii ajjeechaa waan raawwateef himatameera kan jedhu dha. Manni murtii falmii bitaaf mirga irraa dhiyaate Lakk- galmee 33291 ta’e irratt dhagahee dhaddachaa gaafa 09/07/2005 oleen himatamaa kewwatoota itti himataman lachuu jalatti balleessa qaba jedhe murtessee, yaada adabbii Abbaa Alangaa: keewwata- yakkamaan balleessaa itti jedhame lama waan ta’eef adabbii cimee akka irratti keennamu jedhe gaafateera. Himatamaan gama abbuukaatoo ittisaa isaatiin rikoorddii narraatti dhiyaate hin jiru kun immoo ani nama nagaa ta’u koo kan agarsiisu dha. Kanamalees barumsaa hin qabu waan ta’eef adabbiin naaf haa salphaatu jedheera. Manni murtii yaada adabbii bitaaf mirga erga dhagahe booda yakkamaa irratti kuusa yakka dhiyaate hin jiru. Himatamaan abbaa maatti hedduu fi kan hin barannee dha. Himatamaan gochaa raawwachuu hin ittifnnee. SY immoo nama akkanaatiif adabbii akeekkachiisa kennuu barbaachiisa dha waan jedhuuf manni murtiis tuma kanaa hojii irraa kan olchuu waan ta’eef’ www.abyssinialaw.com haalummaa kanaan himataa dhiyaatee bu’uura SY kw- 85 fi 184(1A) himataa 1ffaa jalatti hamachiisuudhaan gaafa harkii isaa qabamee irraa eegalee hidhaa cimaa waggaa 20 tiin akka adabamuu sagalee tokkoon murteesseera. 1, Haalli manni murtii adabbii itti murteesse hamachiisuudhaan kan shallagamee dha inni jedhu yaada sirrii dha moo, miti maaliif? 2, Iddoo dhuftanitti yakkootni wal-fakkaatan yeroo isiin qunamu adabbiichaa haa kamiin shallagduu, muuxannoo qabdan irratti hunda’uun bal’innaan irratti mari’adha. 3, Yakkoota haala dhimma kana irratti ibsameen raawwatamaniif kaayyoon adabbiichaa akkuma manni murtii kun jedhetti akeekkachiisa kennuu dha? Dhimma 8ffaa Dhimmi kun Abbaa Alangaa fi yakkamtoota Tufaa Deessisaa faa jiddu jiru ilaalchiise Abbaan Alangaa himataa Lakk- 373/0075/2000 fi 374/ 00083/2000 gaafa 15/07/2000 tiin barreeffameen akkasumas Lakk-520/00253/2000 gaafa 13/09/2000tiin barreeffameen yakkoota daddabalamman adda addaa raawwatani waan argamaniif himatamani jiru kan jedhu dha. Manni murtii ol’aanaa Godina Shawaa Lixaa himana dhiyaate kana Lakk-galmee 20881, 20788, 21070 ta’an irratti falmii bitaaf mirgaa irraa dhiyaate dhagaahe yakkamtoota Tufaa Deessisaa, Awwaluu Quxxubee fi Gammachisaa Tarreessaa Lakk- Galmee 20881 ta’ee irraatti dhaddachaa gaafa 18/03/2002 oleen adabbii umurii guutuu, Waggaa (10) kudhaniin, Waggaa 15 (kudha shaniin), fi Lakk-galmee 20788 ta’ee irratti dhaddachaa gaafa 16/07/2002 oleen adabbii umurii guutuu, umurii guutuutiin, waggaa 10 (kudhaniin) wal duraa dubaan akka adabaman yommuu murtessuu, Kanamalees Lakk-galmee 21070 ta’ee irratti dhaddachaa gaafa 26/02/2003 yakkamtoota tokkoon tokkoon isaani adabbii hidhaa cimaa waggaa 10(kudaniin) akka adabaman murtessee jira. Galmee kanarrati gochi yakkamtootni raawwatan yakkoota daddabalamaa yommuu ta’aan yakkoota Lakk-galmee 20788 jalatti eeraman raawwachuun isaanii kan mirkanaa’e yakkamtootni Lakk-galmee 20881 jalatti murtii adabbii isaan irraatti murta’ee otoo raawwachaa jiran yommuu ta’u, yakkoota Lakk-galmee 20107 jalatti kaa’aman raawwachuun isaani kan mirkana’ee immoo yakkamtootni Lakk-galmee 20788 fi 20881 jalatti murtii adabbii isaan irraatti kenname otoo raawwachaa jirani dha. Haalli murtii adabbii yakkamtoota Tufaa Deessisaa fi Awwaluu Quxxubee irratti kenname seera yakka keenya wajjiin wal bira qabdani yommuu ilaalatan rakkoon inni www.abyssinialaw.com qabu maal fa’a dha? Haala qabatamaa iddoo dhuftan waliin muuxannoo qabdan kaasaatti bal’inaan irratti mari’adha? Dhimma 9ffaa Galmee kun A/Alangaa fi Fallaqaa Sibhaatuu gidduu ture dha. Himatamaan SY keewwata543(2) darbuun kan himatame yommuu ta’u, Manni murtii ol’aanaa godinaa Shawaa Kibba Lixaa falmii bittaf mirga irraa dhiyaate Lakk- galmee 24745 ta’e irratti erga dhagahe booda himatamaa keewwatummaa itti himatame jalatti balleessa qaba jedhe, ‘’ dhimma kana irratti qajeelfama adabbii hordofuu otoo hin barbaachsiin yakkamaan hidhaa salphaa guyyaa 10(kudhan) fi adabbii maallaqaa qarshii 3,000.00 (kuma Sadii) tiin akka adabamu murtaa’eera jechuun murtii kenneera.Himatamaan guyyoota 7(torba)f dhimma kanaaf to’annaa poolisii jala kan ture ta’uu waan ibseef haala waliigalaa isaa irraa adabbii hidhaa jedhame otoo irratti hin raawwanne bu’uura SY kewt.192 tiin daangaa waggaa lamaatiin akka turu jechuun murtaa’eera’’ jedha. Akkaata manni murtii tokko qajeelfama adabbii otoo hin hordoofiin itti murteessuu danda’u dhimmoota akkami irratti dha? Murtii kenname kana seera yakkaa fi qajeelfama adabbii irratti hunda’uun bal’inaan irratti mari’adha? www.abyssinialaw.com Barreeffamoota Wabii Kitaaboota Graven Phillippe, An Introduction to Ethiopian Penal Law, Haile Sellassie I University Press, Addis Ababa, (1965). th Ashworth Andrew, Sentencing and Criminal Justice, (4 Ed.), Cambridge University press, New York, (2005). Inciardi James A., Criminal Justice (7th Ed.), (2004-2005), McGraw Hill publishing Co., USA. Mat avers Matt (Ed.), Punishment and Political Theory, (1999). Bra yen A.Garner Black’s Law Dictionary, (7thEd.), (1999), West Groups Co., USA. Julian v. Robert (Ed), Mitigation and Aggravation at Sentencing, Cambridge University Press, 2011 Faasiil Nahoom, Adabbii fi hawaasa, 1982 A.L.I Joornaalli Seera Itoophiyaa Jildii-12, Tsahaay Waadaa, Joornaalii Seera Itoophiyaa Jildii-25, Lakkk-2, Fulbaana 2012 A.L.A Barreeffamoota Hin Maxxanfamne • Federal Justice Organs’ Professionals Training Center (JOPTC), sentencing and its execution for pre-service trainers, by Nuru Said (2008), • Ali Mohammad Ali, Problems Related with the Use of Compulsory Labor under Ethiopian Criminal Justice System, a conference paper prepared for the Justice of Organs of the Country, (1996 E.C) • Standards of professional responsibility and statement of essential duties and rights of prosecutors adopted by the international association of public prosecutors on 23 April 1999. Toora Interneetii Irraa • • • • Robert Allen, Divine Punishment as a Problem in Theodicy, available at, http://www.kton.demon.co.uk/punishment.htm, accessed on 17/8/2012 Legal Punishment and its Justification, available at Stanford Encyclopedia of Philosophy. Jenny E., What are the Objectives of Punishment?, available at, http://www.ehow.com/info_8714170_objectives-punishment.html, accessed on 09/08/2012). Beccaria, Argument on crimes and Punishment, www.crimetheory-com, www.abyssinialaw.com Heera, Seerotaa fi Imaammataa • Heera Mootummaa Riipabilikii Diimokiraatawaa Federaalawaa Itoophiyaa L-1/1987 • Labsii S/Y Riipabiliikii Diimokiraatawaa Federaalawaa Itoophiyaa Lakk-414/1996 • Labsii Seera Deemsa Falmii Yakka Itoophiyaa Lakk-185/1954 • Qajeelfama Adabbii Itoophiyaa Lakk-1/2002 • Qajeelfama Adabbii Itoophiyaa Lakk-2/2006 • Imaammata Bulchiinsa Sirna Haqaa yakkaa Itoophiyaa, Gurraan dhalaa 2003 • Dambii Naamusaa Abbootii Seeraa Lakk- • Wixinnee Dambii Naamusaa Abbootii Alangaa --------/2005 • Protocol to Prevent, Suppress and punish Trafficking in Persons, Especially Women & Children, Supplementing The UN Convention Against Transnational Organized Crime, UN-2000 Dhimmoota Wabii Abbaa Alangaa fi Himatamaa Machawaa Huuqaa, Mana Murtii Aanaa Yaabeelloo, Lakk-galmee 05722 Abbaa Alangaa fi Fiqaaduu Urguyyoo, Manni murtii Ol’aanaa Godinaa Addaa Magaalaa Adaamaa Lakk-galmee 136287 Fisahaa Abbaay faa N-2 fi Abbaa Alangaa Waajjira Galiiwwan fi Gumuruuka Federaalaa, Mana murtii Waliigalaa federaalaa Jiildi 10ffaa Lakk-galmee-53612, Isayaas Abarraa faa N-5 fi Abbaa Alangaa Naannoo Oromiyaa, Mana murtii Waliigalaa federaalaa Jilddi 12ffaa Lakk- galmee 45595 ilaalu ni danda’ama Abbaa Alangaa Federaalaa fi Barihuun Fiqaadu, Mana murtii Waliigalaa federaalaa Jilddi 12ffaa, Lakka-galmee-59356 Abbaa Alangaa fi Raggasaa Naggasaa, Mana murtii Ol’aanaa Godina Shawaa Bahaa, Lakk- galmee 33291 Tasfaayee Addalaa fi Abbaa Alangaa, Jilddii 10, Mana murtii Waliigalaa federaalaa Lakk-galmee 48617 Abbaa Alangaa Naannoo Tigraay fi Haqoos W/Mika’eel, Mana murtii Waliigalaa Federaalaa Jildii 13 Lakkk-galmee 72304 Abbaa Alangaa fi Tufaa Deessisaa faa, Mana Murtii Ol’aanaa Godina Shawaa Lixaa, Lakk-galmee 20881, 20788, 21070
Benzer belgeler
(WGO) BIYYA UK 1982 – 2012, MAGAALAA MAANCHISTAR
Gargaarsa inni kennaa jiru keessaa inni guuddaa fi angaafti maallaqa, nyaata,
qorichaa fi uffata walitti qindeessuun baqattoota Oromoo biyyoota ollaa kan akka
Sudaan, Keeniyaa, Jibuutii, Somaaliyaa...